Kitaaba Moototaa ka 1ffaa 15 - Kitaaba Woyyuu

Abiyaa Mootii Biyya Yihuuda'aa(Sen. 2ffaa 13:1—14:1)

1Ilmi Naabaaxii Iyyoorbi'aam mooyee woggaa kudha Saddeetesso'ootitti Abiyaan biyya Yihuuda'aa irratti mooye.

2Inni Yerusaalemiin woggaa sadihii bulche; haati isaa ta Ma'ikaa jedhamtu mucattii Abeseloomii turte;

3Innillee cubbuu abbaan isaa hojjate maraa hojjate; onneen isaa akka abbaa isaa akka Daawitii qulqulluu hin turre.

4Garuu Rabbi Waandhi isaa ilma isaa isaan maayessa moosisu'uuf, Yerusaalemiinillee jabeessu'uuf waan Daawitiitiif jedhee Abiya'aa ilma kenne.Mot. 1ffaa 11:36

5Daawiti bara ufii jiraate maraa keessatti Rabbiin afo'otti waan qajeelaa godha'aa waan inni isa ajaje maraa raawwata'aa ture.Sam. 2ffaa 11:1-27

6Bara Iyyoorbi'aamii fi ilmi Roobi'aamii Abiyaan bulchan isaan lachuu wol lola'aa turan.

7Wonti Abiyaan hojjate maruu galmee seenaa mootota Yihuuda'aa keessatti barreeffameera.

8Kanaan maayessa Abiyaan du'ee qachaa Daawitii hulee abboonni isaa itti awwaalaman biratti awwaalame; bikka isaa ilma isaa Aasa'atu mooye.

Aasaa Mootii Yihuuda'aa(Sen. 2ffaa 15:16—16:6)

9Iyyoorbi'aam Israa'eliin irratti mooyee woggaa diddameesso'ootitti Aasaan mootii Yihuuda'aa ta'e.

10Inni Yerusaalemiin keessa jiraata'aa woggaa afurtamii tokko bulche; haati isaa Ma'ikaan mucattii Abeseloomii turte.

11Aasaan akkuma Daawitii abbaa ufiititti Rabbiin afo'otti waan qajeelaa hojjate.

12Inni biyya ufii bulchu keessaa worra Soodomii yaase, waaqa tolfamaa abboonni isaa waaqeffatan maraa balleesse.

13Haati isaa Ma'ikaan waaqa tolfamaa waaqeffatan waan hojjatteef akka isiin mootii hin taane godhee waaqa tolfamaa isi'ii caccabsee laga Qeediroonii biratti gube.

14Garuu hulee itti sagadan ka tulloota gubbaa jiru hin balleessine, Aasaan bara ufii jiraate maraa keessatti garaa guutuu qaba ture.

15Meeshaa abbaan isaa woyyoomse, worqii inni ufii woyyoomsee fi birriillee gara mana woyyu'uu galche.

16Mootiin Yihuuda'aa Aasa'aa fi mootiin Israa'elii Ba'oos bara ufii bulchan maraa wol lola'aa turan.

17Mootiin Israa'elii Ba'oos biyya Yihuuda'aatiin lolee qabatee, Raamaa kushee ufii godhatee hojjate; wonti waan kana godheef eennullee gara biyya Yihuuda'aa akka hin seennee fi akka hin baane dhooggu'uuf.

18Sababaa kanaaf mootichi Aasaan birri'ii fi worqii mana woyyu'uutii fi ka mana mootumma'aa baasee hojjattoota ufii irraan Xabiriyoosii ilma ilma Heziyoonii ta'een mootii Sooriya'aa Wolda'adeeriif akka kenna'aatitti ergeef.

19«Anaa fi si jiddu'utti, abbeetii fi abbaa kiyya jiddu'utti waadaan dhaabateera; ani birri'ii fi worqii eebba maraa sii ergeeraa akka mootiin Israa'elii Ba'oos na irraa fagaatu isa bira dhaqii waadaa isa woliin qabdu diigi» jedhee dhaamsa itti erge.

20Wolda'aaderille mooticha Aasa'aan maarre jedhee ajajootaa fi loltoota ufii gara qachoota Israa'elii ergee biyya Iyyoonii, Daanii, Abelbeetma'aag, Kenereetii fi biyya Niftaalemii maraa dhaye.

21Mootichi Ba'oos haga waan kana dhagaye Raamaa hojjachuu dhiisee biyya Teersa'aa dhaqee keessa jiraate.

22Mootichi Aasaan biyya Yihuuda'aa maratti labsii labse; biyyi Yihuuda'aa hennaa san nagaya hin qaban, dhaga'aa fi muka Ba'oos Raamaa ittiin ijaare fudhatanii mootichi Aasaan qachaa Biiniyaamii Geeba'aa fi Mitsiphaa ittiin ijaare.

23Wonti mootichi Aasaan hojjate maruu hujiin jannumma'aatii fi qachoonni inni itti kushee hojjate galmee seenaa mootota Yihuuda'aa keessatti barreeffameera; mootichi Aasaan hennaa jaare lutti isaa waan dhukkubeef laamshaye.

24Inni du'ee qachaa Daawitii keessatti hulee mootonni itti awwaalaman biratti awwaalame; bikka isaa ilma isaa Iyyoosaafixi mooye.

Naadaabii Mootii Israa'elii

25Aasaan biyya Yihuuda'aa irratti mooyee woggaa lammeesso'ootitti ilmi Iyyoorbi'aamii Naadaabi worra Israa'elii irratti woggaa lamaa mooye.

26Inni Rabbiin afo'otti waan hamaa hojjate akkuma abbaan isaa cubbuu hojjate innillee banii Israa'elii cubbuu hojjachiise.

27Ba'oosiin ilmi Akiya'aa ka gosa Yisaakoorii Naadaabitti ka'ee lafa Gabaa'ooniititti isa ajjeese.

28Aasaan biyya Yihuuda'aa irratti mooyee woggaa sadeesso'ootitti Ba'oos Naadaabiin ajjeesee bikka isaa mootii ta'e.

29Inni akkuma mooyeen maatii worra Iyyoorbi'aamii maraa fixe; akkuma Rabbi karaa raatticha ufii Akiyaa biyya Seelo'ootiin dubbate maatiin Iyyoorbi'aamii maruu hin dhuman womaa hin hafne;Mot. 1ffaa 14:10

30sababaan kun ta'eef waan Iyyoorbi'aam cubbuu hojjatee worra Israa'eliillee akka cubbuu hojjatan godhee Rabbii waaqa Israa'elii aarseef.

31Wonti mootichi Naadaab hojjate maruu galmee seenaa mootota Israa'elii keessatti barreeffameera.

32Bara mootiin Yihuuda'aa Aasa'aa fi mootiin Israa'elii Ba'oos bulcha'aa turan lola addaan hin cinnetu isaan jidduu ture.

Ba'oos Mootii Israa'elii

33Bara Ba'oos bulche woggaa sadeesso'ootitti ilmi Akiya'aa Ba'oos worra Israa'elii maraa irratti Teersaa keessatti woggaa diddamii afurii bulche.

34Inni Rabbiin afo'otti cubbuu hojjate; cubbuu Iyyoorbi'aam hojjate hojjatee banii Israa'eliillee akka cubbuu hojjatan godhee Rabbiin gaddisiise.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help