Raajii Ermiyaasii 34 - Kitaaba Woyyuu

Dubbii Raagaa Ka Waan Sedeqiyaasiitiif Dubbatame

1Mootiin Baabiloonii Nabukadanatsoorii fi loltoonni isaa mootota bulchiinsa isaa jala jiranii fi bani'iin gargaarama'aa Yerusaalemii fi qachoota naannaya isi'ii jirtu irratti hennaa balaa lolaa irratti buusu Rabbi akkana jedhee natti dubbate.Mot. 2ffaa 25:1-11; Sen. 2ffaa 36:17-21

2Rabbi Waandhi Israa'elii gara Sedeqiyaasii mootii Yihuuda'aa dhaqee akka, Ani «Rabbi qachattii tana mootii Baabilooniitii kenna; inni ibiddaan isii guba.

3Atillee jalaa bayuu hin dandeettu si booji'anii isaa si kennan; ati dhaxxee isa afoo dhaabatta; innillee si dubbisa; achiin maayessa gara Baabiloonii deemta.

4Sedeqiyaas waan ani waan kee dubbadhu dhagayi; ati lola keessatti hin duutu.

5Ati nagayaan hara baafatta; abboonni tee ta durii ka siin dura mootii ta'anii turan hennaa du'an baniin ulfinna isaaniitiif akkuma ibidda isaanii bobeessa'aa turan; siifillee akkasuma ibidda bobeessan; ‹Ee bada mootii keenna› jedha'aa sii booyan; ka waan kana dubbate ana Rabbi» jedhee himu na ajaje.

6Hennaa ani dubbii raagaa kana Yerusaalemitti Sedeqiyaasitti hime;

7Loltoonni mootii Baabiloonii Yerusaalem achillee darbee qachoota dhokatan ta Laakishii fi Azeeqaa jedhaman ta Yihuudaa keessatti dhokatanii hafan irratti balaa buusa'aa turan.

Bilisummaa Garbichaa

8Sedeqiyaas bilisummaa garbumma'aa labsu'uuf banii Yerusaalemii woliin wol gayee haga wolii galaniin maayessa dubbiin Rabbii gara ana Ermiyaasii dhufe.

9Dubbiin kun worri Ibrootaa garboota ufii maraa dhiiraa fi intala bilisa baasu'uuf ture; isaan namni tokkollee isaan keessatti Israa'elii gosa isaanii keessaa akka garbichi hin jiraanne murteessan.

10Baniinii fi bulchoonni isaanii maruu garboota ufii akkanumaan bilisa gad dhiisu'uu fi deebi'anii akka garboota hin taasifne wolii galan; wolii galtee kanaan isaan maraa akkanumaan gad dhiisan.

11Haga diqqoo turanii yaadaa ufii jijjiiratanii akka isaan garbumma'aan jiraatan deebi'anii giddisiisuu jalqaban.

12Kanaan maayessa dubbiin Rabbii gara Ermiyaasii dhufe;

13Rabbi Waandhi Israa'elii akkana jedha, «Ani hennaa abboota teessan ta durii biyya Misirii mana garbumma'aatii bilisa isaan baase ani isaan woliin akkana jedhee waadaa gale.

14Akkaatama waadaa isaanii gale saniitiin worri Ibrootaa ka isaan garboota jedhan maraa haga isaan woggaa jahaa tajaajilaniin maayessa woggaa torbeesso'ootitti akka bilisaan gad isaan dhiisan ajaje; abboonni teessan ta durii garuu naa ajajamuu dhiisii dubbii kiyyaa dhagayuu hin barbaanne.Ser. Ba'u. 21:2; Kes. Deb. 15:12

15Isinillee guyyaa hago'oon dura gaabbitanii waan na gammachiisu hojjachuu jalqabdanii turtan isin maruu garbicha gosa Israa'elii ta'e akkanumaan gad dhiisu'uuf wolii galtan; mana woyyumma'aa ka ani keessatti waaqeffamutti wolitti qabamtanii na afo'otti waadaa galtan.

16Garuu yaada keessan jijjiirtanii waan maqaa kiyya arrabsiisu hojjattan isin maruu akkuma fedha keessanii akkanumaan bilisa gad dhiiftan; worra akkanumaan bilisa gad dhiiftan deebitanii garboonfattanii isaan bulchuu jalqabdan.

17Kunoo ani Rabbi wonti isiniin jedhu kana ‹Isin naa hin ajajmne, worra Israa'elii gosa keessan ta'anii bilisummaa hin kennine› kanaafuu ani akka isin lolaan, beelaa fi bala'aan duutan isin dhiisa; waan isin irra gayu maraan akka baniin adunyaa irra jiru maruu rifatu taasisa.

18Isin hennaa garboota teessan akkanumaan gad dhiisu'uuf waadaa galtan jibicha tokko goorraatanii bakka lama gootanii jidduu luftaniirtan; garuu isin waadaa sanii fi waadaa ani Israa'eliin woliin galellee diiddaniirtan; kanaafuu akkuma isin jibicha san gootan anillee isin irratti raawwadha.

19Ani worra Yihuudotaatii fi namoota gugurdaa Yerusaalemii worra baallii qaban ka mootumma'aa, gadootaa fi banii biyyattii san keessa jiran worra jibicha goorra'amee qalame jidduu lufan maraa,

20diintota lubbuu isaanii balleessuu barbaadanitti isaan kenna; reeffa isaanii maraa allaattii samii irra bararuu fi bineensa lafa irraatitu nyaata.

21«Ani Sedeqiyaasii mootii Yihuuda'aatii fi ajajaa ajajoota woraanaa maraa diintota isaanii ka isaan balleessu'uuf ta'anitti dabarsee isaan kenna; ani ka dabarsee itti isin kennu loltoota Baabiloonii ka balaa isin irratti buusu'uuf jabaatanitti.

22«Ani ajaja kenna; isaanillee gara qachattii tanaa deebi'anii balaa buusanii qabatanii isii guban; qachoota Yihuudaa keessatti argaman maraa ona eennullee keessa hin jiraanne taasisa; ka waan kana dubbate ana Rabbi» jedha.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help