Seera Bayu'uu 40 - Kitaaba Woyyuu

Dhaabamuu Daase'eetii fi Jalqabamuu Tajaajilaa

1Rabbi Muuse'een akkana jedhe,

2«Ji'a duraa guyyaa jalqabaa daasee wol gayi'ii ka hulee bulti'ii dhaabda.

3Isa keessa saanduuqa waada'aa keetta; saanduuqa waada'aa golgaan golgita.

4Gabataallee isa keessa seensiftee meeshaa isa irra taa'u qopheessita; baattu ibsa'aallee ol seensiftee ibsoo ibsita;

5Hulee ciinca'aa ka hixaanaa ka worqii irraa hojjatame saanduuqa waada'aa afoo keetta; hulee itti gad bayan afoo golga itti golgita;

6hulee ciinca'aa ka waan ciincawuuf ta'ullee balbala daasee wol gayi'ii afoo keetta.

7Saanii irratti dhiqatan daase'ee fi hulee ciinca'aa jidduu kaayii bisaan itti guuti.

8Naannaya isaatitti hulee itti gad bayan ijaari; golgaa seensa daase'ee afo'otti badhisi.

9«Achiin maayessa sayitii dibduunillee fuudhii hulee bulti'iitii fi waan achi keessa jiru maraa dibi; isaa fi waan achi keessa jiru maraa hin woyyoomsita; isaanillee hin woyyooman.

10Hulee ciinca'aatii fi meeshaa ciinca'aa maraa hin dibda; hulee ciinca'aa maraa hin woyyoomsita; innillee waa maraa irra woyyittii woyyootaa ta'a.

11Saanii irratti dhiqatanii fi waan isa irra kaayanillee dibdee woyyoomsita.

12«Aaroonii fi ijoollee Aaroonii gara daasee wol gayi'ii afoo fiddee bisaaniin isaan dhixxa.

13Aarooniin akka inni gadicha ta'ee na tajaajiluuf uffata woyyumma'aa itti uwwiftee dibdee woyyoomsita.

14Ijoollee isaallee fiddee qambisaa isaanitti uwwifta.

15Gadumma'aan akka na tajaajilan akkuma abbaa dibde isaanillee dibda; dibamuun isaaniillee ijoollee isaaniitiif gadummaa baraa haga bara baraa ta'a»

16Muuseenillee waan Rabbi isa ajaje maraa godhe.

17Huleen bulti'ii woggaa lammeesso'oo ji'a duraa guyyaa jalqabaatitti dhaabame.

18Muuseen akkuma Rabbi isa ajaje hulee bulti'ii miila itti godhee dhaabee utuba'aa fi cufanaallee itti godhe.

19Daasee hulee bulti'ii irra badhise; daasee dachaa irra godhe.

20Muuseen akkuma Rabbi isa ajaje gabatee waada'aa fuudhee saanduuqa waada'aa keessa kaayee loosaawwan ittiin baatanillee isa bira kaayee qadaada waadaa dhiifamsaa saanduuqa waada'aatiin qadaadee, saanduuqa waada'aa san gara hulee saanduundhi waada'aa taa'u seensise;

21saanduuqa gara hulee bulti'ii seensise; golga isa dhossu itti godhee saanduuqa raga'aa golge.

22Akkuma Rabbi Muusee ajaje gabataa daasee wol gayi'ii keessatti hulee bulti'iitiin duuba mana bulti'ii keessa cinaa mirgaatiin kaaye.

23Akkuma Rabbi isa ajajetti xoroshoo afoo Rabbii kaaye.

24Akkuma Rabbi Muusee ajajetti baattuu ibsa'aa daasee wol gayi'ii keessa afoo gabataa hulee bulti'ii cinaa bita'aatiin kaaye.

25Ibsaa afoo Rabbiititti ibse.

26Akkuma Rabbi Muusee ajajetti hulee ciinca'aa ka worqii irraa hojjatame daasee wol gayi'ii keessa gara afo'ootiin kaayee;Mat. 17:24

27hixaana urgaa misha'aa itti aarse.

28Akkuma Rabbi Muusee ajaje hulee bulti'ii afoo golga itti golge.

29Hulee ciincaa gubamuu irratti hulee bulti'ii daasee wol gayi'ii afoo kaaye; ciincaa gubamuu fi ciincaa midhaanii ciinceesse;

30akkuma Rabbi Muusee ajaje saanii irratti dhiqatan wodhakkaa daasee wol gayi'iitii fi hulee ciinca'aa kaayee bisaan dhiqataniin itti buuse.

31Muusee, Aaroonii fi ijoolleen isaa harkaa fi miila irratti dhiqatan.

32Hennaa gara daasee wol gayi'ii seenanii hulee ciinca'aatitti dhiyaatan hin dhiqatan ture.

33Hulee bulti'iitii fi naannoo hulee ciinca'aa hulee itti gad bayan godhe; hulee itti gad bayan sanillee golga itti golge; akka kanaan Muuseen hujii ufii maraa fixe.

Ulfinna Rabbii(Ser. Lak. 9:15-23)

34Achiin maayessa duumessi hulee daasee wol gayi'ii uwwise; ulfinni Rabbii daasee guute.Mot. 1ffaa 8:10-11; Isa. 6:4; His. 43:4-5; Mudh. Yoh. 15:8

35Waan duumessi isa irra tureef, ulfinni Rabbii waan hulee bulti'ii guuteef Muuseen daasee wol gayi'ii keessa seenuu dadhabe.

36Hennaa duumessi hulee bulti'ii sanii ka'e ijoolleen Israa'elii maruu karaa ufii deeman.

37Yoo duumessi ka'e malee ijoolleen Israa'elii hin deeman turan.

38Hennaa deeman maraa guyyaa hennaa duumessi ulfinna Rabbii mudhisu daasee dhossu, halkan ammo duumessa keessaan ibidda arga'aa turan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help