1-3Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Gara lafa ani Abrahaam, Yisaaqi, Yaaqoobii fi fiixaa kee maraa hin kenna jedhee kakadhee gara biyya aannanii fi damma baaftu sanii banii biyya Misirii keessaa baafte woliin dhaqi; ati banii lum'a jabaatu waan taateef karaa irratti akka si hin balleessine maleekkaa kiyya si afoo erga; ani si jidduu hin lufu; maleekkaa kiyya ergee Kana'aanota, Amoorota, Keexota, Feerzota, Eewwotaa fi Iyyaabusoota si afo'oo ari'a»
4Baniinillee dubbii hamaa kana dhagayee gadde; isaan keessaa eennullee uffata qandhafaa hin uffanne.
5Rabbi Muuse'een, «Ijoollee Israa'eliitiin isin banii lum'a jabaatu; ani yoo isin jidduu lufe isin balleessa; amma waan isinii huju akka beettan uffata qandhafaa keessan uf irraa mulqaa'a; isaaniin jedhi» jedheen.
6Kanaaf ijoolleen Israa'elii gaara kooreebiititti uffata qandhafaa maraa mulqatan.
Daasee Wol gayi'ii7Muuseen daasee fuudhee qe'ee irraa fageessee dhaabee «Daasee wol gayi'ii» jedhee maqaa itti baase; namni Rabbiin soqu maruu gara daasee wol gayi'ii ka qe'een alatti dhaabame sanii dhaqa.
8Muuseen hennaa gara daase'ee dhaqu namni maruu ol ka'ee dhaabataaf; namni maruu balbala daasee wol gayi'ii afoo dhaabata; haga Muuseen daasee keessa seenuuf baniin dhaabatee isa laala.
9Hennaa Muuseen daasee seene utubaan duumessaa bu'ee balbala daasee wol gayi'ii afoo dhaabata; Rabbi duumessa keessaan Muuse'etti dubbata'aa ture.
10Baniin maruu hennaa ultubaan duumessaa balbala daasee wol gayi'ii afo'otti bu'u arganii daasee afo'otti jilbiiffatanii sagadan.
11Rabbi akkuma namni goshoo ufii woliin qaaqutti Muusee woliin qaaqa'aa ture; hennaa Muuseen gara qe'e'ee deebi'u gargaaraan isaa ilmi Nawwe'ee Iyyaasuun daasee keessaa hin dhabamu ture.
Abdii Rabbi Akka Banii Ufii Irraa Hin Fooyamne Deebi'ee Kenne12Muuseenillee Rabbiin akkana jedhe, «Kunoo ati banii kana asii baasi naan jetta; garuu ka na woliin ergitu na hin beessifne; ati maqaa keetiin si beekeera; na afo'ottillee gaachena argatteerta naan jette;
13amma yoo si afo'otti gaachena argadhee jiraadhe akka si beekuu fi akka si afo'otti gaachena argadhu yabo'oo karaa kee natti mudhisi; baniin kunillee akka banii kee ta'e laali»
14Rabbillee, «Ani si woliin deema; harallee si baafachiisa» jedheen.
15Innillee, «Ati yoo ka ufii nu woliin hin baanee asii nu hin baasin;
16ati yoo ka nu woliin hin baane anii fi baniin kun banii biyya lafaa jiru afo'otti gaachena argachuun keenna maali'iin beekkama?» Jedhe.
17Rabbi Muuse'een, «Na afo'otti gaachena waan argattee fi waan si beekeef waan jette kana maraa hin godha» jedheen.
18Innillee «Yabo'oo ulfinna kee natti mudhisi» jedhe.
19Rabbi «Ani mishummaa kiyya maraa sitti mudhisa; maqaa kiyyallee si afo'otti labsa; ka araaramuuf hin araarama; ka dhiifama barbaachisuuf hin dhiisaaf.Rom. 9:15
20Namni fuula kiyya argee waan jiraachuu hin dandeenneef ati fuula kiyya arguu hin dandeettu» jedhe.
21Rabbi Muuse'een ati na biratti hulee qabda; dhagaa qarsa'aa irrallee hin dhaabatta jedhe.
22Hennaa ulfinni kiyya lufu, dhagaa baqaqe keessa si tursiisa; haga si bira lufuuf harka kiyyaan si golga;
23achiin maayessa ani harka kiyya si jalaa siissa; dudda kiyya argita malee fuula kiyya hin argitu» jedheen.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.