1Hennaa barri dhumaa gaye;
gaarri manni woyyuun Rabbii irratti ijaarame;
gaarran kaawwan maraa caalee mudhata;
Tulloota maraa caala;
baniin mootota hedduu gara isaa hurrisan.
2Kanaafuu baniin hedduu
seerri Tsiyoonitti, dubbiin Rabbii waan Yerusaalemitti argamuuf
koottaa'a gaara Rabbii irra ol baanaa;
gara mana woyyuu Waaqa Yaaqoobii deemnaa;
inni akka fedha isaa goonu nu barsiisa;
nu'u karaa isaa irra deemna» jedhan.
3Inni banii heddu keessatti murteessa;
wolii galtee dhabuu mootota gugurdoo fago'oo fi dhiyoo jiran
keessa jiru hin balleessa;
waan kana ta'eef isaan guraadee ufii gara maarasha'aa
eboo ufii gara haamtu'uu jijjiiran;
mootummaan mootummaa irratti lola hin kaasu;
achiin maayessa namni barumsa lolaa baratu hin jiru.
4Namni maruu gaaddisa biqiltuu woyini'iitii fi
muka hurbu'uu ka ufii dhaabe jalatti hara baafata;
wonti isa sodaachisullee hin jiru;
Rabbi Gooftaan banii maraa waan kana dubbateera.
5Worri Yihuudii hin taane maruu waaqolee tolfamaa ufii waaqeffatan; nu'u ammo Rabbii Waaqa keenna baraa haga bara baraa waaqeffanna.
Baniin Israa'elii Hulee Itti Baqatanii Dacha'an6Rabbi akkana jedha, «Guyyaa san worra hokkolanii fi banii kiyya ka ani adabnaan rakkoon isaan irra gaye wolitti isaan qaba.
7Worra hokkolan akka jiraatan taasisa; worra gatamanii turan banii jabaa isaan taasisa; ani gaara Tsiyoonii irratti hennaa san irraa jalqabee baraa haga bara baraa mooya.»
8Ati gaara Tsiyoonii ta dallawa dhaga'aa ka waa itti eegan! abdiin sii kenname hin raawwatama; guddummaan kee ka duraa qachaa guddoo Yerusaalemii sii deebi'a.
9Ati wonti hagana maraa laagaa kee ol qabattee iyyituuf, akka dubartii ciniinsuun qabeetittillee hucuucamtuuf maali'i? waan mootii hin qabneefii? yookaan mo'o worri gorsa sii kennan maruu waan badaniif?
10Banii Yerusaalemii! akka dubartii ciniinsuun qabeetitti woyata'aa gangaladhaa'a; isin qachaa keessaa ari'amtanii raasa'atti quphattanii gara Baabilooniillee hin deemtan; ammo Rabbi achitti isin oolcha; diintota teessan jalaallee isin baasa.
11Amma ammo baniin hedduu wol gayanii akkana jedhan, «Yerusaalem haa battooftu! nullee diiggamuu isi'ii arginaa!»
12Baniin kunniin ammo karoora Rabbii hin beenne; akkuma midhaan dhayamu oobdi'itti wolitti qabamu, akkasuma isaan wonti Rabbi wolitti isaan qabeef adabbi'iif akka ta'e hin hubanne.
13Rabbi akkana jedha, «Isin banii Yerusaalemii! deema'aatii diintota teessan akka midhaaniititti ayyiidaa'a! ani isin akka sangaa gaafni isaa sibiilaatii fi ka qeensi isaa sibiila diima'aatitti akka jabaattan isin taasisa; mootota hedduu hin balleessitan; qabeenna isaan dharaan wolitti qabatan maraa adunyaa guutuu ana Rabbii Goofta'aa fiddanii dhiyeessitan.»
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.