1Ilmi Geedewoonii Abemelek gara eessumman ufii gara worra haadhaa Seekeemiin dhaqee,
2«Banii firoota ufii ka biyya Seekeemii jiraatan sanniiniin akkana jedha'aa gaafadhaa'a jedhee isaanitti hime; ‹Ka ijoolleen Geedewoonii torbaatamni isin bulche woyya mo'o ka namni tokkochi isin bulche woyya? kanniin keessaa kamiin filattan? Abemelek akka fira keessan ka foonii ta'e hin dagatinaa'a.› » jedhee isaanitti dubbate.
3Eessumman isaa waan kanniin maraa namoota Seekeemii marattuu himan; hennaa tana isaanillee, «Inni obboleessa keenna» jedhanii garaa ufiitiin gara Abemelekii goran.
4Maatiin Ba'aalbiriitii birrii torbaatamaa kennaniif; innillee birrii saniin saamtota boru hin beenne bitee isaanillee akka isa duukaa deeman godhe.
5Gara hulee oofraa jedhamtuu gara qe'ee abbaa ufii dhaqee, ijoollee Yiruba'aalii obboleewwan ufii torbaatammanuu dhagaa tokkocha irratti goorra'e; Iyyo'aataam obboleessi isaa ka maandha'aa garuu dhokatee hafe.
6Achiin maayessa namoonni Seekeemiitii fi namoonni Beetimi'oolii maruu wol gayanii gara muka qilxu'uu ka Seekeemiin keessa jiruu dhaqanii Abemelekiin moosifatan.
7Haga waan kana Iyyoo'aatamitti himan, inni gaara Gaariizaanii irra dhaabatee laagaa ufii ol fudhatee akkana isaaniin jedhe; «Namoota Seekeemii! akka Rabbi isin dhagawu na dhagayaa'a;
8hennaa tokko mukkiin mootii uf irratti moosisuu fedhan; achiin maayessa ejersaan nu irratti mooyi jedhaniin.
9Ejersi garuu, ‹Dhadhaa kiyya ka Rabbii fi namoonni itti gammadan dhiisee mukkiin irratti mooyaa?› isaaniin jedhe.
10Mukkiinillee muka hurbu'uutiin, ‹Koottuu nu irratti mooyi jedhaniin.
11Munni hurbu'uu garuu mi'aa kiyyaa fi daraaraa kiyya mishaa dhiisee mukkiin irratti mootii ta'u'uuf deemaa?› isaaniin jedhe.
12Mukkiin woyini'iitiin, koottuu nu irratti mooyi› jedhaniin.
13Woyiniinillee, ‹daadhii woyini'ii kiyya ka Rabbii fi namallee gammachiisu dhiisee mukkiin irratti mooyaa?› isaaniin jedhe.
14Ammallee mukkiin maruu qore'een, ‹koottuu nu irratti mooyi› jedhaniin.
15Qoreen mukkiiniin, ‹Yoo ka dhuga'aan uf irratti na moosisuu feetanii kootta'aa na jalatti wol gayaa'a jedheen; yoo kana ta'uu baate ibiddi qoree keessaa bayee birbirsa Libaanosii haa fixuu› isaaniin jedhe» jedhee isaanii deebise.
16Amma maarre Abemelekiin moosisuu keessaniin waan dhuga'aatii fi waan qajeelaa gootan seetan, Geedewoonii fi maatii isaatii waan mishaa barbaachisu waan gootaniif yoo seetan,
17Abbaan kiyya isiniif jedhee duuleera; worra Miidiyaamii harkaa isin oolchu'uuf jedhee lubbuu ufii kenneera;
18Isin adha maatii abbaa kiyyaa irratti diinumma'aan kaatanii ijoollee isaanii fixxaniirtan, ajjeeftaniirtan, horii isaanii ka coomellee dhagama tokko irratti qaltan, Abemelek obboleessa keessan waan ta'eef isa ilma garbitti'ii worra Seekeemii irratti moosiftaniirtan.
