Raajii Ermiyaasii 17 - Kitaaba Woyyuu

Cubbuu Banii Yihuuda'aatii Fi Adabbii Isaan Irra Gaye

1Rabbi akkana jedha, «Isin banii Yihuuda'aa! cubbuun keessan qalama sibiilaatiin barreeffameera; dhagaa jabaa gatii gudda'aa ka qara qabuun akka waan gabatee irratti barreessaniititti onnee teessanii fi buuchoo ciincaa irratti dhiyeessan irrattillee bocameera.

2Biyya marattuu gaarranii fi tulloota irratti akkasuma baniin mukkiin gugurdaa jalatti dhaloonni maruu utubaa hulee ciinca'aa dhaabee waaqa tolfamaa asheeraa jedhamuu sagadan.

3Sababaa biyya keessan marattuu cubbuu guddaa hojjattaniif hori'ii fi qabeenna isin qabdan maraa akkasuma bakka ciinca'aa keessan maraa diintonni teessan booji'anii akka isin jalaa fudhatan godha.

4Isin akka ani aaree akka ibidda bobawuu waan na gootaniif baraa haga bara baraa aariin kiyya waan bobawuuf akka isin lafa ani isinii kenne dhabdanii fi biyya hin beenne keessatti akka diintota teessanii hojjattan isin taasisa.»

Mammaaka Gara Garaa

5Rabbi akkana jedha,

«Namni na dhiisee nama abdatuu fi

‹hunna naa ta'a› jedhee ka foon uffata'aan dhaadatu

ka abaarame haa ta'u.

6Namni akkanaa kun

lafa sooqiddaa ka namni irra hin jiraannee fi

akka saatoo lafa gammoojji'iititti biqileeti;

bara jireenna isaa maraa waan mishaa hin argatu.

7«Namni ana callaa hedatee jiraatu garuu ka eebbifame.

8Inni akka muka bisaan yaa'u biratti dhaabaniitii fi

akka muka bisaan biraa ka hidda ufii gad fageeffateeti;

munni akkanaa ka hennaa maraa lalisee jiraatu kun

holataan adu'uutuu isa hin sodaachisu;

yoma roobnillee roobuu baate daraaraa daraaruu hin dhiisu.

9Onneen namaa waan maraa caalaa

hamtu'uu fi dabdu'u;

dhossaa isii keessa jiru eentu beeka?

10Ani Rabbi garuu sammuu namaatii fi

onnee namaa hin qora;

nama maraafuu akka jireenna isaatii fi akkuma hujii isaatiin

gatii isaa kenna.»

11Namni seera malee qabeenna wolitti qabatu,

akkuma gogorrii uduu kallee ufii hin buufne kallee biraa ammattee yaafattuuti;

Inni umurii ufii wodhakka'atti qabeenna wolitti qabate maraa dhaba;

dhuma irratti gowwummaan isaa addaataa baya.

12Huleen manni woyyuun keenna itti ijaarame

duruma irraa jalqabee akka teessoo ulfinnaa ka ol fagaatuuti.

13Yaa Rabbi! ati abdii Israa'eliiti;

worri si dhiisan maruu hin saalfatan;

isaan si'ii Rabbii burqaa bisaan jireennaa isaanii taate waan dhiisaniif

akka maqaa lafa daara'aa irratti barreessaniititti badan.

Ermiyaas Akka Rabbi Isa Oolchu Kadhate

14Rabbii kiyya! na fayyisi hin fayyaa; na hambisi nagayaan jiraadhaa; hennaa maraa si galatoonfadhaa.

15Baniin, «Ermiyaas! waan Rabbitu dubbate jette nutti himteerta; maaf hin raawwatamne ree» jedha'aa na gaafatan.

16Garuu Rabbii kiyya! akka ati isaan irratti balaa fidduuf hennaan si qaabsise hin jiru; ani akka rakkinni isaanitti dhufu hin hawwine; yaa Rabbi! ati waan kanaa fi waan dubbadhe maraa hin beetta.

17Ati hennaa rakko'oo waan irkoo naa taateef na hin naasisin.

18Yaa Rabbi! worra na ari'an salphisi; ana garuu na hin saalfachiisin; akka isaan raafaman godhi; ana garuu na hin naasisin; haga isaan sirima caccabanii bututanitti deddeebi'ii isaan balleessi.

Sambata Kabajjuu'u

19Rabbi akkana naan jedhe, «Ati gara balbala bayaa galaa mootii Yihuuda'aa gara balbala dallawa Yerusaalemiitii fi gara balballan biraa dhaqii dhaabadhu.

20Dubbii ani sitti himu akkana jedhii isaanitti himi, ‹isin mootonni Yihuuda'aatii fi baniin! akkasuma worri balbala dallawa qachattii Yerusaalemii seentan! dubbii Rabbii dhagayaa'a!

21Lubbuu teessan oolfatu'uuf waan ani isin seere eegaa'a; kanaafuu guyyaa sambataatiin ba'aa tokkollee baattanii balbala dallawa Yerusaalemiitiin hin seeninaa'a.Nah. 13:15-22

22Isin akkuma ani abboota teessan ta durii ajajetti sambata woyyoomsaa malee ba'aa tokkollee baattanii guyyaa Sambataa mana keessanii hin bayinaa'a; guyyaa Sambataatiin womaa hin hojjatinaa'a.Ser. Ba'u. 20:8-10; Kes. Deb. 5:12-14

23Abboonni teessan ta durii dubbii kiyya hin dhageenne; ajaja kiyyallee hin raawwanne; caala'atti morkatanii naa ajajamu'uu fi na irraa barachuullee didan.

24«‹Eeganaa yoo ka na dhagayan ta'e akka baniin kun seera kiyya eegan isaanitti himi; guyyaa Sambataatiin ba'aa woyiituu baadhatanii balbala qachatti'iitiin akka hin seenne; guyyaa Sambataa haa woyyoomsanii malee guyyaa san womaa akka hin hojjanne.

25Mootonni teessoo ulfinnaa ka Daawitii irra taa'an worra baallii qaban ka isaanii balballan Yerusaalemiitiin seenan; isaan banii Yihuuda'aatii fi banii Yerusaalemii woliin wol ta'anii farado'oo fi konkolaataa fardaa irra taa'an; qachaan Yerusaalemii hennaa maraa ka baniin keessa jiraatu taati.

26Baniin qachoota Yihuuda'aatii fi gandiin naannaya Yerusaalemii jiran keessatti wol gayan kutaa gosa Biiniyaamii keessa tulloota jalaa gaarranii fi Yihuudaa gara kibbaatiillee dhufanii ciincaa ciincawuu fi ciincaa biraa, kennaa midhaanii, hixaanaa fi kennaa galataallee qabatanii mana woyyuu kiyyaa fidan.

27Isaan naa ajajamuu fi guyyaa Sambataa woyyoomsanii kabajjuu isaan barbaachisa; guyyaa kana garuu balballan dallawa Yerusaalemiitiin ba'aa woyiituu baatanii seenuun isaan hin barbaachisu; yoo ajaja kiyya fudhatuu didanii waan kana raawwatan garuu seensi balbala Yerusaalemii akka ibiddaan gubatu godha; manniin mootumma'aa ka Yerusaalemiillee gubatanii bobayan; ka ibidda san dhaamsuu danda'u hin jiru.› »

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help