Kitaaba Mootota ka 2ffaa 8 - Kitaaba Woyyuu

Dubartittiin Qachaa Suunaamii Keessa Jiraattu Hulee Itti Baqattee Deebite

1Eelsaa'i dubartittii daa'ima isi'ii du'aa kaaseef saniin «Ati maatii kee woliin asii deemii hulee biraa jiraadhu; beelli biyya kana keessatti woggaa torbaaf akka turu Rabbi ajajeeraa» jedhee isi'itti dubbate.

14Kanaan maayessa Azaahel Eelsaa'iin biraa deemee gara gooftaa ufii dhaqe; mootichillee Azaaheliin, «Eelsaa'i maal siin jedhe?» Jedheen; innillee «Akka ati fayyitu natti hime» jedheen.

15Garuu bariisaa san Azaahel uffata halkan uffatan fuudhee bisaanitti cuuphee mooticha fuulatti uwwisee ukkaamsee isa ajjeesee bikka isaa mooye.

Iyyooraam Mootii Biyya Yihuuda'aa(Sen. 2ffaa 21:1-10)

16Iyyooraam ilmi Aki'aabii Israa'eliin irratti mooyee woggaa shaneesso'ootitti ilmi Iyyoosaafixii Iyyooraam biyya Yihuuda'aa irratti mooye.

17Inni hennaa moowu nama woggaa soddomii lamaati; Yerusaalemiin irratti woggaa saddeeti mooye.

18Mucattii Aki'aabii waan fuudhee tureef waan hamaa maatiin Aki'aabii hojjata'aa ture hojjate; karaa mootonni Israa'elii irra deemanii waan hamaa hojjatan hojjatee Rabbiin gaddisiise.

19Rabbi garuu tanaan dura karaa garbicha ufii Daawitiitiin akka fiixaa isaa keessaa mootii isa hin dhabsiifne waan abdii kenneefii tureef biyya Yihuuda'aa balleessuu hin barbaanne.

20Bara Iyyooraam mooye Edoomiyaas biyya Yihuuda'aa irratti lola kaasee bilisummaa mootummaa ufii labse;Ser. Uma. 27:40

21Kanaafuu Iyyooraam gaarii fardaa ufii maraa qabatee gara Saa'irii lufe; namoota Edoomiyaasii ka isaa fi bulchoota gaarii fardaa ka isa marsaniiran dhaye; loltoonni garuu gara daasee ufii dheesse.

22Hennaa san irraa jalqabee Edoomiyaas bulchiinsa Yihuuda'aa jalaa bilisa baate, hennama san qachattiin Libina'aa lolaaf kaate.

23Wonti Mootichi Iyyooraam hojjate maruu galmee seenaa mootota Yihuuda'aa keessatti barreeffameera.

24Iyyooraam du'ee qachaa Daawitii keessatti hulee abboonni isaa itti awwaalaman biratti awwaalame; bikka isaa ilma isaa Akaaziyaasitu mooye.

Akaaziyaas Mootii Yihuuda'aa(Sen. 2ffaa 22:1-6)

25Iyyooraam ilmi Aki'aabii biyya Israa'elii irratti mooyee woggaa kudha lammeesso'ootitti ilmi Iyyooraamii Akaaziyaas biyya Yihuuda'aa irratti mooye.

26Inni hennaa moowu nama woggaa diddamii lamaati. Yerusaalemiin irratti woggaa tokko mooye; haati isaa ta Gotoliyaa jedhamtu mucattii Zambirii mootii Israa'eliiti.

27Inni soddaa Aki'aabii waan tureef waan hamaa maatiin Aki'aabii hojjatan hojjatee Rabbiin gaddisiise.

28Akaaziyaas Iyyooraamii ilma Aki'aabii woliin Azaahelii mootii biyya Sooriya'aa woliin wol lolu'uuf gara Reemaatii biyya Gala'aadii keessa jirtuu dhaqan; worri biyya Sooriya'aa garuu Iyyooraamiin dhayanii madeessan.

29Hennaa mootichi biyya Sooriya'aa Iyyooraam mootii Azaaheliin wol lole, madaa worri biyya Sooriya'aa isa madeessan yaalamu'uuf gara qachaa Iyiziraa'elii deebi'e; ilmi Aki'aabii Iyyooraam waan dhibameeruuf Akaaziyaas ilmi Iyyooraamii mootii biyya Yihuuda'aa isa gaafachu'uuf gara Iyiziraa'elii dhaqe.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help