Kitaaba Faaru'uu 60 - Kitaaba Woyyuu

Faatee Akka Rabbi Nama Oolchu IbsuWeedduu Daawitii ka bulchaa faarfattootaatiif dhiyaate ka sagalee «Waadaa Tsiggeerada'aa» jedhamuun faarfatamu worra Masphexoomiya'aa giddu galeessa Sooriya'aa worra kaaba cinaa dhiyaatii jiraatanii fi worri Araamaawotaa hennaa seera isaanii; Iyyoo'aab deebi'ee dhooqa sooqiddaatitti hennaa worra Edoomotaa fixe barumsaaf dhiyaate.

1Yaa Rabbi! nu gatte; nu caccabsite;

nuun lolte; amma garuu deebisii

nu ijaari.

2Lafa raafte; hin bittinneessite;

waan gatantara'aartuuf cabnana isi'ii wodhaani.

3Banii kee usurii argisiifte;

daadhii woyini'ii ka sammuu nu naannessu

akka dhunnu nuu kennite.

4Haa ta'uu ammo akka eboo jalaa bayaniif

worra si sodaataniif

malkata dhaabde.

5Akka jaalalloonni tee oolan;

harka kee ka mirgaatiin nu gargaari;

deebiillee nuu kenni.

6Rabbi mana woyyuu ufii keessaa akkana jedhee dubbate,

«Gammada'aa lafa Seekeemii

gar gar baasa;

dhooqa Suukootii hin qoqqooda.

7Gala'aad kiyya; Minaaseenillee kiyya;

Efreem gulloo kiyya ka sibiilaati;

Yihuudaan ulee tiyya ta mootumma'aati.

8Moo'aab gongaa kiyya ka itti dhiqataati;

Eedoomiyaasitti kophee kiyya darbadha;

Filisxeemiin mooyadhee itti ililfadha.»

9Gara qachaa dallayamtee eentu na fida?

eentu gara Eedoomiyaasii na qajeelcha?

10Waandhana! ka nu gate

si'ii mitii?

Yaa Rabbi! ati duultota keenna woliin

hin bayu jettee bee!

11Diina irratti mootee nuu kenni;

gargaarsi nama waan duwwaa ta'eef.

12Rabbiin irre jabeeyyii taana;

diintota keenna ka nuu dhidhiitu isa waan ta'eef.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help