1«Jireenni namaa lafa irratti guddisee ulfaata'aa mii?
Barri isaallee akka nama guyya'aan qaxaramee hojjatuutii mii?
2Isaan akka hojjattoota mindaa ufii argachu'uuf
gaaddisa jala taa'anii eeggataniiti.
3Akkasuma ji'oonni kiyya ji'oota gatii hin qabne ta'an;
Halkanillee halkan rakkinnaa naa ta'e.
4Hennaa rafe yoomuma ka'a? jedhee yaada,
halkanillee natti dheerata;
haga bari'utti asii fi achi gara gaggala;
5nafti kiyya shamee raammayeera;
foon kiyya qonyonyaaniin uwwifameera;
gogaan kiyya babbaqaqee mala'a.
6Barri kiyya akka maraa jirbii worra woyaa dhawuu caalaa ariifata;
abdii tokko malee dhumata.
7Waandhana! lubbuun tiyya hafuura kiyya caalaa gabaabduu akka taate yaadi;
ijji tiyya ammaa achi waan mishaa hin argitu.
8Namni amma na argu ammaa achi deebi'ee na hin argu;
na soxxa garuu na hin argitu.
9Akkuma duumessi bittinnaayee badu,
akkasuma namni du'ee worra du'etti eda'ame deebi'ee hin dhufu.
10Gara mana ufiillee hin deebi'u,
worri isa beekan maruu isa wollaalan.
11Kanaafuu afaan kiyya hin cadhisu;
hafuuraan dhiphadhee dubbadha;
mararamuu lubbuu tiyyaatiin gaddaan gunguma.
12Kana mara wonti eedduu natti gooteef,
ani galaana moo bineensa guddaa galaana keessaati?
13Ana siree kiyyatu na jajjabeessa;
‹sireen kiyya gungummii gadda kiyyaa naa salphisa› yoo jedhu,
14Ati garuu eebju'uun na sodaachifta;
na suursu'uun na naasifta.
15Jireenna akkanaa jiraachuu irraa
uf hudhee du'uu filadha.
16Jireenna kiyya hin tuffadhe,
bara baraan jiraachuu hin feene.
Barri jireenna kiyyaa gabaabaa waan ta'eef na dhiisi.
17«Ati akka gudda'atti isa laalu'uuf,
yaada keellee irra kaayu'uuf namni maali'i?
18Ganama ganama isa qoru'uuf,
hennaa maraa isa ataabu'uuf namni maali'i?
19Haga yoomii gad na dhiisuu didda?
haga yoomii hancufa gad liqimsuu na dhooggita?
20Ati Waaqa nama eeddu, ani yoo cubbuu hojjadhee si maal godha?
waan maali'iitiif anatti xiyyeeffatte?
maal irrattillee ba'aa sitti ta'e?
21Maaf balleessaa kiyya naa hin dhiifne?
Maaf cubbuu kiyyallee na irraa balleessuu didde?
Ani amma waan du'aaf dhiyaadheef
ammaa achi na barbaaddullee na hin argitu.»
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.