Raajii Ermiyaasii 15 - Kitaaba Woyyuu

Murtii Banii Yihuuda'aatitti Murteeffamu

1Kanaan maayessa Rabbi akkana naan jedhe, «Yoma Muuseenii fi Saamu'eel na afoo dhaabatanii waan banii kanaatiif na worwaatan ani banii kanaa hin araaramu; kanaafuu akka isaan na irraa fagaatan godhi.

2Yoo isaan ‹essa deemna ree?› jedhanii si gaafatan waan armaan dura

‹worri bala'aan akka du'an isaanitti murtaaye bala'aan du'an!

worri lolaan akka du'an isaanitti murtaaye lolaan du'an!

worri beelaan akka du'an isaanitti murtaaye beelaan du'an!

Worri booji'amanii akka hidhaman isaanitti murtaaye

gara hidha'aa haa deemanii› jedhee sitti hime san isaan qaabsisi.

3Ani Rabbi wonti hamaan afurii akka isaan irra gawu murteesseera; kanaafuu,

isaan lolaan du'an;

reeffa isaanii sariintu harkisa;

foon isaanii allaatti'itu nyaata;

ka hafe garuu busaaya'atu qorga.

4Waan hamaa Minaasee ilmi Hisqiyaasii bara biyya Yihuuda'aa irratti mooye Yerusaalemiin irratti hojjateetiif sababaa miidhaa isaan irra gayuutiif baniin adunyaa kanaa akka guddisee hucuucamu godha.»

5Rabbi akkana jedha,

«Isin banii Yerusaalemii! eentu garaa isinii laafa?

eentu isinii gadda?

hennama diqqo'oof dhaabatee ka waan keessaniif waa gaafatu eennu?

6Isin bee na dhiiftaniirtanii;

uf duuba deebitaniirtan;

ammaa achi isinii hin araaramu;

Ani harka kiyya diriirsee isin bulleessa.

7Akkuma qilleensi buraa bittinneessu

ani qachoota biyyattii keessa jiran keessa isin bittinneessa;

isin baniin kiyya waan hamaa irraa waan deebi'uu diddaniif

isin balleesse;

akka ijoollee teessanillee ajjeesan godhe.

8Dubartiin abbaa worraa ajjeefatan ta biyyattii teessan keessa jiran

baay'inni isaanii xidhacha qarqara galaanaa caaleera;

guyyaa goga'aan akka haawwonni qacaleen

du'an godha;

isaan irratti yoma san rakko'oo fi hucuucama guddaa fida.

9Haati ijoollee torban ufii dhabde,

guddiftee abdii kutattee hafuurri isi'ii adda cite;

guyyaan itti dukkanaayeera;

saallinii fi salphinni isii irra gayeera;

ta lubbu'uun jirtullee akka diintonni teessan isii ajjeesan godha;

ani Rabbi waan kana dubbadheera.»

Ermiyaas Mararoo Ufii Rabbitti Himate

10Bade haadha tiyya! maaf na deette? hireen kiyya banii biyyattii tana keessa jiraatan maraa woliin wol mormu'uu fi wolitti nyakkisuu ta'eera; ani horii eennuullee hin liqeessine; eennuun irraallee hin liqeeffanne; garuu namni maruu na abaara'aara.

11Kanaan maayessa Rabbi akkana jedhe, «Ani dhugamaan kaayoo gudda'aaf si oolcha; hennaa rakko'ootii fi hennaa muddamsu'uu akka diintonni tee si shelatan godha.

12Isin banii Yihuuda'aa! isin akkuma sibiila sibiila diima'aan wolitti makame cabsuu hin dandeenne akkasuma balaa diinni gara kaabaatii isinitti miixuun uf irraa dhoogguu hin dandeettan.»

13Rabbi akkana naan jedhe, «Sababaa isin biyyattii keessatti cubbuu hojjattaniif qabeennaa fi horii isin qabdan maraa gatii tokko malee dabarsee diinaa kenna.

14Lolli kiyya akka ibidda hin dhaamneeti; kanaafuu isin biyya ormaa keessatti akka garboota diintota keessanii taatan godha.»

15Anillee akkana jedheen, «Rabbii kiyya! ati waan maraa hin beetta; yabo'oo na qaabadhuu na gargaari; worra na ari'an haluu naa bayi; ati waan guddiftee obsituuf na hin balleessin; ani wonti hagana mara arrabameef maqaa keetiif.

16Rabbi Waaqa banii maraa! Ani maqaa keetiin si waameera; hennaa dubbiin kee gara kiyya dhufe maraa fudhadhee garaan kiyya guddisee gammadeera.

17Ani gammada'aa worra akka fedhan ta'an woliin goshoo hin taane; isaan woliinillee hin gammanne; waan lolli kee na irra jiruuf hojjuma kiyya taa'e.

18Wonti dhukkubbiin kiyya hin fayyinee fi madaan kiyyallee wolitti deebi'ee hin fayyineef maali'i? akka yaa'a bisaanii ka hennaa bonaa goguutitti abdii na kutachiiftaa?»

19Kanaafuu Rabbi akkana jedhee naa deebise, «Yoo deebite si deebisa; tajaajilaa kiyya taata; waan kabajjamaa waan salphataa irraa yoo gara gara baafatte, akka jecha afaan kiyyaa taata; bani'itu gara kee deebi'a malee ati gara isaanii hin deebitu.

20Akka isaan mooyachuu dandeettu akka dallawa sibiila diima'aan ijaarameetitti si jabeessa; ani si oolchu'uu fi si fayyisu'uuf waan si woliin jiruuf yoo siin lolanillee si hin mooyatan.

21Worra hammeeyyii irraa si oolcha; worra garaa jabaatan jalaallee si baasa; ka waan kana dubbate ana Rabbi.»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help