Abboota Murti'ii 14 - Kitaaba Woyyuu

Fuudha Saamsoonii

1Saamsoon gara Tamina'aa dhaqee Tamina'atti ijoollee worra Filisxeemii keessatti intala takka arge;

2inni abba'aa fi haadha ufiitiin, «Ani worra Filisxeemii keessatti intala takka argeera isii natti fuudhaa'a» isaaniin jedhe.

3Abbaanii fi haati isaa, «Worra Filisxeemii ka hin gadoomne keessaa wonti fuudhu'uuf deemtuuf banii kiyya ijoollee obboleewwan teetii ta intalaa keessaa intala dhabdee?» jedhaniin;

Saamsoon garuu abbaa ufiitiin, «Ani isii waan guddisee itti naatayeef isii natti fuudhi» jedheen.

4Saamsoon akka inni waan kana raawwatu ka isa kakkaase Rabbiin akka ta'e abbaan isaatii fi haati isaa hin beenne; hennaa san worri Filisxeemii worra Israa'elii waan bulcha'aa turaniif Rabbi sababaa isaanitti soqa'aa ture.

5Achiin maayessa Saamsoon abba'aa fi haadha ufii woliin gara Tamina'aa dhaqanii muka woyini'ii ka Taminaa keessa jiru bira gayan; hennaa san Leenci darmiin muka keessaa bayee aada'aa itti dhufee isa bira gaye.

6Hafuurri Rabbii hunna gudda'aan isa irra bu'ee akka waan ilmoo re'e'ee kukkutuutitti uduma womaa harkatti hin qabanne harkuma ufiitiin leenca kukkute; Saamsoon waan raawwate kana abba'aa fi haadha ufiititti hin himne.

7Kanaan maayessa dhaqee mucattii woliin dubbate, isiin guddiftee isa gammachiifte;

8guyyaa hago'oon maayii isii fuudhu'uuf deebi'e. Reeffa leencaa laalu'uuf karaa irraa gore, yoo leenca du'e bira gawu, ka kinniifni itti tuuchee dammeesseeru arge maalalfate;

9damma san keessaa fudhatee nyaata'aa gara abba'aa fi haadha ufii dhufee isaaniillee kenne; isaanillee hin nyaatan; damma reeffa leencaa keessaa akka fudhate isaanitti hin himne.

10Hennaa abbaan Saamsoonii gara mana intala Saamsoon kadhatuu dhaqe, Saamsoon affeerraa guddaa qopheesse;

11worri Filisxeemii hennaa isa argan isa woliin akka jiraatan ka'imman soddomaa filatanii erganiif.

12Saamsoon, «Hibboo isinitti hibbifadhaa, hibboo kiyya guyyaa ayyaanaa torban keessatti hiittanii yoo naa deebiftan qambisaa soddomaa fi ka isa woliin uffatan soddoma isinii kenna;

13kana yoo hiikuu dadhabdan garuu qambisaa soddomaa fi ka isa woliin uffatan soddoma naa kennitan» isaaniin jedhe; isaanillee, «Hibboo kee nutti hibbifadhu» jedhaniin.

14Innillee

«Waan nama nyaatu keessaa wonti nyaataa,

waan jabaa keessaa wonti mi'aawu baye» isaaniin jedhe;

isaan haga guyyaa sadihii hibboo kana hiikuu hin dandeenne.

15Guyyaa arfeesso'oo haadha manaa Saamsooniitiin, «Abbaan worraa kee hibboo kana akka nutti himu yabo'oo isa sobi, yoo kana hin taane si'ii fi mana abbeetiillee ibiddaan gubna; isin nu miidhu'uuf as nu fiddanii?» jedhaniin.

16Haati manaa Saamsoonii Saamsooniin afo'otti kuftee booya'aa, «Ati dhugamaan na jibbite sirima na hin jaalattu, ijoollee worra kiyyaatitti hibboo hibbifatte; garuu hiikkaa isaa natti hin himne» jetteen; innillee, «Ani ka abba'aa fi haadha tiyyattuu hin himne sitti himaa?» jedheen.

17Guyyaa ayyaanaa torbanuu isa afo'otti boottee waan isa rakkifteef guyyaa torbeesso'ootitti isi'itti hime; isiinillee dhaxxee ijoollee worra ufiititti himte.

18Guyyaa torbeesso'ootitti uduu aduun hin dhiine, namoonni qachaa sanii,

«Wonti damma caalaa mi'aawu maali'i?

wonti leenca caalaa jaba'aa maali'i? jedhaniin;

innillee

uduu raada tiyyaan qotachuu baattanii;

hiikkaa hibboo kiyyaa hin beettan ture» isaaniin jedhe.

19Hafuurri Rabbii waan jajjabeenna isaa kenneef gara Asqaloona'aa dhaqee achitti namoota soddomaa fixe; uffata isaaniillee fuudhee worra hibboo isaa hiikanii kenne; waan ta'e kanatti guddisee aaree gara worra ufii deebi'e.

20Haati manaa isaa garuu nama hennaa inni fuudhu jaala isaa ta'e tokkotti heerumte.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help