Raajii Isaayyaasii 53 - Kitaaba Woyyuu

Jasaa Hojjataan Rabbii Namaaf Ta'e

1Baniinillee akkana jedhanii deebisan,

«Waan nu dubbannu eentu amana?

irreen Rabbii eennutti mudhate?

2Tajaajilaan kiyya akkuma hiddaa fi

biqila lafa gogaa irratti biqiluutitti guddate;

nu akka isa hin laalleef inni bareeddinnaa fi gaachena hin qabu;

nu isa jaalachu'uuf

bareeddinnaa fi gaachena hin qabu.

3Inni nama namoonni biraa tuffatee fi jibbe;

inni nama gaddaatii fi ka rakkinnaati;

inni ka namoonni tuffatanii irraa goraanii fi

ka nullee isa hin kabajjine.

4Inni dhugamaan dhibee keenna ufitti fuudhate;

dhukkuba keennallee nu irraa baadhate;

nu garuu akka waan Rabbi dhayee kuffisee madeesseetitti isa laalle.

5Inni garuu balleessaa keennaaf woraannamee madaaye;

yakka keennaaf butute;

nu'u adabamu'uu fi

madaayuu isaatiin fayyine.

6Nu maruu akkuma hoolotaa gar gar facaanee

karama ufii feene deema'aa turre;

Rabbi garuu yakka keenna maraa isa irra kaaye.

7Miidha'aa fi rakko'otu isa irra gaye;

inni garuu womaa hin dubbanne;

akkuma hoolaan hennaa rifeensa irraa haadan cadhiftuutii fi

akkuma ilmoon korbeessaa ta hoola'aa hennaa qalmaaf qabatanii deeman cadhiftuutitti

innillee uduu womaa hin dubbanne cadhise.

8Murtii qajeelaa hin taane itti murteessanii qabanii deemaniin;

waan inni durana ta'u eentu hubatuu danda'a?

inni yakka banii kiyyaatiif dhayame;

adunyaa namni irra jiraatu irraa dhabame.

9Hammeenna tokkollee uduu hin hojjanne;

arraba ufiitiin uduu soba hin dubbanne,

duuti isaa worra yakka hojjate woliin ta'ee,

awwaala dureessaa keessatti awwaalame» jedha'aa deebisan.

10Rabbi akkana jedha,

«Garuu akka inni guddisee miidhamee bututu ka godhe ana;

inni hennaa lubbuu ufii sababaa yakkaatiif

ciincaa godhee dhiyeessu

barri isaa dheeratee fiixaa ufii arga;

karaa isaatiin fedhiin kiyya raawwatama.

11Tajaajilaan kiyya balchaan rakko'oon maayessa

ifa jireennaa argee dheebuu baya;

beekkumsa ufiitiin namoota hedduu qajeelcha;

yakka isaaniillee hin baadhata.

12Lubbuu ufii du'aaf kenne;

worra waan hamaa hojjateen wolitti laakkayame;

inni garuu cubbuu nama maraa fudhate;

worra cubbamtootaa bakka bu'ee Waaqa kadhate;

kanaafuu ani akka inni worra jajjaba'aa fi

gugurdaa woliin boojuu qoodamu godha.»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help