1Eeganaa jaalatamtoota kiyya dubbii abdi'ii kana yoo qabaanne, sodaa Rabbiitiin woyyummaa guutuu godhu'uun waan nafa kennaaf ayyaana keenna batteessu maraa irraa uf haa qulqulleessinuu.
Gammachuu Phaawuloosii2Isin garaa keessan nuu badhisaa'a; nu eennuunillee hin yakkine; eennuunillee hin miine; eennuunillee hin sobne.
3Kana murti'iif hin jedhu; tokkumma'aan du'u'uuf; tokkumma'aan jiraachu'uuf; garaa keenna keessa akka jirtan dursee dubbadheera.
4Waan keessaniif amantiin kiyya gudda'a, sababaa keessaniif guddisee boona; guddisee jajjabaadheera; rakkoo keenna maraa keessatti ani hin gammada.
52:13; 4:8; Hu. Er. 20:1-2 Hennaa gara Maqedooniya'aa dhufne waa maraanuu rakko'otu nu irra gaye malee hara hin baafanne. Diida lolatu jira; keessa ammo soda'atu jira.
6Haa ta'uu ammo Waandhi worra gaddan jajjabeessu dhufa Tiito'ootiin nu jajjabeesse.
7Tas. 1ffaa 3:6-8 Dhufuu isaa calla'aanii miti; nuu yaaduu keessaniif booyicha keessan waan kiyyaafillee ammo hinaafuu keessan hennaa inni nutti himu jajjabeenna nu isiniin jajjabaanneen akkasuma ka duraa caalaa gammanneerra.
8Dhaamsi kiyya yoo isin gaddisiisee jiraate hin gaabbu; yoo gaabbellee dhaamsi sun hennama diqqo'oof akka isin gaddisiisee waan arga'aaruuf.
9Amma ammo gammadeera, wonti gammadeef waan isin gaddisiiseef uduu hin taane sababaa gadda keessaniitiif aagii galtanii waan jijjiiramtaniif.
10Mat. 5:4; 26:75; 27:3-5; Luq. 15:17-24 Gaddi akka fedha Rabbii ta'e, ka gaabbiin keessa hin jirre, waan aagii gara fayyinnaa nama geessu ta'eef. Gaddi adunyaa tanaa ammo du'a fida.
11Gaddi akka fedha Rabbii ta'e kun jabaachuu attamii, deebii attamii, lola attamii, sodaa attamii, yaaduu attamii, hinaaffaa attamiitii fi gadoo bayuu attamii akka isin jiddu'utti godhe laalaa'a. Waan kanaan woyyoota ta'uu keessan raggaasiftaniirtan.
12Eeganaa waan isinii barreessellee yoo ta'e, jabeenni waan keennaaf qabdan isin biraa Rabbiin afo'otti akka mudhatuuf malee, waan ka yakkeetii fi yookaan waan ka yakkamee hin barreessine.
13Kanaaf jajjabaanneerra. Waan jajjabaachuu keennaatii fi waan gammachuu Tiito'ootiif guddifnee gammanne. Qalbiin isaa isinitti waan hara baafateef.
14Isiniin boonuu kiyya isatti himee ture; isinillee na hin saalfachiifne; wonti isinitti hima'aa turre maruu akka dhugaa ta'e akkasuma dhaaduun waan keessan Tiito'otti hima'aa ture maruu akka dhugaa ta'e mirkanaayeera.
15Kanaaf sodaachu'uu fi hollachu'uun attamitti akka isa simattan ajajamuu keessan maraa yaada'aa jaalalti inni isiniif qabu kana caalaa eda'ameera.
16Waan maraanuu waan isin abdadheef guddisee gammadeera.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.