1«Akkuma Rabbi naan jedhe deebinee karaa galaana diima'aatiin lafa gammoojji'ii keessa gaara Seeyirii guyyaa baay'ee naannofne.Ser. Lak. 21:4
2Kanaan maayessa Rabbi akkana naan jedhe,
3‹Gaara kana irra naannayuun isin gaya; deebi'aatii gara mirgaa deemaa'a;
4Banii akkana jedhii ajaji; obboleewwan teessan ta gaara Seeyirii irra jiran biyya ijoollee Eesawu'uutiin luftan; isaanillee isin sodaatanii uf eeggadhaa'a;Ser. Uma. 36:8
5gaara Seeyirii Eesawu'uu waan kenneef ani lafa isaanii keessaa haguma ijjata miilaallee waan isaanii hin kennineef isin isaaniin wol hin lolinaa'a.
6Waan nyaattanii fi waan dhuddanillee horima keessaniin bitattan› naan jedhe.
7«Rabbi Waandhi kee hujii kee maraa waan eebbiseeruuf lafa gammoojji'ii guddaa kana keessa akka deemte beekeera; woggaa afurtamaa kana keessatti Rabbi Waandhi kee si woliin ture; ati womaa hin dhabne.
8«Kanaafuu obboleewwan teenna ijoollee Eesawu'uu ta biyya Seeyirii keessa taa'an woliin karaa Arabaatiin Eelaatii fi Etsiyoongaabiriin biraan deemnee gammoojjii biyya Moo'aabii keessa lufne.
9Rabbi, «Qachaa Eerii ijoollee Looxiitii hulee jireennaa godhee waan kenneef lafa san keessaa womaa isinii hin kennu; kanaafuu worra Moo'aabiitiin wol hin dhabinaa'a» naan jedhe.Ser. Uma. 19:37
10Baniin gosa Eemiimii jajjabaan hedduu qachaa Eerii keessa jiraata'aa turan; isaan akka ijoollee Eenaaqii dhedheeraa turan.
11Isaan akka ijoollee Eenaaqii worra Raafaayii jedhamanii waamaman; worri Moo'aabii garuu isaaniin worra gosa Eemiimii isaaniin jedhan.
12Duraan worri Hoorii Seeyiriin jiraata'aa turan garuu ijoolleen Eesawu'uu isaan ariite; akkuma worri Israa'elii lafa Rabbi isaanii kenne irratti godhan afoo ufiitii isaan balleessanii lafa isaanii irra jiraatan.
13«Achiin maayessa Rabbi, «Laga Zaareedii ceeyaa'a» nuun jedhe; nullee laga Zaareedii ceene.
14Wonti kunillee ka raawwatame Barnee Qaadeesii dhiifnee haga deemne woggaa soddomii saddeetiin maayessa akkuma Rabbi waada'aan waan isaanii dubbate dhiirti isaanii ka lolaaf yaa'e maruu achitti dhume.
15Rabbi haga isaan maraa balleessutti isaaniin loluu hin dhiifne.
16Isaan maruu haga dhumaniin maayessa,
17Rabbi akkana naan jedhe,
18‹Ati adha daangaa Moo'aabii Eeriin lufta;
19achiin maayessa ani ijoollee Looxiitiif lafa irra jiraatan waan isaanii kenneef ijoollee Amooniitiif ammo waan lafa hin kennineef ijoollee Amoonii bira yoo geette isaaniin hin lolin; isaan hin woraanin» naan jedhe.Ser. Uma. 19:38
20[Lafti sunillee akka biyya Raffaayimiititti laakkayame; dura Raffaayim waan achi jiraateef worri Amoonii garuu Zamzumoota jedhanii isaan waaman.
21Banii gugurda'aa fi baay'ee ka hojjaan isaanii akka ijoollee Eenaaqii dhedheeratutu irra jiraata; Rabbi afoo isaaniitii isaan balleesse; isaan ari'anii lafa isaanii irra jiraatan.
22Worra Hoorii afoo isaaniitii balleessee ijoollee Eesawu'uu ta biyya Seeyirii irra jiraattu saniif kennee ture; lafa isaanii irra haga adha jiraatan.
23Baniin lafa bisaaniin marfamte ta qarxees jedhamtee waamamtuu dhufe worra Eewwota jedhamee waamamu ka naannoo Gaaza'aa jiraatu balleessanii hulee isaaniititti quphatan.]
24«Ammallee deema'aatii laga Aarnoonii ceeya'aatii Seewoonii mootii worra Hasebooniitii fi mootii worra Amoorotaa lafa isaallee dabarsee sii kenneeraa lafa san dhaali isaaniin wol loli.
25Adha irraa jalqabee baniin biyya kamuu jiraatan maruu akka isin sodaatan godha; hennaa waan keessan dhagayan sodaatanii hollotan» naan jedhe.
Worri Israa'elii Mootii Seewoonii Mooyatan(Ser. Lak. 21:21-30)26Achiin maayessa gara Seewoonii mootii Haseboonii lafa gammoojjii Qideemootiititti ergaa nagaya akka isatti himaniif akkana jedhee ergamtoota erge.
27‹Ani biyya kee keessa uduu bita'aa fi mirga hin midhanne karama qabadhee lufa.
28-29Midhaan nyaadhuu fi bisaan dhugullee hori'iin natti gurguri ijoolleen Eesawuu ta Seeyiriin keessa jiraatan, worri Moo'aabii akkuma waan mishaa naa godhan gara lafa Rabbi Waandhi keenna nuu kennuu laga Yoordaanosii lukuma kiyyaan ceeyaa na hoffolchi.
30Seewoon mootiin Haseboonii garuu lufuu nu dhoogge Rabbi Waandhi keenna mootii Haseboonii Seewooniin waan onnee isaa morkataa godheef isa mooyannee lafa tana dhaalleerra.
31Kanaan maayessa Rabbi ‹Waandhi Seewoonii fi lafa isaa sii kennuu amma jalqabe› naan jedhe.
32Seewoonii fi baniin maruu nuun lolu'uuf gara lafa Yahaatsii yaa'an.
33Rabbi Waandhi keenna dabarsee isa nuu kenne isa, ijoollee isaatii fi banii isaa maraa balleessine.
34Hennaa san qachoota isaanii maraa fudhannee namoota, dubartootaa fi daa'imman isaanii maraa hin balleessine womaa isaanii hin hambifne.
35loowwan isaaniitii fi waan qachoota isaanii keessatti argine saamnee fudhanne.
36Rabbi Waandhi keenna qachoota Aaru'eerii ta daangaa dhooqa Aarnoonii irraa jalqabee karaa Gala'aadiitiin jidduu dhooqa sanii jiran maraa akka dhaallu nu godhe; qachaan dallawa qabdu ta nu ittisuu dandeettu afoo keenna hin turre; Rabbi Waandhi keenna maraa nuu kenne.
37Garuu gara lafa Rabbi Waandhi kenna nu dhoogge maraa gara lafa ijoollee Amoonii ta galaana Yaabooqiin bira jirtuu gara qachoota biyya gaaraa womaa hin geenne.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.