Kitaaba Faaru'uu 76 - Kitaaba Woyyuu

Mootee RabbiiFaaruu Asaafii ka bulchaa faarfattootaatiif dhiyaate ka kiraara sagalee guddaa dhageessisuun faarfatamu; maahileti.

1Rabbi Yihuuda'atti beekkame;

maqaan isaa Israa'eliin biratti gudda'a.

2Daaseen isaa Saaleemiin keessa;

hulee isaa ka bulti'ii Tsiyooniin keessa.

3Achitti eboo darbatamu;

wonte'ee fi guraadee; woraanallee hin cabse.

4Ati ifa uffattee ifteerta;

gaachenni keellee gaarran bara baraa caala.

5Worri onnee guutu'uu saamamaniiran;

muganii rafaniiran;

worra lolu keessaa

ka harka ufii sochoosuu danda'e hin jiru.

6Waaqa Yaaqoobii! sababaa xixa keetiitiif

fardinii fi worri farda yaabbatanii lolan maruu

saabatanii rafaniiran.

7Sodaatamaan si calla'a;

yoo ati lolte eentu si afoo dhaabatuu danda'a?

8Ati murtii kee sami'ii dhageessifte;

laftillee sodaattee cadhifte.

9Waandhana! hennaan wonti kun ta'e;

hennaa ati rakkattoota biyya lafaa fayyisu'uuf

ati murti'iif kaate.

10Yoma namaan loltee ulfinna keetiif ta'a;

worra lola kee irraa hafellee hin obsita.

11Rabbii Waaqa keessanii woreegaa'a;

woreegallee galchaa'a;

worri naannaya isaa jiran maruu;

Isa sodaachisaa ta'ee kennaa haa fidanii.

12Inni hafuura worra bulchuu hin cabsa;

mootota biyya lafaa birattillee Inni sodaatama'a.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help