Raajii Isaayyaasii 34 - Kitaaba Woyyuu

Rabbi Bani'itti Hin Murteessa

1Isin baniinillee kootta'aa dhagayaa'a;

isin namoonni hubadhaa'a;

Ardiinii fi wonti isii keessa jiru maruu;

adunyaanii fi wonti isii irratti biqilu maruu

haa dhagayuu.

2Rabbi banii maraanuu loleera;

lolli isaa duultota isaanii maraa irratti;

sirima isaan balleessa;

qalmaaf dabarsee isaan kenna.

3Worri isaan keessaa ajjeefaman diidatti gataman;

reeffi isaanii hin ajaaya; hin awwaalamu;

gaarran dhiiga uffatan.

4Urjiiwwan sami'ii maruu hin baqan;

samiin akka kitaaba marama'aatitti mammarama;

duultonni urjiiwwanii maruu

akka baala woyini'ii ka quuree harca'ee;

akka baala muka hurbu'uu

ka gogee harca'ee ta'an.

5Guraadeen kiyya sami'itti haga quuftutti dhuddeerti;

kunoo gara Eedoomii;

gara banii ani balleessee

murti'iif buuteerti.

6Guraadeen Rabbii dhiigatti cuuphamteerti;

cooma quufteerti;

dhiiga korbeessa hoola'aatii fi ka re'e'eetiin;

cooma kalee korbeessa hoola'aatiin uwwifamteerti;

Rabbi qachaa Baasoora'aatitti ciincaa;

Eedoomittillee qalma guddaa waan qopheesseeruuf.

7Gafarsi isaan woliin;

kormi mirgoo woliin qalama;

Lafti isaanii dhiigaan jiiti;

biyyeen isaanii ta coomaan guuttamte taati.

8Rabbi guyyaa haluu bayu'uu;

waan Tsiyooniitiifillee bara falmatu

waan qabuuf.

9Burqaawwan Eedoomii reenjii;

biyyeen isi'ii dhagaa nama gubu;

ardiin isi'ii akka kosii gubanii taate.

10Ibiddi isi'ii halkanii fi guyyaa hin badu;

aarri isi'ii baraa haga bara baraa ol ka'a;

dhalootaa haga dhalootaatitti ona taati;

eennullee lammata achiin hin lufu.

11Cuungululleenii fi dhaddeen isii dhaalan;

urunguunii fi harraagessi maandhee itti ijaaratan;

Rabbi Eedoomiin irratti

haada diiggamtuun;

tumbii isiin badduun isii jalatti diriirsa.

12Abboota murti'ii ka isi'ii

waan mootumma'a jedhamanii isaan waamsisu hin qaban;

bulchoonni isi'ii maruu haxaayamanii badan.

13Qachoota isi'ii ta dallayamte qoreen;

maandheewwan isi'ii doobbi'ii fi qore'etu fudhata;

boolla jeedallanii;

hulee jireennaa ka urungu'uu taati.

14Busaayaan lafa gammoojji'ii bineeyyii woliin jiraatan;

jinniiwwan re'iin lafa gammoojji'ii fakkaatan wol waaman;

uumamni halkanii hulee itti boqatan achi godhatan;

ufiifillee hulee itti hara baafatan argatan.

15Urunguun achitti maandhee ijaarattee killee buufti;

hin yaafatti; ilmoolee ufii koola ufii jalatti ammatti;

allaattiinillee dhala'aa fi kormaa ta'anii

hormaataaf achitti wol gayan.

16Waan kitaaba Rabbii keessatti akkana jedhu;

laalaa'a; dubbisaa'a;

kanniin keessaa tokkollee hin dhidhatu;

maruu tishoo ufii hin dhabdu;

ajanyi kun afaan isaatii bayeera;

waan Hafuurri isaa wolitti isaan qabuuf.

17Gayee isaanii isaanii ramada;

harki isaa bikkee isaanii qooda;

baraa haga bara baraa ta isaanii taati;

dhaloonni isaanii maruu isii keessa jiraatan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help