Seera Bayu'uu 31 - Kitaaba Woyyuu

Baasili'eelii Fi Eeliyaab(Ser. Ba'u. 35:30-31)

1Rabbi Muuse'een akkana jedhe,

2«Ila ani ilma ilma Hoorii ilma Uurii Baasili'eelii gosa Yihuuda'aa maqaa isaatiin waameera.

3Hafuurri Rabbii hujii isaa maraan ogummaa'a, hubanna'aa fi beekkumsa akka argatu itti guuteera;

4akka hujii ogumma'aan hubatu, akka worqii, birrii, sibiila diimaa,

5akka dhagaa ijaarsaa tolchu, akka muka bocu, waan gara garaa midhaassee akka hojjatuuf.

6Akka isa woliin hojjatu gosa Daanii keessaa ilma Ahisaamikii Eeliyaabiin kenneeraaf; waan ani si ajaje maraa akka godhaniif ogummaa onnee ogeeyyii maraa keessa godheera.

7Daasee wol gayi'ii, saanduuqa waada'aatii fi meeshaa qadaada isaa ka isa irra jiruu fi meeshaa daase'ee maraa,

8Gabataa, meeshaa baattuu ibsa'aa woliin woyyoome maraa, girgiraa hixaanaa,

9hulee ciincaan irratti gubamu, meeshaa ciincaan irratti dhiyaatu maraa, saanii irratti dhiqatanii fi waan isa irra kaayan, uffata ogumma'aan hojjatame,

10uffata gadumma'aan ittiin na tajaajilan, uffata Aaroonii ka gadumma'aa, uffata ijoollee isaa maraa,

11Dhadhaa dibataa ka mana woyyumma'aatiif ta'uu fi hixaana urgaan isaa misha'aa akkuma ani si ajaje haa godhanii»

Sambata

12Rabbi Muuse'een akkana jedhe,

13«Ijoollee Israa'eliititti akkana jedhii himi; ani Rabbii isin woyyoomsu akka ta'e akka beettan, anaa fi isin, ijoollee ijoollee teessaniitiif woyyuu akka ta'u Sambata kiyya eegaa'a.

14Kanaafuu Sambanni anaa fi isin jiddu'utti malkata waan ta'eef eegaa'a; namni sambata hin eenne maruu haa ajjeefamuu; ka guyyaa Sambataatiin hujii hojjatu maruu banii wodhakka'aa fooyamee haa baduu.

15Guyyaa jahaa hujii kee hojjadhu; guyyaan torbeesso'oo ammo guyyaa hara baafataa ka Rabbiif woyyoome; ka guyyaa Sambataa hujii hojjatu maruu sirima haa ajjeefamuu.

18Rabbi haga Muusee woliin gaara Siina'aa irratti waan dubbate raawwateen maayessa gabatee dhaga'aa ka raga'aa lamaan ka harka Rabbiitiin irratti barreeffame fuudhee kenneef.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help