Gara Worra Ibrootaa 13 - Kitaaba Woyyuu

Tajaajila Rabbiin Gammachiisu

1 Yoh. 13:34; Rom. 12:10; Phex. 2ffaa 1:7 Hennaa maraa jaalalli obbolumma'aa isin jidduu haa jiraatu. Keessummoota simachuu hin irraanfatinaa'a;

2akka kanaan gari gariin uduu hin beekin Maleekkota keessummummaa simataniiran.

310:34; Mat. 25:36 Akka waan isaan woliin hidhamtaniirtanii ta'a'aa worra hidhame yaadadhaa'a. Akka waan isaan woliin rakkattanii jiraata'aartaniititti worra rakkataniillee yaadaa'a!

4 Efe. 5:5; Tas. 1ffaa 4:3-8 Wol fuudhuun maraa biratti ulfinna; sireenillee qulqulluu haa ta'u. Worra adaba hin qabnee fi seebartoota ammo Rabbi isaanitti murteessa.

5Xim. 1ffaa 6:6-10; Kes. Deb. 31:6,8; Iyya. 1:5 Jaalala birri'ii irraa uf eegaa'a. Wontummaan qabdan isin haa gayu. Inninuu, «Si hin dhiisu, sirima si hin gatu» waan jedheef.

6Far. 118:6 Ugginee,

«Gooftaan na gargaara,

hin sodaadhu;

namni maal na godha?» jenna.

7 6:12; 13:17,24; Qor. 1ffaa 4:16; Filph. 3:17 Worra ijoo dubbii Rabbii isinitti himan yaadadhaa'a. Waan jireenna isaanii keessatti argame laalaa'a; amanti'iin isaan fakkaadhaa'a.

87:24; Qor. 1ffaa 3:11; Mudh. Yoh. 1:17-18; 22:13 Yesuus Kiristoos kaleessa, adhaa haga bara baraa sanuma.

9Efe. 4:14; Qol. 2:20; Qor. 2ffaa 1:21; Rom. 14:17 Barumsa adda addaa haarawa hin beekkamneen hin fudhataminaa'a. Onneen teessan yoo waan badhaadha Rabbiitiin jabaatte misha'a malee nyaataanii miti. Worri waan kana hordofan waan hin fayyadamneef.

10Nu hulee ciincaa itti ciinceeffannu hin qabna. Haa ta'uu ammo Worri daasee Yihuudotaa keessa tajaajilu, hulee ciincaan itti ciinceeffamu irraa nyaatuun dhoogga'a.

11Ser. Lew. 16:27 Hayyichi gadootaa ka waan cubbu'uutiif dhiiga hori'ii qabatee gara hulee maraa caalaa woyyitti'ii seena. Foon horii sanniinii ganda sanii baasanii guban.

12Mat. 21:39; Yoh. 19:17 Kanaaf Yesuus ammo dhiiga ufiitiin banii qulqulleessu'uuf karra qachatti'iitiin alatti rakkate.

1311:26; 12:2; Mat. 5:11 Eegasuu nullee salphinna inni baadhate san baadhannee qacha'aan ala gara isaa haa dhandhuu.

1411:10,13-16; 12:22; Filph. 3:20 Nu'u qachaa biraa guddittii ta bara baraa san eegganna malee, qachaa biraa asii hin qabnu.

15Ser. Lew. 7:12; Far. 50:14,23; Isa. 57:19; Efe. 5:20 Eeganaa hennaa maraa Rabbii ciincaa galataa jechuun woreega galataa ka afaan keennaa maqaa isaatii ragaa haa dhiyeessinuufii.

16Filph. 4:18; Qor. 2ffaa 9:12-13 Haa ta'uu ammo waan mishaa godhuu, kaawwaniillee qooduu hin irraanfatinaa'a. Ciincaan akkanaa waan Rabbiin gammachiisuuf.

17 13:7,24; Tas. 1ffaa 5:12; His. 3:17-18; 33:7 Worra isin bulchuu ajajamaa'a. Isaan baallii Rabbiin biratti itti gaafataman waan qabaniif jabaatanii isin eeganii. Yoo isin isaanii ajajamtan, isaan waan kana gammachu'uun hojjatan; Yoo ta'uu dhabaate gadda'aa hojjatan. Kun ammo isiniif misha'aa miti.

18 Qor. 2ffaa 1:11-12; Hu. Er. 24:16 Rabbiin nuuf kadhadhaa'a; waan maraanuu waan mishaa huju'uuf hawwii waan qabnuuf yaada qulqulluu akka qabnu hubanneerra.

19Keessattuu akka dafee gara keessan dhufu akka Rabbiin kadhattan jabeessee isinii kadhadha.

Faatee Dhumaa

20 Isa. 63:11; Zakk. 9:11; His. 34:23; 37:26; Yoh. 10:11-12; Phex. 1ffaa 2:25 Ka dhiiga waadaa bara baraatiin tissee guddaa hoolotaa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin ka worra du'an keessaa isa kaase Waandhi nagayaa,

21Filph. 2:13; Gal. 1:5 karaa Yesuus Kiristoosiitiin afoo ufiititti waan isa gammachiisu isin keessatti raawwata'aa akka isin fedha isaa mishaa mara gootaniif guutuu isin haa taasisuu. Isaaf baraa haga bara baraa ulfinni haa ta'u! Amiin.

Nagaya Dhaamuu

22 Yaq. 1:21 Obboleeyyan tiyya! Dubbii gorsaa akka obsitan isin gorsa; dubbii diqqoo tana isinii barreesseera.

23Obboleessi keenna Ximootewoos akka mana hidha'aatii hiikkame beekaa'a. Yoo inni dafee dhufe isa woliin dhufee isin arga.

24Worra isin bulchan maraa fi woyyoota maratti nagaya naa himaa'a. Worri Ixaaliyaa keessa jiran nagaya isinii dhaamaniiran.

25Mudh. Yoh. 22:21 Badhaani Rabbii isin maraa woliin haa ta'u! Amiin.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help