Gara Worra Qorontoosii 1ffaa 4 - Kitaaba Woyyuu

Ergamtoota Kiristoosii

1

129:15; Hu. Er. 18:3; 20:33-34; Tas. 1ffaa 2:9; Tas. 2ffaa 3:8 Harka keennaan hujja'aa dadhabna, yoo nu arrabsan hin eebbifna, yoo nu ari'an hin obsina,

13Hu. Er. 22:22 Yoo hamaa nutti dubbatan Rabbiin isaanii kadhanna. Haga ammaa fishaa adunya'aatii fi xurii lafa tanaa taaneerra.

14Tas. 1ffaa 2:11-12 Akka ijoollee jaaladhuutitti isin gorsu'uuf malee, isin saalfachiisu'uuf kana isinii hin barreessu.

159:2; Gal. 4:19; Film. 10 Isin Kiristoosiin irraan haga guddiftoota kuma hedduullee yoo qabaattan, abboota heddu qabdan. Ani Yesuus Kiristoosiin irraan Dubbii Nagayaa kanaan isin uumadheera.

1611:1; Filph. 3:17 Eegasuu worra na fakkaatu ta'aa'a jedhee isin kadhadha.

1716:10; Hu. Er. 19:22; Filph. 2:19-23 Kanaafuu Ximootewoosii jaaladhu amanamaa Goofta'aan ilma kiyya ta'e isinii ergeera. Akkuma ani hulee marattuu woldaa Kiristaanaa barsiisu, karaa kiyya ka Kiristoos Yesuusiin ta'u innillee isin qaabsisa.

18Gariin ammo akka waan ani gara keessan hin dhufnee isaanitti fakkaatee worri uf jajan hin jiran.

1916:5-7; Hu. Er. 18:21; Yaq. 4:14 Haa ta'uu ammo yoo Gooftaan jedhe dafee gara keessan dhufa. Hunna uf jajootaa hin beeka; dubbii isaanii calla'aa miti.

202:4; Luq. 17:20-21 Jeennanni Rabbii hunnaan malee dubbii calla'aan waan hin taaneef.

21Qor. 2ffaa 10:2; 13:10 Isin kam feetan? Ulee fudhee isinii dhufa mo'o jaalalaa fi Ayyaana gara laafumma'aatiin isinitti dhufuu woyya?

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help