1Rabbi akkana jedhee natti dubbate,
2«Ati ilma namaa! intallan haadhaa lamaan ta haati takka deettutu ture.
3Isaan hennaa ka'imummaa isaanii biyya Misiriititti durbummaa ufii dhabanii salphatanii seebartoota ta'an.
4Isaan keessaa ta hangafaa Ohoolaa jedhamti; isiin Samaariya'a, ta maandha'aa ammo Ohoolibaa jedhamti; isiin Yerusaalem; ani isaan lachuu fuudhee ijoollee naa dayan.
5Ohoolaan haga ani fuudheen maayessallee seebara ufiillee hin dhiifne; jaalalaan worra Asoorii woliin seebaru'uuf guddiftee hawwite.
6Isaan abboota murti'ii gugurdaa ka uffata hamara uffatan, worra gugurdaa mootii jala hojjatan fa'a; isaan maruu ka'immanii fi worra faradoo babbareedaa qaban.
7Isiin seebartuu worri baallii qaban ka Asoorii itti fayyadamu; fedha fooniitiin gubachuun isi'ii akka waaqolee tolfamaa worra Asoorii waaqeffatu'uun uf batteessitu isii taasise.
8Isin biyya Misirii ta durbummaa ufii itti dhabdee seebaruu jalqabde hin dhiifne; hennaa durbummaa isi'ii irraa jalqabee dhiirri maruu isi'i akka nama seebaruutitti laalanii isii woliin seebaran.
9Kanaafuu worra isiin guddiftee barbaadu worra Asoorii ka jaalalloo isi'iititti dabarsee isii kenne.
10Isaan uffata isi'ii irraa mulqanii qullaa isii hambisan; ijoollee isi'ii ta dhiiraatii fi ta intalaa jalaa booji'an; isii garuu guraade'een ajjeesan; murtiin isii irratti raawwatame dubartoonni maruu waan isii irra gayeen oduu odeessuu jalqaban.
11Obboleettiin isi'ii Ohooliibaan itti hammaate malee hin sirroofne siri'ii Ohoolaa caalaa seebartuu taate.
12Isiinillee gama ufiitiin abboota murti'ii gugurdaa worra Asoorii loltoota uffata babbareedaa uffatan, ka'imman farda yaabbatan jaalattee dharraa fooniitiin maraatte.
13Ta lammeesso'oo tunillee hin battoofte; isaan lachuu karama tokko deeman.
14-15Seebaruun isi'iillee baay'ata'aa deeme; mudhii ufiititti qubee babbareedu hidhatanii, mataa ufiititti faaya bareedu hidhatanii, fakii worra baallii qabanii ka dhaaba manaa irratti kaasan ka uffata babbareeduu argitee hawite.
16Isiin fakii sanniin argitee dharraa fooniitiin maraattee gara Baabiloonii hulee isaan jiraatanii dhaamsa ergite.
17Worri Baabiloonniillee isii woliin seebaru'uuf dhufan; isaan hennaa heddu waan isii batteessaniif isaan maraa jibbite.
18Isiin nafa qullaa raasa'atti baatee akka seebartuu taate; nama marattuu uf mudhifte; ani haguma obboleettii isi'ii jibbe isiillee jibbe.
19Isiin hennaa durbumma'aa ka hennaa biyya Misirii jirtu seebara'aa turte ammallee isuma hojjata'aa seebaruu baay'eessite.
20Qaamni isaanii akka qaama harre'ee, sanyiin isaanii akka sanyii fardaa worra dharraa fooniitiin maraatan jaalattee faana deemte.
21Ohooliibaa'a! ati akkuma hennaa durbumma'aan jirtuu dhiirti harma kee qaqqaba'aa durbummaa si irraa fudhatan san ammallee battummama san deebitee raawwachuu barbaadda.
Murtii Rabbi Obboleettii Maandha'aatitti Murteesse22Ohooliibaa'a! ammallee ani Rabbiin maraa olii wonti siin jedhu kana; ati goshoota kee sanniin jibbiteerta; garuu ani akka isaan sitti ka'an godha; akka si marsaniif isaan as fida.
23Worra Baabilooniitii fi worra Kalaadaawotaallee hin fida; dhiira worra Faaqoodii, Shoo'a'aatii fi Yaqu'aanii, akkasuma worra Asoorii maraa as fida; abboota murti'ii ka'imman babbareeddanii fi ajajoota loltootaa, worri baallii qaban jajjabaan maruu faradoo yaabbatanii dhufan.
24Kunniin maruu konkolaataa fardaatitti dhalee ufii fe'atanii hunna jaba'aan duultota hedduun marfamanii karaa maraanuu sitti dhufanii balaa sitti buusan; isaan wonte'ee fi meeshaa lolaa ka mata'atti godhataniin uf irraa dhoogga'aa si marsan; ani murtii isaaniititti dabarsee si kenna; isaanillee akka seera ufiititti si adaban.
25Ani waan sitti aareef isaan siin lolanii akka barbaadan akka si godhan isaanitti dhiisa; isaan funyaanii fi gurra kee hin muran; worri si irraa hafan guraade'een ajjeefaman; ijoollee tee ta dhiiraatii fi ta intalaa booji'anii si harkaa fudhatan; worra si irraa hafe ibiddaan guban.