19Eeganaa isin Geedewoonii fi maatii isaatii yoo dhuga'aa fi qajeellumma'aan waan mishaa gootan seetan, Abemelekitti gammadaa'a; innillee isinitti haa gammaduu.
20Yoo kana ta'uu baate garuu ibiddi Abemelekiin keessaa bayee namoota Seekeemiitii fi Beetimiilooniin haa fixuu, namoota Seekeemii Beetimiilooniin keessaallee ibiddi bayee Abemelekiin haa fixuu.
21Iyyoo'aataan dheessee jalaa baye; obboleessa ufii Abemelekiin sodaatee gara biyya Bi'eerii dhaqee achi taa'e.
Abemelekii Fi Namoota Seekeemii22Abemelek worra Israa'elii irratti woggaa sadihii mooye;
23Kanaan maayessa Rabbi Abemelekii fi banii seekeemii wodhakka'atti hafuura hamaa erge; namoonni Seekeemii isa irratti ka'anii waan hamaa isa irratti hojjatan.
24Wonti isaan waan kana godhaniif dhiiga ijoollee Geedewoonii torbaatama ta obboleessi isaanii Abemelek ficcisiisee fi akka isaan fixaniif worra Seekeemii ka isaan jajjabeesse haluu bawu'uuf.
25Namoonni Seekeemii Abemelekitti sababaa kaasu'uuf gaara irratti lola dhossa'aa lolan, worra imala deemu hin saaman; Abemelekillee waan kana dhagaye.
26Kanaan maayessa Ga'aal ilmi Abeedii obboleewwan ufii woliin dhufee gara Seekeemii seene; namoonni Seekeemiillee isa hedatan.
27Maruu gara maasaa ufii dhaqanii woyinii ufii guuratan, daadhii woyini'ii naqanii ayyaanteeffatan; mana woyyuu ka Rabbiin itti waaqeffatan seenanii nyaata'aa dhuga'aa waan Abemelekii balda'aa dubbatan.
28Ga'aal ilmi Abeedii, «Abemelekiin nu jalatti bullu eennu? Seekeemillee maali'i? Inni ilma Geedewooniitii mii? Zeebuul ka inni muudee mii? Abbaa Seekeemiitii, namoota Eemooriitiillee hin bitaman.
29Maaf Abemelekii bitamna? baniin kun uduu ka na jalatti bulu ta'ee silaa ani Abemelekiin hin ari'a jedhe; Abemelekiinillee ‹Duula kee yaafadhuu koottu!» jedheen.
30Zeebuul ka qachattii bulchu jecha Gala'aadii ilma Abeedii haga dhagaye guddisee aare.
31Akkana jedhee Abemelekitti dhaamsa erge; «Ilmi Abeedii Gala'aalii fi obboleewwan isaa kunoo gara Seekeemii dhufaniiran, worra qachattii keessa jiran sitti kakkaasa'aaran.
32Kanaafuu atii fi worri si woliin jiran halkaniin ka'a'aatii raasa'atti riphaa'a;
33boru yoo bariitee aduun baate, qachatti irratti dimmaa balaa guddaa buusaa'a; Gala'aadii fi worri isa woliin jiru hennaa isin woraanu'uuf yaa'an haguma dandeettanitti jabaadha'aa isaan rukuttaa'a» isaaniin jedhe.
34Abemelekii fi baniin isa woliin jiran martinuu halkaniin ka'anii Seekeemitti dhiyaatanii kallattii arfaniinuu riphanii eegan;
35ilmi Abeedii Ga'aal bayee balbala qachatti'ii geennaan Abemeleekii fi worri isa woliin jiran hulee itti riphanii ka'an.
36Ga'aal haga banii arge Zeebuuliin, «Kunoo! qaccee gaaraa irraa baniin gad bu'a!» jedheen. Zeebuulillee, «Gaaddidduu gaaraa ka nama fakkaatu arga'aarta» jedheen.
37Ga'aalillee, «Laali baniin gaara irraa gad bu'a'aaranii banii cinaa tokkoo karaa qilxuu falaa ka worra asmaa hojjatuu dhufa'aaran» jedhee dubbate.
