1Mammaakkan Solomoonii;
ilmi ogeessi abbaa ufii gammachiisa;
ilmi gowwaan garuu haadha gaddisiisa.
2Qabeenni karaa malee argame hin fayyadu;
balchummaan garuu du'a nama oolcha.
3Rabbi balchaa akka beelayu hin taasisu;
hawwii hammeeyyi'ii garuu hin gachisiisa.
4Harki amshaaggu nama hiyyoomsa;
harki cimaan garuu durummaa fida.
5Harki bonaan midhaan wolitti qabatu
ka ilma ogeessaati;
ka hennaa midhaan galfatan ciisu garuu
salphinnatu faana deema.
6Eebbi mataa balchootaa irra;
balaan garuu afaan hammeeyyi'ii cufa.
7Yaadannoon balchootaa eebba;
maqaan worra hammeeyyi'ii garuu
akkuma badetti hafa.
8Namni gara'aan ogeessaa ajaja fudhata;
gowwaan oduu guddisu garuu gara badi'ii deema.
9Namni haqaa sodaa malee deema;
ka karaa micciiramaa irra deemu garuu hin saaxilama.
10Namni ija hammeennaatiin nama dhayu gadda fida;
gowwaan oduu guddisu gara badi'ii deema.
11Arrabni balcha'aa burqaa jireennaati;
balaan garuu afaan hammeeyyi'ii cufa.
12Jibbi lola kakkaasa;
jaalalti garuu dogoggora maraa dhossiti.
13Ogummaan afaan nama waa hubatuu keessatti argamti;
uleen garuu dudda nama madaalliin isaa dhidhu'uutiif.
14Ogeeyyiin beekkumsa kuufatan;
afaan gowwa'aa garuu badii waama.
15Qabeenni dureeyyi'ii isaaniif akka qachaa dallaya dhaga'aati;
hiyyummaan garuu badii hiyyeeyyi'iiti.
16Mindaan balchootaa jireenna argamsiifti;
bu'aan hammeeyyi'ii garuu adabbii isaanitti fiddi.
17Namni dammaqee gorsa eeggatu karaa jireennaa mudhisa;
ka sirreeffama hin fudhanne garuu
kaawwan gara dogoggoraa oofa.
18Ka jibba dhoffatu nama arraba sobaa qabu;
ka hama facaasu maruu gowwa'a.
19Dubbii hedduu keessa cubbuun hin dhabamu;
ka afaan ufii eeggatu garuu ogeessa.
20Afaan balcha'aa akka meettii baffameeti;
yaanni nama hama'aa garuu gatii hin qabu.
21Arrabni balchootaa namniin hedduu ijaara;
gowwoonni garuu dhidhinna
waa bikkuu dhabu'uutiin du'an.
22Eebbi Rabbii durummaa fiddi;
inni rakkinna isi'itti hin eda'u.
23Namni gowwaan hujii hama'atti gammada;
namni hubataan garuu
ogumma'atti gammada.
24Nama hamaa waan sodaatetu irra gaya;
balchaa waan inni hawwetu raawwatamaaf.
25Yoo haboonbolattiin ka'u
hammeeyyiin haxaayamanii fudhataman;
balchoonni garuu bara baraan jabaatanii jiraatan.
26Akkuma dhangaggaayaan ilkaan,
aarri ija miidhu,
amshaaggaanillee ka isa erguuf akkasuma.
27Rabbiin sodaachuun umurii namaa dheeressa;
umuriin hammeeyyi'ii garuu gabaabamatti citti.
28Abdiin balchootaa gammachu'u;
abdiin hammeeyyi'ii garuu duwwaa ta'ee hafa.
29Karaan Rabbii balchootaa irkoo;
worra hamaa hojjataniif garuu badi'i.
30Balchoonni sirima hin buqqa'an;
hammeeyyiin garuu lafa irra hin jiraatan.
31Arrabni balchootaa ogummaa burqisiisa;
arrabni micciiramaan garuu hin murama.
32Arrabni worra balcha'aa waan ta'u beeka.
afaan worra hammeeyyi'ii garuu micciirama callaa beeka.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.