26Uffata kee maraa si irraa mulqan; faaya kee maraa hin fudhatan.
27Hujii kee ka seebaraatii fi waan nama saalfachiisu ka biyya Misiriititti hojjata'aa turte maraa akka dhiiftu godha; deebitee gara waaqolee tolfama'aa hin laaltu; waan biyya Misiriillee hin yaaddu.
28Wonti Rabbiin maraa olii jedhu banii ati jibbitutti dabarsee si kenna.
29-30Sababaa guddisanii si jibbaniif waan ati itti dadhabde maraa si jalaa fudhatan; qullaa si hambisanii akka dubartii seebartuutitti nafa kee raasa'atti si baasan; fedha fooniitiin maraatuun keetiitii fi seebaruun kee akka wonti kun maruu si irra gawu godheera; Ati seebartuu baniin maruu sitti fayyadamu taate; waaqolee tolfamaa isaaniitiin uf batteessite.
31Ati waan akkaataa jireenna obboleettii teetii hordofteef mijuu adabbi'ii ka isiin dhudde akka atillee dhuddu si godha.»
32Rabbiin maraa olii akkana jedha,
«Ati mijuu obboleettii teetii dhudda;
inni gudda'aa fi xiilla'a;
ati ka namni maruu itti taphatuu fi itti baldu taata;
mijuun kunillee guddisee mataa nama qaba.
33Ati machooftu'uu fi ta guddiftee gadditu taata;
Ati mijuu badi'iitii fi diiggamuu Samaariyaa obboleettii teetiillee hin dhudda.
34Uduu womaa hin hambifne coongiftee keessaa fixxa;
meeshaa mijuu sanii caccabsitee waan caccabe sanniiniin gadditee harma kee mummurta;
Ani Rabbi waan kana dubbadhe.»
35Ammallee wonti ani Rabbiin maraa olii jedhu kana, «Ati waan na irraanfattee dudda natti galteef waan seebaraa fi sagaagala keetiitiif rakko'otu si irra gaya.»
Murtii Rabbii Ka Obboleeyyan Lamaan Irratti Dhufu36Rabbi akkana naan jedhe, «Ati ilma namaa! Ohoola'aa fi Ohooliibaa irratti murteessu'uuf qophoofteertaa? waan nama jibbisiisu ka isaan hojjatan ifa isaanii baasi.
37Isaan worra seebaranii fi worra lubbuu namaa ajjeesan; isaan waaqolee tolfamaa woliin seebaran; ijoolleen isaan ajjeesan ijoollee naa dayan; ijoollee tiyya ta dhiiraa waaqolee tolfama'aaf ciincessan.
38Yakki isaan raawwatan kana calla'aa miti; hennaa san mana kiyya hin batteessan; sambata kiyyallee hin diigan.
39Guyyaa ijoollee tiyya waaqolee tolfama'aaf ciincaa dhiyeessan gara mana woyyuu kiyyaa dhufanii batteessan; kunoo wonti isaan mana kiyyatti raawwatan kana.
40Dhiira heddu akka biyya fago'oo affeeranii isaanii fidaniif ergamtoota ergan; dhiirran isaan barbaadanillee hin dhufaniif obboleeyyan lachuu nafa ufii dhiqatan; ija kuulatan; faaya gara garaa godhatanii,
41Siree gaggabaabaa babbareeddan irratti isaan afoo taa'an; hixaanninii fi ejersi ani isaanii kenne uduu hin hafne waan mimmishaa maraa xarapheessaa irratti wolitti qaban.
42Laagaa wocaa heddutu naannoo isaanii jira; isaan woliin worra machaayu ka lafa gammoojji'iitii dhufantu jira; worri machaayu sunniin dubartoota sanniinitti harka isaaniititti laakkaa'a, mataa isaaniititti garuu gulloo ulfinnaa ka bareedu godhaniif.
43Ani garaa kiyya keessatti ‹Dhiirran kunniin dubartii seebaraan nafti isi'ii dhume woliin seebaranii?› jedhe.
44Akkuma dhiirran dubartoota seebaranitti dhaqan dhiirran lafa gammoojji'iitii dhufan sunniinillee dubartoota Ohoola'aa fi Ohooliibaa jedhaman woliin seebaran.
45Isaan waan seebaruu baratanii fi harki isaanii waan dhiigaan battaayeef worra seebaran sanniinii fi worra nama ajjeessan sanniinitti worri qulqullootaa hin murteessan.
46Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Isaan irratti worra isaan raasu kaasi; isaanillee saamichaa fi raafamu'utti dabarsii kenni.
47Worra isaan raasu san dhaga'aan haa dhayanii; guraade'een isaan haa mummuranii, ijoollee isaanii ta dhiiraatii fi ta intalaa haa ajjeesanii, manniin isaaniillee ibiddaan haa gubanii,
48Akka isin obboleeyyan lamaan seebartan dubartoonni ammaa achi akka hin seebarre haala badanii adabamuun seebaru'uu akka lafa irraa badu godha.
49Ani waan isin obboleeyyan lamaan haala baddanii fi cubbuu waaqolee tolfama'aa sagadu'uun raawwattaniif isin adaba; hennaa san akka ani Rabbii maraa olii ta'e beettan.»
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.