Raajii Hisqeelii 21 - Kitaaba Woyyuu

Rabbi Yerusaalemiin Adabe

1Rabbi akkana naan jedhe,

2«Ati ilma namaa! fuula kee gara Yerusaalemii deebisii hulee isi'ii ka woyyoomee fi biyya Israa'eliititti raaga dubbadhu.

3Ati akkana jedhiin! Ani sitti ka'eera; guraadee qola keessaa luqqifadhee cubbamtootaa fi qulqullootallee isin keessaa balleessa.

4Si keessaa worra cubbamtootaatii fi qajeellota fixu'uuf worra kibbaa haga kaabaa jiran maraa irratti guraadee kiyya luqqifadha.

5Ani Rabbi akka guraadee kiyya luqqifadhee fi akka deebi'ee qolatti hin deebifanne namni maruu hin beeka.

6Kanaafuu ati isaan afo'otti onnee cabee fi gadda gudda'aan worwaadhu! ati ilma namaa! worwaadhu!

7Maaf worwaatta? jedhanii yoo si gaafatan, waan oduu dhufuutiif isaaniin jetta; oduu saniin onneen maruu hin baqa; harki maruu hin hadooda; namni maruu nunna ta'a; jilbi maruu hin laamshaya; kunoo oduun sun dhufa'aara; dhugamaan hin raawwata; jedha Rabbiin maraa olii.

8Rabbi akkana naan jedhe,

9«Ati ilma namaa! raaga dubbadhu; waan ani Rabbi jedhu banii kanatti himi; guraadee qaramee qulqullaaye!

10Ka woyiin ajjeesu'uuf qarame

akka bakakka'aatitti haa falaqqisuuf qulqullaaye;

baniin kiyya adabbi'ii fi seera ani isaanii kennetti waan lash jedhaniif

ammaa achi gammachuu hin qaban.

11Guraadeen qulqullaayee akka harkatti qabataniif qulqullaayeera;

nama waa ajjeesutti qaramee qulqullaayee kennamu qophaayeera.

12Ati ilma namaa! gadda'aa iyyi;

wonti guraadeen kun qophaayeef banii kiyyaa fi

bulchoota Israa'elii fixu'uuf

isaanillee banii kiyya ka hafe woliin dhuman

kanaafuu gadda'aa qoma kee uf tumi.

13Ani banii kiyya qora;

yoo aagii galuu didan wonti kun maruu isaan irra gaya;

Ani Rabbi Gooftaan waan kana dubbadheera.

14Ati amma ilma namaa! raaga dubbadhu; lola'aa harka kee woliin dhayi; guraadeen guraadee mirmirfama'aa nama ajjeesu; ka nama shibbireessuu fi goorra'u.

15Baniin kiyya sodaatanii sakaallamanii kufan; ani guraadee akka bakakka'aa falaqqisu ka ajjeecha'aaf qophaaye balbala isaanii afoo kaayeera.

16Ati guraadeen qaramte! gara qarri kee itti qajeele bita'aa fi mirgaanuu mummuri!

17Anillee lolaan harka kiyya woliin dhaya; aariin kiyya guddaanillee naa caba ani Rabbi waan kana dubbadheera.»

Guraadee Murtii Baabiloonii

18Rabbi akkana jedhee natti dubbate,

19«Ati ilma namaa! karaa lamaan mootiin Baabiloonii guraadee qabatee dhufuun kaati karaa lamaaniituu biyya tokko; hulee karaan lamaan itti wol qaxxaammurutti malkata gara qachatti'ii mudhisu itti dhaabi.

20Worra loltootaatiif Raabaa qachattii worra Amoorotaa gubba'aa fi akkasuma karaa Yerusaalemii qachaa Yihuuda'aa ta ijaaramte fidu irratti malkata godhi.

21Mootiin Baabiloonii qaxxaammura karaa lamaanii ladda dhaabata; karaa kamiin deemuu akka isa barbaachisu beeku'uuf eboowwan ufii darba; waaqolee tolfamaa ufiillee mala gaafata; moora horii ciinca'aaf qalamee fuudhee laala.

22Harki isaa ka mirgaa barreeffama ‹Yerusaalem!› jedhu fuudhee qabata; inni nama dhaqee waan kushe'een diigan akka qopheessu dhaaduu lolaaf nama qopheessu waan kushe'een diigan akka gara balbalaa dhiyeessu akka biyyee tuulee ijaaruu fi akka kushee marsaniin ijaaru hima.

23Namni maruu worra Baabilooniitii amanamaa ta'u'uuf waan waadaa galeef eennullee wonti kun hin raawwatama jedhee ka amanu hin turre; mootiin Baabiloonii hennaa isaan booji'u garuu cubbuu isaanii isaan qaabsisa.

24Eeganaa wonti ani Rabbiin maraa olii jedhu kana; cubbuun keessan ifa bayeera; akka isin yakkamtoota taatan namni maruu hin beeka; isin waan gootan maraanuu akka cubbamtoota taatan mudhiftan; kanaafuu booji'amtanii deemtan.

25Ati bulchaan Israa'elii hamaanii fi badaan! guyyaan dhumaa ka ati itti adabamtu kunoo dhiyaateera.

26Ani Rabbiin maraa olii waan kana dubbadheeraa; gulloo ulfinnaa kee mataa irraa baafadhu! marata keellee mata'aa baafadhu; wonti maruu akka jirutti hin hafu; worra baallii qabu ka gad aanu ol guddisii worra amma bulcha'aaran gad deebisi!

27Balleessa'a! balleessa'a! ee ani dhugamaan akka qachattiin baddu godha; garuu haga ani qachattiin akka adabuuf filadhe dhufutti kun hin ta'u; hennaa san qachattii tana dabarsee isatti kenna.

Guraade'ee Fi Worra Amoonii

28Ati ilma namaa! raaga dubbadhu; waan worra Amooniitii fi waan arraba isaanii dubbiin ani Rabbiin maraa olii jedhu akkana jedhii isaanitti beessisi;

guraadeen waa balleessu qophaayeera;

akka bakakkaa falaqqisuu ajjeecha'aa fi balleessu'uuf qulqullaayeera!

29Mudhanni isin argitan soba; raanni isin raaddanillee kijiba; isin worra hama'aa fi battaaya'a; guyyaan dhumaa ka isin itti adabamtan dhiyaateera; morma keessanitti guraadeen agaamameera.

30Guraadee qolatti deebisaa'a! biyyuma itti dhalattanii guddattanitti isinitti murteessa.

31Hunni dheekkamsa kiyyaa akka ibidda bobayeetitti isin irratti bu'a; namoota garaa jabaatanii waa balleessuu beekanitti dabarsee isin kenna.

32Isin ibiddaan baddan; dhiinni keessan biyyuma keessanitti jiga; ka deebi'ee isin qaabatu hin jiru; » Rabbi waan kana dubbateera.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help