1Baniin maruu gammachu'uun harka dhayaa'a!
laagaa gudda'aan faarsa'aa
Rabbiin galatoonfadhaa'a.
2Rabbiin Gooftaan ardii maraa irratti mootii ta'ee bulchu
attam nama sodaachisa?
3Inni akka baniin maruu cadhisanii nuu ajajamanii fi
mootonnillee akka nu jalatti bulan godhe.
4Lafa ijoollee Yaaqoobii ta jaalatuu ulfinna taate;
Inni nuu file.
5Rabbi laagaa ililfataatii fi
laagaa xurumba'aatiin ol baye.
6Faarsaa'a Waaqa keenna faarsaa'a!
faarsaa'a mootii keenna faarsaa'a!
7Rabbi ardii maraafuu mootii waan ta'eef
hubanna'aan faarfadhaa'a!
8Rabbi banii irratti mooyeera;
Rabbi teessoo ufii woyyicha irra taa'eera.
9Banii Waaqa Abrahaamii woliin;
bulchoonni bani'ii wolitti qabaman;
mootonni biyya lafaa waan ka Rabbii ta'aniif
Inni ka guddisee kabajjame.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.