1«Ani jireenna kiyya guddisee jibbe;
uf gad dhiisee gadda kiyya himadha;
lubbuu tiyyaan mararamee dubbadha.
2Ani Rabbiin akkana jedha;
«maaf akka na komatte natti himi malee
natti hin murteessin;
3Karoora worra hammeeyyi'ii gammachu'uun fudhattee
ana garuu yoo na rakkiftu, ana hujii harka keetii yoo salphiftu,
si gammachiisaa?
4Ijji kee akka ija namaatitti laalaa?
akkuma namni du'u laalutti laalaa?
mo'o akka namni laalutti laalta?
5Mo'o barri kee akka bara nama du'uutii?
mo'o woggoonni kee akka woggoota namaatii?
6wonti yakka kiyya laaltuuf,
cubbuu kiyya faanaallee wonti deemtuuf maali'i?
7Kanaa ol ani yakkamaa akka hin taane,
namni si harkaa nama hambisu akka hin jirre atuu hin beetta.
8«Harka kee sukkuumee na hojjate;
amma garuu deebitee na balleessuu barbaadde.
9Akka meeshaa faaraatitti biyyee irraa akka na hojjatte yaadadhu;
eeganaa deebitee gara biyye'ee na deebisu'uufii?
10Dhugamaan ati akka aannaniititti na hin jissinee?
Akka itittu'uutittillee na hin itichinee?
11Goga'aa fi foon natti uwwifte;
Lafe'ee fi ribu'uun na jabeessite.
12Jireennaa fi jaalala bara baraa naa kennite;
eeggumsa keetiin hafuura kiyya jiraachifte.
13waan kanniinillee onnee kee keessatti dhossite.
kun maruu yaada kee keessa akka jiru hin beeke.
14Yoo cubbuu hojjadhe ati na argita;
cubbuu kiyya adabdu malee hin dhiiftu.
15Yoo cubbuu hojjadhe, yoma san rakkinna irratti kufa;
yoo waan mishaallee hojjadhe galata hin argadhu;
miidhamee,
salphinni na irra gaye.
16Ani boonee yoo uf jaje,
ati akka leencaatitti dhadhooltee na qabda.
waan kana na miidhu'uuf deddeebitee goota.
17Worra na irratti ragaa bayan natti ergita;
lola keellee natti jabeeffatta;
ana balleessu'uuf hennaa maraa karoora haarawa
akka loltootaatitti na irratti hiriirsita.
18«Maaf gadaamessa keessaa na baafte?
uduu eennullee na hin argine maal uduu du'ee!
19Uduu hin jiraanne ta'ee;
uduu akkuma gadaamessa keessaa bu'een
gara awwaalaatitti uduu bu'uu silaa akkas naa woyya ture.
20Barri jireenna kiyyaa gabaaba'aa mii?
kanaafuu akka jajjabeenna diqqoo akka argadhuuf
na dhiisii na irraa deebi'i.
21Gara hulee hin deebinee,
gara ardii dukkanaatii fi gaaddisa du'aa,
22Gara hulee akka daasee dukkanoofteetitti;
gara hulee gaaddisa du'aa ka seera hin qabnee,
gara ardii ifni isi'ii dukkana ta'ee uduu hin deemne;
akka diqqoo jajjabaadhu na dhiisi; gad na dhiisille'e.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.