1 Hu. Er. 16:12; Qor. 2ffaa 1:1 Garboota Yesuus Kiristoosii Phaawuloosii Fi Ximootewoosiin irraa, worra qachaa Filiphisiyuusii keessa jiraatan worra qulqullootaa ka karaa Yesuus Kiristoosiitiin qajeellota ta'an maraaf; akkasuma jaarsotaa fi gargaartoota woldaa Kiristaanaatiif:
2 Qor. 2ffaa 1:2; Qol. 1:2 Rabbi Abbaa keennaa fi Gooftaa Yesuus Kiristoosiin irraallee badhaadhaa fi nageenni isiniif haa ta'u.
Galataa Fi Rabbiin Kadhachuu Phaawuloosii3-5 Rom. 1:8; Qor. 1ffaa 1:4 Hennaa maraa kadhaa kiyyaan waan keessan maraa gammachu'uun Rabbiin kadhata'aa guyyaa duraatii jalqabee haga ammaa Dubbii Nagayaa lallabu'uun na woliin waan hojjattaniif hennaa isin yaadu maraa Rabbii kiyya hin galatoonfadha.
62:13; Qor. 1ffaa 1:6-8 Ka isiniin hujii mishaa jalqabe, haga guyyaa Yesuus Kiristoos deebi'ee dhufutti akka raawwatu kana waan hubadheeruuf.
7Isin waan garaa kiyya keessa jirtaniif ani waan keessan maraaf akkana yaaduun kiyya dhuga'a. Hidhama kiyya keessattillee falmachuu kiyyaaf akka Dubbiin Nagayaa cimee dhaabatu godhuu kiyya keessatti, martii keessan Ayyaana naa kenname keessaa qoodamtaniirtan.
8Rom. 1:9-11 Jaalala Yesuus Kiristoosiitiin isin maraa attam akka yaade Rabbi naa raga'a.
9-11 Qol. 1:9; Film. 6 Ulfinnaa fi galanni Rabbiif; daraaraan qajeellumma'aa ka Yesuus Kiristoosiin irraa argamu isin keessa guutee, guyyaa gaafa Kiristoos dhufuutitti qophooftanii qajeellotaa fi mudaa malee akka taataniif waan mishaa qorattanii akka jaalattan, jaalalti teessan beekkumsaa fi hubannaa maraan akka ka duraa caalaa guddatee badhatu ani kana isinii kadhadha.
Kiristoosiin Woliin Jiraachuu'u12 Xim. 2ffaa 2:9 Obboleeyyan tiyya! kun wonti na irra gayeef, dhugamaan Dubbii Nagayaa badhisu'uuf akka ta'e akka beettan barbaada.
134:22; Hu. Er. 28:30 Kanaafuu hidhamuun kiyya waan Kiristoosiitiif akka ta'e Waardiyoota mana mooti'iitii fi kaawwan maraa birattillee ifa ta'eera.
14Obboleeyyan Goofta'aan jiran irra caalaan isaanii waan hidhaa kiyyaatiif amanamanii ka duraa caalaa dubbii Rabbii sodaa malee himuu uggan.
15Gari gariin hinaaffa'aa fi qoxxe'een falmu'uun; kuuwwan ammo fedhii mishaa waan qabaniif waan Kiristoosii himan.
16Kunniin akka ani waan Dubbii Nagayaatiif tamaaggataa ta'ee muudame beekanii jaalalaan himan.
17Sunniin ammo hidhama kiyya irratti rakkoo waan na irratti fidan isaanitti fakkaatee, waan worra isaaniitiif fayyadu barbaadanii yaada qajeela'aan uduu hin taane, akkanumaan waan Kiristoosii qaaqan.
18Eegasuu rakkoon maal irratti? wonti sirnyaa fayyaalumma'aan ta'ee'e, fakkeessu'uun karama kamiinillee haa ta'uu Kiristoos haa lallabamuu; Ani kanaan gammada.
19Qor. 2ffaa 1:11 Kun kadhaa keessanii fi kennaa Ayyaana Yesuus Kiristoosiitiin naaf fayyinna akka ta'u waan beekuuf gammada.
20 Phex. 1ffaa 4:16 Kun Hawwii kiyyaa fi abdii kiyya waan ta'eef, waan tokkottillee hin saalfadhu. Haa ta'uu ammo yoo lubbu'uun jiraadhe yookaan yoo du'e, Kiristoos jireenna kiyya irratti akka ulfaatu jabeenna guutuu qaba.
21Gal. 2:20 Naaf jiruun Kirstoos, duutillee bu'aa kiyya.
22Haa ta'uu ammo fooniin jiraachuun naaf daraaraa huji'ii waan ta'eef maal akka filadhu hin beeku.
23Qor. 2ffaa 5:8 Waan lamaan kanaan dhiphata'aa deemee Kiristoosiin woliin jiraachu'uuf dharra'a. Inni maraa irra mishaa waan ta'eef.
24Haa ta'uu ammo fooniin jiraachuun kiyya isiniif guddisee barbaachisa'a.
25Kanniin hubadhee isin biratti deebi'ee jiraachuun kiyya, isin anaan dhaadachuun keessan, Yesuus Kiristoosiin keessatti akka guddatu.
26Qor. 2ffaa 1:14 Amanti'iin guddata'aa akka gammaddan, isin maraa woliin akka turu hin beeka.
27 2:2; 4:1; Qol. 1:10 Eeganaa Dubbii Nagayaa ka Kiristoosiitiif akka ta'utti jiraadhaa'a; yoo kana ta'e, yoo dhufee isin arge yookaan isin irraa yoo fagaadhellee kaayyoo tokkoon jabaattanii dhaabachuu keessanii fi akka tokkumma'aan Dubbii Nagayaa wol geessu'uuf tattaafattaniirtan hin dhagayaa.
28Tas. 2ffaa 1:4-5 Woma tokkoonuu worra isin mormu hin sodaatinaa'a. Kun isaaniif badi'i; isiniif ammo malkata fayyinnaati. Kun waan Rabbiin irraa ta'e.
29Hu. Er. 5:41; Phex. 1ffaa 4:13 Kun waan Kiristoosiitiif, isinii waan kennameeruuf. Waan isaatiif akkasuma isatti amanuu callaa uduu hin taane waan isaatiif akkasuma rakkinnillee isin irra gaya.
30Hu. Er. 16:19-40; Tas. 1ffaa 2:2 Rakkinnuma na irratti dhageettanii fi argitan santu isin irrallee gayeera.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.