Seera Laakkobsaa 25 - Kitaaba Woyyuu

Worri Moo'aabii Worra Israa'elii Dogoggorsan

1Baniin Israa'elii biyya Saxiimii keessa taa'anii ijoolleen dhiiraa ta Israa'elii worra Moo'aabii woliin seebaran;

2Baniillee gara ciincaa waaqa tolfama'aa waaman; baniinillee hin nyaate; waaqa tolfamaa isaaniitiillee hin sagadan.

3Baniin Israa'elii Bi'eel Feegooriin faanaa deemnaan Rabbi Israa'eliin lole.

4Rabbi Muuse'een, «Hammeenni lola Rabbii banii Israa'elii irraa akka deebi'u bulchoota bani'ii maraa fuudhii aduu guddiftee baate keessatti Rabbiin afo'otti isaan fannisi» jedheen.

5Muuseen abboota murti'ii ka worra Israa'eliitiin, «Isin martinuu namoota keessan ka Bi'eel Feegooritti bulu ajjeesaa'a» isaaniin jedhe.

6Ijoollee Israa'elii keessaa namni tokko dubartii takka ta worra Miidiyaamii Muuse'ee fi banii ijoollee Israa'elii maraa afo'oo gara obboleewwan ufii isii fide; isaanillee daasee wol gayi'ii keessatti booya'aa turan.

7Ilmi gadicha Aaroonii Finihaas ilmi El'aazaarii haga waan kana arge banii jiddu'uu ka'ee eboo harkatti qabatee nama worra Israa'elii san duukaa daasee wol gayi'ii keessa seene; eboo fudhatee

8nama Israa'elii sanii fi intalattii san isaan lamaanuu garaa keessa woraane; akka kanaan balaan sun worra Israa'elii irraa dhaabate.

9Namoonni Bala'aan du'an namoota kuma diddamii afurii turan.

10Rabbi Muuse'een akkana jedhe,

11«Ilmi El'aazaarii ka gadicha Aaroonii Finihaas isaan keessaa waan kiyyaaf waan hinaafeef lola kiyya ijoollee Israa'elii irraa deebise; Ani ijoollee Israa'elii hinaaffaa kiyyaan hin balleessu.

12Kanaafuu amma dubbii kiyya ka waadaa nagayaa isaa kenna.

13Inni waan Rabbii ufiitii hinaafee ijoollee Israa'eliitii araarseef; isaa fi fiixaa isaa ka isaan maayessaatii waadaa gadumma'aa ka bara baraatitu isaanii ta'a»

14Namichi worra Miidiyaamii woliin ajjeefame ka Israa'elii maqaan isaa Zambar ture; ka mana abbaa isaa ka Simoonotaa ilma Saalu'uu ture.

15Maqaa namittii Miidiyaamii ta ajjeefamtee Kasiib turte; isiinillee intala Suuriiti; innillee Miidiyaamota keessatti worra mana abbaa ufiitii bulchaa ture.

16Rabbi Muuse'een akkana jedhe,

17-18«Waan bulchaa worra Miidiyaamii ka Feegooriin gaafa bala'aan ajjeefamteetii fi waan obboleettii isi'ii waan Kasiibii sababaa Feegooriin sobaniitiif isaan dhiphiseera; worra Miidiyaamiillee isaan dhiphisa'aa ajjeesaa'a»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help