Raajii Ermiyaasii 22 - Kitaaba Woyyuu

Dubbii Ermiyaas Maatii Mootii Yihuuda'aatitti Hime

1-2Rabbi akka ani gara fiixaa Daawitii mana mootummaa Yihuuda'aa dhaquu fi akka achitti mootichatti, ajajaa loltootaatii fi banii Yerusaalemiititti dubbii ani isaanitti himu dhagayan,

3«Ani Rabbi akka murtii qajeela'aa fi waan dhuga'aa gootan isin ajajeera; namni tokko nama biraa irraa waa saamee akka dhara hin hojjanne eegaa'a; worra isinitti galan, ijoollee haatinii fi abbaan jalaa du'anii fi dubartoota abbaan worraa jalaa du'an rakkiftanii barsee hin godhatinaa'a; hulee woyyuu kanatti dhiiga nama qulqullu'uu hin jissinaa'a.

4Akkuma ani isaan ajaje yoo gootan fiixaan Daawitii teessoo ufii ka ulfinnaa irraa hin bu'an; akkuma hennaa maraa worra bulchoota bani'iitii fi banii woliin farado'oo fi konkolaataa fardaa irra taa'a'aa gara mana mootumma'aa balbalaan seenuu hin dandeettan.

5Yoo ka ajaja kiyya hin raawwanne ta'e garuu manni woyyuun kun diiggamee akka jigu ufiin kakadhee isinii mirkaneessa; ani Rabbi waan kana dubbadheera.

6«Manni mootumma'aa ka mootota Yihuuda'aa akkuma biyya Gala'aadiitii fi gaarran Libaanosii ka anaaf bareede; garuu ona eennullee keessa hin jiraanne taasisa.

7Ani namoota isa diigan erga; isaan dhagaraa ufii qabatanii dhaqanii utubaa mukkiin Libaanosii babbareedaa irraa hojjatame muranii ibiddatti isaan gatan.

8«Kanaan maayessa namoonni hedduu biyya alaa ka karaa saniin lufan, ‹wonti Rabbi qachattii guddoo tana irratti balaa kana fideef maal ta'inna laata?› jedha'aa wol gaafatan.

9Sababaa isin waadaa ana Waaqa keessan woliin galtan diiddanii waaqolee tolfamaa ormaa waaqeffattanii fi tajaajiltan akka ta'e hubatan.»

Dubbii Ermiyaas Waan Shaaluumii Dubbate

10Banii Yihuuda'aa! waan mootii Iyyoosiyaasiitiif hin booyinaa'a;

du'a isaatiifillee hin gaddinaa'a;

garuu ilmi Iyyoosiyaasii Shaaluum

gara hulee lamuu hin deebinee waan isa fidaniif,

biyya itti dhalatellee deebi'ee waan hin argineef;

isaaf mararama'aa booyaa'a.

11Rabbi waan Shaaluumii ilma Iyyoosiyaasii ka biyya Yihuuda'aa irratti bikka abba'aa mooyeetiif akkana jedha, «Inni gara biyya fago'oo ka lammata deebi'ee hin deebinee dhaqa;

19Reeffi isaa ulfinna dhabee harkisanii dallawa karra Yerusaalemiitiin alatti gatanii

akka harree itti awwaalanitti awwaalama.

Dubbii Ermiyaas Waan Rakkoo Yerusaalemiin Irra Gayuu Dubbate

20Banii Yerusaalemii! goshoonni teessan ta lolaa maruu waan mooyatamaniif,

gara Libaanosii dhaqa'aa iyyaa'a;

gara biyya Baasaaniillee dhaqa'aa booyaa'a;

gaarran Moo'aabii irra dhaabadha'aatii wol waamaa'a.

21Hennaa isin durumma'aan jiraata'aa turtan Rabbi isinitti dubbate,

isin garuu dhagayuu diddan;

wonti isin jalqaba irraa godha'aa turtanillee kanuma;

Rabbii ajajamuu diddan.

22Sababaa cubbuu hojjattaniitiif

akkuma qilleensi buraa haree fudhatu,

bulchoota teessanillee haranii fudhatan;

goshoonni teessan ta lolaa ka isin hedattan booji'amanii gara biyya ormaa fudhataman;

saalaa fi salphinnatu isin irra gaya.

23Amma garuu mana muka Libaanosii muranii ijaaran keessa hara baafattanii nagayaan jiraattan;

garuu akka dubartii dayu'uuf ciniinsifattuutitti hennaa muddamsuun isin qabe atta ta'ittu laata?

Murtii Rabbi Iyyoo'aakinitti Murteesse

24Rabbi Ikooniyaanii ilma Iyyo'aaqeemiitiin akkana jedhe, «Ani Waandhi jiraataan ati uduu qubee chaapha'aa ka harka kiyya ka mirgaa irra jirullee yoo taate ani uf irraa baasee si gata.Mot. 2ffaa 24:8-15; Sen. 2ffaa 36:9-10

25Worra si ajjeesuu barbaadanii fi banii ati guddiftee sodaattu; jechuun mootii biyya Baabiloonii Nabukadanatsoorii fi worra Baabilooniititti dabarsee si kenna.

26Atii fi haati si deettellee akka baqattan taasisa; isin maruu gara biyya isin keessatti hin dhalannee dhaxxanii achitti duutan.

27Ati biyya tana deebitee arguu hawwita; garuu lamuu hin argitu.»

28Ani garuu akkana jedheen, «Mootichi Ikooniyaan akka ottee cabdee gatamtee lamuu hin barbaadamnee ta'ee? wonti inninii fi ijoolleen isaa booji'amanii gara biyya isaan hin beennee isaan fidaniif maali'i ree?»

29Ati lafti, lafti, lafti!

dubbii Rabbi dubbatu dhagayi!

30Namni kun ijoollee ufii dhabee

jiruun isaallee ka hin taane akka ta'u itti murteeffameera;

teessoo ulfinnaa ka Daawitii dhaalu'uuf,

fiixaan biyya Yihuuda'aa keessatti mooyan;

isaa hin hafan jedhii galmeessi;

ka waan kana dubbate ana Rabbi.»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help