1Mootichi Solomoon ijaarsa mana woyyu'uu haga fixeen maayessa birri'ii fi worqii abbaan isaa Daawiti Rabbiif fooye maraa akkasuma meeshaa mana woyyuu keessaa maraa hulee meeshaa keessa kaayan ka mana woyyu'uu keessa kaaye.Saanduundhi Waadaa Rabbii Gara Mana Woyyu'uu Gale(Mot. 1ffaa 8:1-9)
2Kanaan maayessa mootichi Solomoon akka saanduuqa waadaa Rabbii Tsiyoonii qachaa Daawitiitii fidaniif manguddoota Israa'elii, bulchoota gosaa maraa fi bulchoota manniin abboota isaanii maraa, akkasuma abboota murti'iillee Yerusaalemitti wolitti qabe.Ulfinni Rabbii Mudhate
11Worri gadootaa ka achi jiran maruu uduu tajaajila isaanii kenname hin laalle tokkumma'aan Rabbiif uf kennan
12Worri Leewwotaa ka faarfatan Asaaf, Eemaan, Edootaamii fi ijoolleen isaanii, obboleewwan isaaniillee uffata mishaa gad diratan uffatanii meeshaa shaka shaka jedhu, meeshaa ittiin faarfatan ka sagalee guddaa kennuu fi maasinqoo dhaya'aa gara baya biiftu'uutiin hulee ciinca'aa bira dhaabatan; namoonni gadaa ta'an dhibbaa fi diddamnillee xurumbaa afuufa'aa turan.
13-14Hennaa worri gadootaa mana woyyuu keessaa bayan worri faarfattootaatii fi worri xurumbaa afuufan wol gayanii Rabbiin jaja'aa galatoonfata'aa;
«Rabbi arjaa waan ta'eef; dhiifamsi isaallee baraa haga bara baraa waan ta'eef
Rabbiin galatoonfadhaa'a»
Jedha'aa laagaa ufii ol qabatanii afaanuma tokkoon xurumbaa, meeshaa shaka shaka jedhuu fi meeshaa faaru'uu ka laagaa guddaa dhageessisuun Rabbiin galatoonfata'aa turan.
Hennaa kana duumessi mana Rabbii keessa ol guute; Ulfinni Rabbii mana Rabbii keessa waan ol guuteef worri gadootaa dhaabatanii Rabbiin tajaajiluu hin dandeenne.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.