Kitaaba Faaru'uu 74 - Kitaaba Woyyuu

Faatee Nagaya Bani'iitiif FaateffamuBarumsa Asaafii

1Waandhana!

maaf baraa haga bara baraa nu gatte?

hoolota tee ta hulee bobba'aa jirtutti

maaf lolli kee bobaye?

2Gumii dur horii kee godhatte;

gosa ufii horatte ta tee godhatte;

gaara Tsiyoonii;

ta hulee jireenna keetii godhatte yaadadhu.

3Tarkaanfii kee gara worra baraa haga bara baraa ona ta'ee qajeelchi;

diinni waan mana kee woyyuu keessa jiru maraa balleesseera.

4Diintonni kee hulee kee ka wol gayi'iititti dhaadatan;

malkata ittiin beekkaman achitti dhaabataniiran.

5Mukkiin araddaa keessaa muru'uuf;

nama dhagaraa fudhatu fakkaatan.

6Hujii ogummaa harkaatiin bareechisan maraa;

dhagara'aa fi burussa'aan caccabsan.

7Mana woyyuu kee gubanii balleessan;

hulee maqaan kee jiraatu batteessan.

8Garaa ufii keessatti, «Sirima isaan cunqursina» jedhan;

hulee Rabbi itti waaqeffame maraa hin guban.

9Malkanni arginu hin jiru;

raanni ammaa achi ka'u tokkollee hin jiru;

wonti kun nu biratti haga yoomii akka jiraatu

nu keessaa ka beeku hin jiru.

10Waandhana! haga yoomii diinni sitti balda?

nyaaphni kee baraa haga bara baraa

maqaa keetitti baldaa?

11Ati maaf harka kee dachaafatta?

maaf harka kee ka mirgaa bobaa jala kaayatta?

12Yaa Rabbi! dur irraa jalqabee

mootii kiyya;

fayyisuu kee lafa irratti goote.

13Ka hunna keetiin galaana adda qoode si'i;

mataa bineeyyii galaana keessaa

bisaan keessatti tumte.

14Mataa Leewaataanii hin butuchite;

ka uumama lafa gammoojji'iitii nyaata taasiftee kennite;

15Burqaawwanii fi bisaan ka burqisiise si'i;

laggiin uduu adda hin cinne yaa'an ka gosse si'i.

16Guyyaan keeti; halkanillee keeti;

addeessaa fi aduu situ jabeesse.

17Daangaa ardi'ii maraa ka murteesse si'i;

bonaa gannallee situ godhe.

18Yaa Rabbi!

diinni attamitti akka baldu;

baniin duwwaan attamitti akka maqaa kee salphise yaadi.

19Lubbuu handarii teetii dabarsitee

busaawaa aradda'aatii hin kennin;

jireenna banii kee ka rakkatee

baraa haga bara baraa hin irraanfatin.

20Waadaa kee yaadadhu;

huleen mogga'aa ka worri dhibu keessa jiraatuu fi

lafa irra huleen dukkanaa waan baay'ateeruuf.

21Worri cunqurfaman mullanii hin deebi'in;

hiyyeeyyiinii fi rakkattoonni

maqaa kee haa galatoonfatanii.

22Waandhana! ka'i! kaayoo keetiif

tamaaggadhu;

namni duwwaan guyyaa guutuu akka si irratti cooru yaadadhu.

23Bookkisa nyaapholee keetii;

dhaaduu diintonni kee hennaa maraa

sitti ka'anii hin irraanfatin.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help