Kitaaba Saamu'eelii ka 2ffaa 7 - Kitaaba Woyyuu

Dubbii Naataan Daawititti Dubbate

1Mootichi Daawiti waan Rabbi diintota naannoo isaa jiran maraa irraa isa eegeef mana mootummaa ufii keessatti sodaa malee jiraate.

2Achiin maayessa mootichi Naataanii raattichaan «Ani kunoo mana muka birbirsaatiin ijaarame keessa jiraadha; saanduundhi waadaa Rabbii ammo daasee keessa jiraata!» jedheen.

3Naataan Daawitiin, «Rabbi waan si woliin jiruuf waan garaa kee keessatti yaadde godhi» jedheen.

4Garuu halkan san Rabbi Naataaniin

5«Deemii garbicha kiyya Daawitiin waan ani sitti himu akkana jedhii itti himi; ‹Mana qulqullumma'aa ka ani keessa jiraadhu situ ijaaraa?

6Urga banii Israa'elii biyya Misirii keessaa bilisa baase irraa jalqabee haga ammaa daasee keessa jiraata'aa hulee tokkoo gara hulee tokkoo jijjiirama'aa jiraadhe malee mana keessa hin jiraanne.

7Ijoollee Israa'elii maraa woliin hulee gaye maratti maaf mana muka birbirsaatiin naa hin ijaarre jedhee banii Israa'elii akka bulchaniif bulchoota filadhe keessaa namni gaafadhe hin jiraa?

8kanaafuu garbicha kiyya Daawitiin Rabbi Gooftaan banii maraa akkana jedha jedhii itti himi; ‹ani hulee ati hoolota tissituu si fuudhee bulchaa banii kiyya ka Israa'elii si taasise;

9hulee ati deemtu marattuu si woliin ture; diintota kee maraa si afo'oo balleesse; asiin maayessallee akka worra bulchoota adunyaa irratti beekkaman beekkamaa si taasiseera.

10-11Banii kiyya Israa'eliin hulee isaan itti jiraatan qopheessee hulee ufii akka jiraatan isaan taasisa; guyyaa abboota murti'ii isaanii muude irraa jalqabee worri hamaa hojjatan akkuma armaan duraa godha'aa turan san isin hin rakkisan; diintota kee maraa jalaa bilisa si baase; Rabbi fiixaa kee keessaa worra teessoo kee dhaalan bakka sii buusa jedhee sitti hima.

12Barri kee dhumatee hennaa duute ka gudeeda keetii bawu mootii taasisa; mootummaa isaallee hin jabeessa.

17Akkuma dubbii kanaatiif mudhata maraan Naataan Daawitii ibse.

Faatee Galataa Ka Daawiti Rabbii Dhiyeesse(Sen. 1ffaa 17:16-27)

18Kanaan maayessa mootichi Daawiti Rabbiin afoo taa'ee, «Rabbi Waaqa kiyya; haga adhaa ka na geessite ani eennu? maatiin kiyyallee maali'i?

19Rabbi Waaqa kiyya! kun ija kee afo'otti waan diqqo'o; akkasuu ta'ee ammallee waan caalu hojjata'aarta. Waan garboota keetii baroota dhufan keessatti abdii baay'ee dubbatteerta; Rabbi Waaqa kiyya! waan goote kana namoota maraafuu akkasuma gootaa?

20Eeganaa maal siin jedha? Rabbi Waaqa kiyya! ana garbicha kee hin beetta.

21Waan guddaa kana akka dubbii keetiitii fi akka fedha keetiititti wonti goote akka garbichi kee beekuuf.

22Kanaafuu Rabbi Waaqa kiyya! ka akka keetii waan hin jirreef akkuma gurraan dhageenne san maraa si malee Waandhi waan hin jirreef ati gudda'a.

23Isaaf akka ta'u banii fayyisu'uuf maqaa ufiitiif godhachu'uuf waan ajaa'ibaatii fi waan maalalee godhu'uuf bani'ii fi waaqolee tolfamaa isaa afoo isaaniitii balleessu'uuf Rabbi garbummaa biyya Misirii jalaa isaan baase ka akka banii kee Israa'elii jiru lafa irra banii maaltu jira?Kes. Deb. 4:34

24Banii kee Israa'eeliin bara baraaf banii kee gootee jabeessiteerta; Waaqa kiyya; atillee Waaqa isaanii taateerta.

25«Yaa Waaqa kiyya! ammallee garbicha keetii fi mana isaatii waan dubbatte bara baraaf jabeessii akkuma dubbatte raawwadhu.

26Rabbi Gooftaan banii maraa akka Waaqa Israa'elii jedhamu maqaan kee bara baraan haa guddatu; manni Daawitii ka garbicha keetii si afo'otti ka jabaate haa ta'u.

27Waaqa kiyya; Waaqa gooftaa banii Israa'elii ati mana sii ijaara jettee garbicha keetitti waan ibsiteertuuf tajaajilaan kee kadhaa kana gara kee dhiyeessu'uuf uggeera.

28«Rabbii jiraataa'a; ati ammallee Waaquma; dubbiin keellee dhuga'a; abdii mishaa kana garbicha keetitti dubbatteerta.

29Rabbi Gooftaa kiyya! ati waan dubbatteertuuf eeganaa ammallee baraa haga bara baraa afoo kee akka ta'u mana garbicha keetii yabo'oo eebbisi manni garbicha keetii baraa haga bara baraa ka eebbifame haa ta'u» jedhee faateffate.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help