Raajii Isaayyaasii 50 - Kitaaba Woyyuu

1Rabbi akkana jedha,

«akkuma abbaan manaa haadha manaa ufii hiikee ari'u

Ani banii kiyya isin waan ari'e seetanii?

yoo akkas ta'e woraqaan hiikka'aa meeti?

akkuma namni huunjoo uf irraa qabuuf jedhee ijoollee ufii garbumma'atti gurguratu,

ani waan isin gurguradhe seetanii?

yoo akkas ta'e liqaa eennuutiif isin gurguradhe?

isin sababaa cubbu'uutiif booji'amtan;

wonti baqattaniif yakka ufii hojjattaniif.

2«Ani hennaa dhufe maaf nama dhabe?

hennaa waamu maaf ka na jalaa awwaatu dhabe?

harki kiyya gabaabbatee isin oolchuu dadhabee?

Ani fayyisu'uuf hunna hin qabuu?

Ani xixee galaana gossa;

laggiin lafa gammoojji'ii taasisa;

qurxummiin isaanii bisaan dhabanii dhumanii ajaayan.

3Samiiwwan hin dukkaneessa;

golgi isaanii uffata gaddaa fakkaata.

4Worra dadhaban jajjabeessuu akka beekuuf

Rabbi Gooftaan arraba hayyumma'aa naa kenneera;

Ganama maraa hirribaa na dammassa;

akka barata'aatitti akka caqasuuf gurra naa bana.

5Rabbi Gooftaan hubbannaa naa kenneera;

anillee nama hamaa ta'ee isa irraa hin fagaanne.

6Worra na dhaananiif dirra,

worra areeda kiyya buqqisanitti boqoo kennadhe;

worra na arrabsanii fi worra natti tufu jalaa fuula kiyya hin dhoogganne.

7Rabbi Gooftaan waan na gargaaruuf ani hin salphanne;

akka dhagaa qarsa'aatitti uf jabeesse;

ani akka hin salphanne hin beeka.

8Rabbiin naa murteessu natti dhiyoo waan jiruuf;

eentu naan morma?

ka na himatu yoo jiraate wol afoo dhaabannaa;

mee na haa mooyatuu.

9Rabbi Gooftaan na gargaaraa;

eentu natti murteessa;

worri na himatan akka uffataatitti moofan;

rimmatu isaan fixa.

10Isin keessaa namni Rabbiin sodaatuu fi

ka dubbii tajaajilaa isaatiif ajajamu eennu?

namni ifa hin qabne ka dukkana keessa jiraatu

Rabbiin haa hedatuu;

Waaqa ufii haa amanuu.

11Isin maruu worra nama irratti qaaqa akka ibiddaa bobeessitanii fi

worra shawaa irratti ibidda qabsiiftanii nama gubdan;

arrabuma ibiddaa ka bobeessitanii fi shawama qabsiiftan saniin baddan;

adabbii kana anumatu isin adaba.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help