1Sambanni haga lufeen maayii Maariyaamiin Maqidalaa, Maariyaamiin haati Yaaqoobiitii fi Saloomeen nafa Yesuusiitiif Urgoo dibu'uuf bitan.
2Torbaan keessa guyyaa Dilbataa obboroo haga aduun baate gara awwaalaa dhufan.
3Isaan kara'atti, «Dhagaa afaan awwaalaa irraa eentu nuu gangalcha?» Woliin jedha'aa turan.
4Waan dhagaan guddisee guddaa tureef itti siiqanii hennaa laalan dhagaan balbala awwaalaatii ka gara galfameeru argan.
5Hennaa gara awwaalaa seenan ka'ima uffata adii uffatee, cinaa mirgaatiin taa'eeru arganii nayan.
6Inni ammo, «Hin nayinaa'a; Yesuusii Naazireetii ka fannifame soqa'aartanii? Inni ka'eera; arma hin jiru; kunoo huleen isa kaayan.
7 ganama barii hennaa du'aa ka'e dura Maariyaamii qachaa Magidala'aa, ta inni ayyaanota hammeeyyii torba keessaa baaseetti mudhate.
10Yoh. 16:20; 20:18; Luq. 24:10 Isiin gara worra dur isa woliin jiranii, ka guddisanii gaddanii booya'aa jiranii dhaxxee waan kana isaanitti himte.
11Luq. 24:11 Isaan ammo akka inni jiraataa ta'ee fi akka isiin isa argitellee hennaa dhagayan hin amanne.
Yesuus Darasoota Lamaanitti Mudhate(Luq. 24:13-35)12Achiin maayessa isaan keessaa nama lamaa ka gara baadiya'aa deeman argee karaa irratti bifa biraatiin isaanitti mudhate.
13Isaan deemanii ka biraatitti odeessan. Isaan sunillee isaan hin amanne.
Yesuus darasoota Kudha Tokkotti Mudhate(Mat. 28:16-20; Luq. 24:36-49; Yoh. 20:19-23; Hu. Er. 1:6-8)14 Qor. 1ffaa 15:5; Luq. 24:25; Yoh. 20:26-29 Achiin maayessa uduu isaan hurbaata nyaachu'uuf ta'aniiran kudha tokkottuu mudhate; ka'ee sababa isaan garaa jabaatanii amanuu dhabaniif isaan tuffate.
15Inni, «Gara biyya lafaa maraa dhaqaa'a! Uumama maratti Dubbii Nagayaa lallabaa'a!
16Yoh. 3:18; Hu. Er. 2:38; 16:31,33 Ka amane; ka cuuphamellee hin fayya; ka hin amanne ammo itti murteeffama.
176:7,13; Hu. Er. 8:7; 16:18; 2:4,11; 10:46; 19:6; Luq. 9:1; 10:17; Qor. 1ffaa 14:2-40 Worri natti amane maalalee akka hojjatan hunni hin kennamaaf, isaan maqaa kiyyaan jinnii baasan, afaan haarawaanillee hin dubbatan.
18Luq. 10:19; Hu. Er. 28:3-6; 4:30; 5:16; Yaq. 5:14-15 Bofa yoo harkaan qaban, yookaan yoo waan nama ajjeesullee dhugaan isaan hin miidhu; harka ufiillee worra dhibamtoota irra yoo kaayan isaan hin fayyan» isaaniin jedhe.
Yesuus Gara sami'ii Ol Deebi'e(Luq. 24:50-53; Hu. Er. 1:9-11)19 Xim. 1ffaa 3:16; Far. 110:1; Rom. 8:34; Efe. 1:20; Qol. 3:1; Ibr. 1:3,13; Phex. 1ffaa 3:22 Gooftaan Yesuus haga isaan woliin kana dubbateen maayii gara sami'ii ol deebi'ee mirga Rabbii taa'e.
20Hu. Er. 3:16; 5:12; 14:3; Ibr. 2:3-4 Isaan bayanii naannoo maraa dhaqa'aa, Dubbii Nagayaa lallaban. Gooftaanillee isaan woliin hojjata'aa ture. Maalalee hojjataniin lallaba isaanii isaanii mirkaneesse.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.