1Worra gara woyyicha Israa'elii hin laalle;
worra Rabbiin irraa gargaarsa hin barbaanne;
garuu worri gargaarsaaf gara Misirii gad bu'an;
worra faradoo hedatan,
worra baay'inna konkolaata'aa;
worra jabeenna guddaa fardoo ufiitiin dhaadatan
isaan hobbaasi!
2Inni garuu ogeessa; badii fida;
jecha ufii hin gaabbu;
mana worra waan hamaa hojjatanii;
worra worra miidhaa hojjatan gargaaranitti ka'a.
3Worri Misirii namoota malee Waaqaa miti;
faradoon isaanii foon uffataniiran malee
hafuura miti;
yoo Rabbi harka badhisu;
ka gargaarsa kennu hin gufata;
ka gargaaramullee hin kufa;
lachuu wolumaan badan.
Rabbi Yerusaalemiin Hin Oolcha4Rabbi akkana naan jedheera;
«leenci yookaan leenci darmiin;
waan cabse qabee yoo bookkisu;
tisseen hedduu wol waamanii hennaa itti dhufan;
akkuma iyyi isaanii isa hin sodaachifne;
akkuma laagaa isaaniitiin hin raafamne;
Rabbi Gooftaan banii maraa;
gaara Tsiyoonii gubbaa isi'ii irratti
akkasuma lolaaf gad bu'a.
5Akkuma simbirran sammuu gubba'atti koola badhiftuu;
Rabbi Gooftaan banii maraa Yerusaalemiin
akkasuma golga;
isii daadaya; isii hambisa;
isii gargaara, isii oolcha.
6Isin baniin Israa'elii, gara ka guddiftanii dhibdaniititti deebi'aa'a;
7Hennaan isin waaqa tolfamaa meeti'ii fi worqii irraa ka harka cubbamaa keessaniin hojjattan maraa darbitanii gattan hin dhufa.
8«Asoor guraadee ka namaa hin taaneen kufa;
guraadee foon uffata'aa hin taanetu isaan nyaata.
Guraadee jalaa dheessa;
ka'imman hunnaan hujii hojjatan.
9Maandheen jabaan sababaa raafamaatiif kufa;
masakkoonni malkata lolaa yoo argan;
naasu'uun liqimfaman»
jedha Rabbiin ibiddi isaa Tsiyoonii fi
girgiraan isaallee Yerusaalemiin ta'e.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.