1Ani ammallee deebi'ee hammeenna sami'ii gaditti ta'u maraa arge; Namoonni guddisanii dhiibaman namoota isaan jajjabeessu dhabanii booyan; namoonni isaan miidhan hunnaan isaan miidhan.
2Ani namoota adha lubbu'uun jiran caalaa namoonni dur dhuman akka worra gammachuu qabu ta'an hubadhe.
3Garuu kanniin lamaan caalaa daa'ima uduu hin dhalatin garaa jiru ka waan hamaa sami'ii gaditti ta'a'aaru kana hin argine woyya.
4Akkasuma dadhabbiin namaatii fi hujiin ogummaa isaa hiriyyaa isaa akka hinaafsisu arge; kunillee gatii hin qabu; akka nama qilleensa duukaa deemuuti.
5Namni gowwaan harka ufii maratee taa'a;
jireenna ufii balleessa.
6Waan dadhabbii gudda'aan irkisaa lamaa argatan irra;
hara baafannaa diqqo'oon irkisaa tokko argachuu woyya.
7Ani ammallee
waan gatii hin qabne ka sami'ii gadii maraa arge.
8Nama hojja ufii jiraatu tokkotu jira;
inni ilmaa fi obboleessallee hin qabu;
namni kun hennaa maraa hujee hin hifatu;
garuu qabeenna argatuun nagaye hin jedhu;
inni «Ani eennuuf dadhaba? gammachuu kiyya maaf uf irraa balleessa?» jedhee uf gaafata;
kunillee waan gatii hin qabne; jiruu rakko'ooti.
9Bu'aan hujii isaanii waan mishaa ta'uu danda'uuf
nama tokko ta'uu irra nama lama ta'uu woyya.
10Isaan lamaan keessaa namni tokko yoo kufe hiriyyicha isaatitu ol qaba;
namni hojja ufii jiru garuu yoo kufe
nama lafaa isa kaasu waan hin qabneef attam nama gaddisiisa?
11Namni lamaa yoo woliin rafe isaan lachuu wolitti oo'an;
nama hojja ufii rafu maaltu itti oo'a?
12Balaa namni tokko hin dandeenne nama lamaan uf irraa dhooggan;
haanni dacha'aan dhaddoo dhayame dafee hin citu.
13Nama gowwaa gorsa fudhachuu hin beennee fi jaarsa mootii irra dargaggeessa hiyyeessa ogeessatu caala.
14Dargaggeessichi mana hidha'aa keessaa bayee mootii ta'e yookaan biyyuma itti dhalate keessatti hiyyeessa ta'uu danda'a.
15Hennaa tokko baniin maruu dargaggeessa hulee mooti'ii bu'u hennaa hordofan arge.
16Hennaa inni mootii ta'ee bulchu namni isa hordofu baay'e'e; hennaa inni mootummaa irraa bu'e waan inni godhe saniif namni isa jajate hin jiru; kunillee gatii hin qabu; akka waan qilleensa duukaa deemu'uuti.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.