Kitaaba Asteerii 5 - Kitaaba Woyyuu

Asteer Mootichaa fi Haamaa Affeerte

1Guyyaa sadeesso'ootittillee Asteer uffata mootummaa ufii uffattee kolba teessoo kutaa mana mootichaa keessa dhaabatte. Mootichillee mana mootummaa ufii keessa kolba seensaa afo'oon taa'aa ture.

2Mootichi mootittiin Asteer kolba seensaatiin ka dhaabatteertu hennaa arge isa afo'otti gaachena argatte. Mootichillee ulee worqi'ii ka harkaa qabu Asteeritti hiixate. Asteer dhiyaattee qaccee ule'ee tuxxe.

3Mootichi, «Mootittii Asteer! maal na kadhatta? waan barbaaddu wodhakkaa mootummaa kiyyaallee yoo ta'e sii kennaa» jedheen.

4Asteerillee mootichaan, «Yoo fedha kee ta'e affeerraa ani mootichaaf qopheesse irratti Haamaa woliin koottaa'a» jetteen.

5Mootichillee, «Akkuma Asteer jette akka godhamu daddafa'aa Haamaa waamaa'a» jedhe. Mootichinii fi Haamaan gara affeerraa Asteer qopheessitee dhufan.

6Mootichi affeerraa daadhii woyini'ii irra uduu jiru Asteeriin, «Wonti ati barbaaddu maali'i? sii kennamaa kadhaan kee maali'i? haga wodhakkaa mootummaa kiyyaallee yoo ta'e sii kennama» isi'iin jedhe.

7Asteerillee deebiftee, «Kadhaan kiyyaa fi wonti ani barbaadu kana.

8Mooticha biratti yoo gaachena argadhee jiraadhe akka kadhaan kiyya raawwatamu, waan barbaadullee akka godhu, yoo mooticha gammachiisee jiraadhe mootichinii fi Haamaan boru deebitanii gara affeerraa ani qopheessee akka dhuftan.» jette.

Haamaan Mardokiyoosiin Ajjeesu'uuf Murteesse

9Guyyaa san Haamaan garaa ufii keessatti guddisee gammadee baye. Haa ta'uu ammo Mardokiyoos ka balbala mootichaa jiru ol ka'uu didu'uu fi sodaa malee akka taa'eeru haga arge, Haamaan Mardokiyoositti guddisee aare.

10Haamaan garuu obsee gara mana ufii deeme. Nama ergee jaalalloota ufiitii fi haadha manaa ufii Zereshiin waamsise.

11Haamaan ulfinna qabeenna ufiitii fi baay'inna ijoollee ufii, ulfinna mootichi isa ulfeesseen maraa, jaarsotaa fi worra baallii qaban ka mootichaa biratti akka kabajjeen isaanitti odeesse.

12Haamaan, «Gara affeerraa mootittiin Asteer qopheessitee anaan alatti mooticha woliin eennuunillee hin waamne. Borullee mooticha woliin waamameera;

13garuu Mardokiyoosiin Ayihuudichi balbala mootichaa taa'ee hennaa argu ulfinni kun maruu anaaf womaa hin fayyadu» jedhe.

14Kanaafuu Haati manaa isaa Zereshii fi jaalalloonni isaa maruu «Jirma dheerinni isaa ciqilee shantamaa ta'u qopheessii boru akka Mardokiyoos itti fannifamu mootichatti himi; gammada'aa mooticha woliin gara affeerra'aa seeni» jedhaniin. Wonti isaan jedhan Haamaa gammachiise, jirmallee hin qopheesse.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help