Kitaaba Faaru'uu 17 - Kitaaba Woyyuu

Iyyata Nama Qulqullu'uuFaatee Daawitii

1Yaa Rabbi!

Iyya kiyya naa dhagayi;

kadhaa kiyya ka qajeellumma'aan dhiyeeffadhe naa caqasi;

kadhaa kiyya ka soba hin qabne dhagayi.

2Balchummaan kiyya si biraa naa haa dhufu;

ijji tee haqa haa argitu.

3Garaa kiyya hin qoratte;

halkan natti siixxee na qorte;

na sakattaate, waan takkallee na irratti hin argine;

afaan kiyya hin dabarsine.

4Hujii namootaa irraa;

jecha afaan keetiitiin,

karaa worra didanii irraa

uf eegeera.

5Deemsi kiyya karaa kee irratti jabaateera,

miillan kiyyallee hin mucucaanne.

6Waandhana! kadhaa kiyya waan naa dhageettuuf si waama;

gurra kee gara kiyya deebisii kadhaa kiyya dhagayi.

7Worra diintota ufii jalaa si jalatti dhokatan;

ka harka kee ka mirgaatiin oolchitu;

jaalala kee jabaa maalalee taasisii ibsi.

8Akkuma gumaa ijaa eeggataniititti na eegi;

gaaddisa koola keetii jalatti na dhossi.

9Diintota na marsanii fi

worra hammeeyyii na rakkisan irraa na eegi.

10Isaan garaa laafuu didda'aaf onnee ufii cufatan;

afaaniin uf jaja'aa dubbatan.

11Diintonni tiyya ari'anii na dhaqqaban;

na marsan;

lafaan na dhayu'uuf ija natti babaasan.

12Isaan akka leencota beelayanii;

akka ilmoo leencaa ka dhokatanii waa eeganiiti.

13Yaa Rabbi! ka'ii isaaniin wodhaansa bayii isaan kuffisi;

guraadee keetiin lubbuu tiyya hammeeyyii jalaa oolchi.

14Yaa Rabbi! namoota hireen isaanii

waan ardii tanaa callaa ta'e jalaa na oolchi;

galmee kee keessaa garaa isaanii guutte;

ijoollee isaaniitiillee baay'ateera;

ijoolleen isaanii qabeenna kuufatan;

15Ani garuu balchumma'aan fuula kee laala;

yoo ulfinna kee argu hin quufa.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help