1Minaaseen bara Yihuudaa irratti moowu umuriin isaa woggaa kudha lama ture; inni Yerusaalemiin keessa taa'ee woggaa shantamii shanii bulche; maqaan haadha isaa Hafseeba'a.
2Minaaseen akka worri Israa'elii hennaa gara biyya waadaa isaanii galameetitti galan waaqolee ormaa ka Rabbi afoo isaaniitii balleessee fi hujii hamaa worri ormaa hojjatan hojjata'aa Rabbiin gaddisiise.Erm. 15:4
3Inni hulee sagadaa ka tulloota irraa ka abbaan isaa Hisqiyaas diige deebisee ijaare; akkuma mootiin Israa'elii Aki'aabi godhe waaqa tolfamaa ba'aaliif hulee ciinca'aa hojjate; muka jalatti waaqeffatanillee hin dhaabe; waaqolee sami'ii maraafuu sagada'aa waaqeffate.
4Hulee Rabbi maqaa kiyyatu itti waamama jedhe Yerusaalemitti mana Rabbii keessatti hulee ciinca'aa ijaare.Sam. 2ffaa 7:13
5Mana woyyuu Rabbii keessatti hulee itti bayan lamaan irratti waaqolee sami'iitii hulee ciinca'aa ijaare;
6Ilma ufii ciincaa godhee dhiyeesse; inni ka moruu fi ka asmaa hojjatu ta'ee mortootaa fi worra hafuura worra du'anii waamu irraa gorsa fudhata'aa ture; sababaa waan kanniin godheef, cubbuu guddaa waan hojjateef Rabbiin dallansiise.
7Rabbi Daawitii fi ilma isaa Solomooniin Yerusaalemii gosa Israa'elii maraa keessaa filadhe; mana kana keessatti maqaan kiyya baraa haga bara baraa waamama;
8Ajaja garbichi kiyya Muuseen ajaje maraa yoo godhanii fi yoo eegan biyya abboota isaaniitii kenne keessaa Israa'eliin hin baasu mana jedhe keessatti muka itti waaqeffatu'uuf bocamee fi fakii qirqidame dhaabe.Mot. 1ffaa 9:3-5; Sen. 2ffaa 7:12-18
9Worri Yihuuda'aa dubbii Rabbiitii hin ajajamne; sirimaa Minaaseen worra Israa'eelii masakka'aa dhufee cubbuu banii Rabbi afoo isaaniitii buqqisee balleesse caalaa gara cubbuu caalutti isaan masakke.
10Rabbi karaa garboota ufii karaa raattotaatiin akkana jedhee dubbate
11«Mootiin Yihuuda'aa Minaaseen waan battii kana maraa hojjateef cubbuu armaan dura worri Amoorotaa hojjatan caalaa hojjateera; waaqolee tolfamaa hojjateen banii Yihuuda'aa gara cubbu'uu oofe;
12kanaafuu ani Rabbiin Waandhi Israa'elii Yerusaalemii fi Yihuudaa irratti balaan hamaan ani fidu kana; namni waan kana dhagayu maruu guddisee rifata.
13Ani akkuma Samaariya'aa fi mootii Israa'elii Aki'aabiin fiixaa isaa woliin adabe Yerusaalemiin hin adaba; gabateen waa irratti nyaatan akkuma dhiqamee gombifamee kaayamutti ani Yerusaalemiin cubbuu irraa hin qulqulleessa.
14Banii kiyya ka balaa jalaa baye akka diintota isaanii jala ta'an isaan dhiisa; inni hin booji'ama; qabeenni isaallee hin saamama.
15Guyyaa Misirii bayanii jalqabee haga adhaa afoo kiyyatti waan hamaa hojjatee na dallansiiseera» jedhe.
16Minaaseen waan hojjachu'uun cubbuu Yihuudaa hojjachiiseen ala ka biraa haga Yerusaalem dhiigaan guuttamtutti daanga'aa haga daanga'aa dhiiga namoota qulqullu'uu baay'ee jisse.
17Wonti Minaaseen hojjate maruu cubbuun inni hojjate galmee seenaa mootota Yihuuda'aa keessatti barreeffameera.
18Minaaseen akkuma abbootaa du'ee hulee biqiltuu Ooza'aa ta mana isaa bira jirtu jalatti awwaalame; bikka isaa ilma isaa Amoontu mooye.
Amoon Mootii Yihuuda'aa(Sen. 2ffaa 33:21-25)19Amoon hennaa Yihuudaa irratti moowu nama umurii diddamii lamaati; inni teessoo ufii Yerusaalemiin keessa godhatee woggaa lamaa bulche; haati isaa ta Meesaalaa jedhamtee waamamtu dhalattuun biyya Yooxiba'aa mucattii Haruusii turte.
20Amoon akkuma abbaan isaa Minaaseen godhe Rabbiin afo'otti waan hamaa hojjate.
21Waan hamaa abbaan isaa hojjate, waaqolee tolfamaa abbaan isaa waaqeffate waaqeffatee sagadeef.
22Rabbii abboota isaa ka durii hin dhiise; karaa Rabbii irra deemuullee hin dhiise.
23Garboonni Amoon mooticha irratti mari'atanii mala itti malanii mana mootummaa isaa keessatti isa ajjeesan.
24Banii biyyaa garuu worra mooticha Amoon irratti mala malan maraa hin ajjeesan; baniin bikka ilma isaa Iyyoosiyaasiin moosisan.
25Wonti Amoon hojjate galmee seenaa mootota Yihuuda'aa keessatti barreeffameera.
26Amoon du'ee hulee biqiltu'uu ta «Hulee biqiltuu Ooza'aa» jedhamtutti awwaalame; bikka isaa ilma isaa Iyyoosiyaasitu mooye.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.