Seera Uumamaa 32 - Kitaaba Woyyuu

Yaaqoob Eesawu'uun Wol Argu'uuf Qophaaye

1Yaaqoob uduu karaa deemu maleekkota Rabbiitiin wol argan.

2Yaaqoob hennaa isaan arge, «Kunniin loltoota Rabbiiti» jedhee maqaa hulee sanii Manaayim jedhee itti baase.

3Achiin maayessa gara obboleessa ufii gara Eesawu'uu biyya Eedoomii keessa hulee biyya Seeyir jedhamtutti ergamtoota ufii uf afoo ergee,

4«Gooftota kiyya; Eesawu'utti, ‹Garbichi kee Yaaqoob akkana jedhe jedha'aa himaa'a; haga adhaa Laabaa biratti baqadhee taa'e.

5Loon, harriin, garboota dhiiraatii fi garboota intalaa argadhe; ammallee afoo keetitti yoo ka kabajjaa argadhuu gooftaa kiyyatti beessisu'uuf› jedhee» isaan erge.

6Worri ergamanillee gara Yaaqoobii deebi'anii «Gara obboleessa kee gara Eesawu'uu dhandhee turre; innillee si simachu'uuf namoota dhibba afurii woliin dhufa» jedhaniin.

7Hennaa san Yaaqoob guddisee sodaatee akka malee dhiphatee namoota isa woliin jiran, loon, hoolotaa fi gaallan bakka lamatti addaan qoodee

8«Eesawu dhufee tokko yoo dhaye gareen hafe jalaa baya» jedhe.

9Achiin maayessa Yaaqoob, «Waaqa abbaa kiyyaa Waaqa Abrahaamii, Waaqa Yisaaqii ‹Gara lafa hulee itti dhalattee deebi'i, waan mishaallee sii godhaa› Rabbii naan jette;

10Ani nama araaraa fi dhugaa garbicha keetii goote mara keessaa wonti diqqoonillee naaf hin malle ture; ulee tiyya callaa qabadhee Yoordaanosiin ceeye; amma ammo loltuu kutaa lamaa ta'eera.

11Obboleessa kiyya Eesawuu harkaa na hambisi akka dhufee ana, haawwota manaa tiyyaa fi ijoollee tiyyallee hin balleessine waan sodaadheef.

12Ati dhugamaan ‹Waan mishaa sii godha; fiixaa keellee baay'isee akka xidhacha galaanaa ka hin laakkayamnee godha› jettee turte.

13Halkan san achuma bulee waan harkaa qabu maraa keessaa waan Eesawu'uu kennu,

14re'iin dhadhaltuu dhibba lama, korbeeyyii re'iinii diddama, hoolota dhadhaltuu dhibba lama, korbeeyyii hoolotaa diddama,

15Gaallan dhaltii soddoma ilmoolee woliin, sa'oolee afurtama, sangoota kudhanii, harriin dhadhaltuu diddama, wodallan harriinii kudhan,

16Tika hori'ii akkuma gosa isaaniitiin adda qoodee garboota ufiititti kennee; garboota ufiitiin, «Afoo deema'aatii tika hori'ii kanniin addaan fageessaa'a» jedhe.

17Ka afoo jiruun, «Obboleessi kiyya Eesawu si argee yoo ‹Ati ka eennuuti? garam deemta? horiin oofa'aartu kunniin ka eennuuti?› jedhee si gaafate,

18ati hennaa san gooftaa kiyya Eesawu'uun «Kennaa garbichi kee Yaaqoob sii erge; kunoo inni nu duuba jira» jedhiin.

19Akkanuma lammeesso'oo fi sadeessoo worra gobbuu duubaan deeman maraa «Hennaa Eesawuu argitan woma kana jedha'aa itti himaa'a;

20‹Kunoo garbichi kee Yaaqoob nu duuba jira; kennaa afoo kiyya deemu kanaan araarama, achiin maayessa maal laataa garaa naa laafee fuula isaa arga» jedhee waan yaadeeruuf.

21Akka kanaan kennaa firrisiisee inni ammo halkan san mandara keessa bule.

Yaaqoob Rabbiin Wondhaansa Baye

22Bariisaa san ka'ee haawwota manaa ufii lamaan, garboota lamaanii fi ijoollee ufii kudha tokko fudhatee laga Yaabooqii ceeye;

23achiin maayessa waan qabu maraa ceesise.

24Yaaqoob ammo hojja ufii achitti hafe.

Haga bariitutti nama tokko woliin wondhaansa baye.

25Akka isa injifachuu hin dandeenne hennaa arge moorgaya mogolee isaa dhaye; Yaaqoobillee uduu wondhaansa baya'aaru moorgeenni mogolee isaa hadoodeen.

26Innillee Yaaqoobiin «Amma bari'u'uuf gagaarratteertii gad na dhiisi» jedheen;

Yaaqoob, «Na eebbiftu malee gad si hin dhiisu» jedheen.

27Innillee, «Maqaan kee eennu?» jedheen.

Innillee, «Ani Yaaqoob» jedheen.

28Innillee, «Ammaa achi maqaan kee ‹Israa'el› jedhama malee Yaaqoob hin jedhamu Rabbii fi nama woliinillee wondhaansa baatee waan injifatteef» jedheen.

29Yaaqoobillee, «Maqaa kee natti himi» jedheen.

Innillee, «Maqaa kiyya maaf na gaafatta?» jedhee achumatti isa eebbise.» jedhee itti baase.

31Hennaa Phini'eeliin keessa lufu aduun itti baate; sababaa mogoleen isaa hadoodeef hokkola'aara.

32Kanaaf ijoolleen Israa'elii haga adhaa foon mogole'ee hin nyaatan; waan moorgaya mogolee Yaaqoobii hadoocheef.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help