Kitaaba Saamu'eelii ka 1ffaa 5 - Kitaaba Woyyuu

Saanduundhi Waada'aa Filisxeemiin Keessatti Argame

1Worri Filisxeemii saanduuqa waadaa Rabbii hulee Abeeni'eezer jedhamuu fuudhanii gara Azaaxoonii fidan.

2Worri Filisxeemii saanduuqa waadaa Rabbii fuudhanii gara mana waaqa isaanii tolfamaa ka daagoon jedhamuu seensisanii isa ladda kaayan.

3Namoonni Azaaxoonii ganamaan lafaa ka'anii dhaqanii yoo laalan daaqoon saanduuqa waadaa Rabbii afo'otti kallachaan lafatti gad kufeera; daagooniin ol qabanii hule'etti deebisan.

4Gaafa guyyaa lammataallee yoo dhaqanii laalan daagoon saanduuqa waadaa Rabbii afo'otti addaan lafatti gad kufeera, mataan daagooniitii fi harki isaallee ciccitee madabii gubbaa jira; qomni isaa garuu hojjatti hafe.

5Kanaafuu gadoonni daagoonii hennaa mana daagoonii seenan madabii daagoonii ka Azaaxooniin keessa jiru haga adhaa irra hin ejjatan.

6Rabbi worra Azaaxoonii guddisee isaan rakkisee isaanii fi worra naannoo isaanii jiran maraa dhibee iitessuun isaan dhaye.

7Worri Azaaxoonii akka wonti kun ta'e haga argan, «Harki Rabbii nu'uu fi daagooniin irratti waan jabaatteef saanduundhi waada'aa ka Waaqa Israa'elii nu bira hin taa'in» jedhan.

8Wal gayanii gara mootota Filisxeemii maraa dhaamsa erganii «Saanduuqa waada'aa ka Waaqa Israa'elii maal haa goonu?» jedhan; isaanillee «Saanduundhi waada'aa ka Waaqa Israa'elii gara Geetii haa geeffamuu» jedhanii deebisan; saanduuqa waadaa Rabbii baadhatanii achi fidan.

9Haga saanduuqa waadaa Rabbii achi geessaniin maayessa Rabbi qachattii saniin lolee naasise; namoota qachattii sanii diqqa'aa haga gudda'aa dhibee iitessuun isaan adabe.

10Saanduuqa waadaa Rabbii gara Asqaaloona'aa fidan; hennaa saanduundhi waada'aa gara Asqaalona'aa dhufe worri Asqaalona'aa «Nu'uu fi banii keenna fixu'uuf saanduuqa waada'aa ka Waaqa Israa'elii nutti fidan» jedhanii iyyan.

11Qachattii maraa keessa naasuun du'aa waan jiruuf, waan Rabbi guddisee isaaniin lola'aaruuf bulchoota worra Filisxeemii nama itti erganii waamsisanii, «Saanduuqa waada'aa ka Waaqa Israa'elii nu biraa baasaa'a; nu'uu fi banii keenna akka hin findhe garuma hulee ufii haa deebi'uu» jedhan.

12Namoonni hin duune worri lubbu'uun jiran dhibee iitessuun qabaman; iyyansi namoota qachattii keessa jiruu gara sami'ii ol baye.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help