38Kanaan maayessa Zeebuul, «Dhaaduun kee sun martuu eessa dhaqe? ‹Nama Abemelek jedhamuuf wonti hojjannuuf maali'i?› jedhee namni gaafate si'ii mii? namoonni balda'aa isaanitti dubbatte kanniin; ka'ii amma isaaniin loli» jedheen.
39Ga'aal namoota Seekeemii afoo bayee Abemelekiin lole.
40Abeemelekillee isa ari'e, innillee isa jalaa dheesse; haga balbala qachattii sanii nama baay'e'etu miidhamee kufe.
41Abemelek Aarumaa keessa jiraate; Zeebuul garuu Ga'aalii fi obboloowwan isaa Seekeemiin keessaa ari'ee isaan baase; achiin maayii isaan achi keessa jiraachuu hin dandeenne.
42Bariisaa san baniin Seekeemii gara maasaa ufii akka deeman Abemelek dhagaye.
43Namoota isa hordofan fudhatee garee sadihitti isaan qoodee akka riphanii eegan godhe; worri Seekeemii hennaa qachaa keessaa bayan arge, hulee ufii itti riphanii ka'anii isaan fixan.
44Abemelekii fi worri garee isaa ta'an dallawa qachatti'ii eegu'uuf jarjaranii yaa'anii balbala qachatti'ii bira dhaabatan; gareen lamaan hafan garuu worra raasaa jiran fixan.
45Guyyaa san maraa Abemelek worra qachaa sanii maraan wol lole; Abemelek qachattii qabatee worra isii keessa jiran fixe; qachattiillee diigee sooqidda itti facaase.
46Namoonni kaloo Seekeemii keessa jiran haga waan kana dhagayan, kushee mana Elbiriitiititti dhokatan.
47Abemelekillee namoonni kaloo Seekeemii keessa jiran akka wol gayan dhagaye.
48Abemelekii fi baniin isa woliin jiru maruu gara gaara Salmoonii ol bayan; Abemelek qottoo harkatti qabatee damee mukaa muree ceekuu irra kaayatee banii isa woliin jiruun akkuma hennaa waan kana ani godhu argitan kana, isinillee daddafa'aa godhaa'a isaaniin jedhe.
49Baniin maruu akkuma inni isaaniin jedhe deemanii damee mukaa muranii Abemelekiin faanaa deemanii naannoo kushe'eetitti tuulanii ibiddaan guban. Namoonni Seekeemii guyyaa san dhiirrinii fi dubartoonni namoota kuma tokkootitu dhume.
50Achiin maayessa Abemelek gara Tebesii dhaqee qachattii marsee qabe.
51Qachattii keessa dalloofni dhaga'aan dallawame guddaan tokko waan jiruuf namoonni qachattii sanii dhiirrinii fi dubartoonni maruu gara qachattii sanii dheessanii balbala qachattii sanii duubaan cufanii mana manaan gubba'aa irra ol bayan.
52Abemelek gara gamoo sanii dhiiyaatee lola'aa ture; ibiddaanillee isaan fixu'uuf gara gamo'oo gaye.
53Intalti takka majjee dhaga'aatiin Abemeleekiin mataa burussite.Sam. 2ffaa 11:21
54Innillee daddafee loltuu isa eegu waamatee, «Akka namni dubarti'itu isa ajjeese hin jenne, guraadee kee luqqifadhuu na ajjeesi» jedheen. Ka'imtichi hin woraaneen, innillee hin du'e.
55Namoonni martinuu gara qe'ee ufii deebi'an.
56Akka kanaan yakka Abemelek obboloowwan ufii torbaatamman ajjeeseef Rabbi haluu isa baye.
57Akkasuma Rabbi dhara namoota Seekeemii maraa isaanumatti deebise; Akka kanaan wonti ilmi Geedewoonii Iyyoo'aataam akka isaan irra gawu dubbate isaan irratti raawwatame.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.