1Balchummaan isi'ii kennu akka haga lafa bari'uu ifuu fi
fayyummaan isi'iillee akka shawaa bobawuu haga ifutti
ani waan Tsiyoonii hin cadhisu;
waan Yerusaalemiillee hin cadhisu.
2Baniin balchummaa kee,
mootonnillee ulfinna kee hin argan;
ati maqaa haarawa Rabbi sitti baasuun waamamta.
3Ati akka ulfinna bareeda Rabbiin harka jiruutii fi
akka gulloo ulfinnaa moototaa ka harka Waaqa keetii jiruu taata.
4Ati ammaa achi «Ta gatamte» jedhamtee hin waamamtu;
lafti teellee «Ona» jedhamtee hin waamamtu;
maqaan haarofni ati ittiin waamamtu
Rabbi isi'itti gammada! ka jedhu ta'a;
biyyi tee ta «abbaa worraa qabdu» jedhamtee waamamti;
Rabbi sitti gammada;
biyyi tee akka dubartii abbaa worraa qabduu taati.
5Akkuma ka'imtichi durba idaayyittii fuudhu,
Rabbiin si uume akka abbaa worraa sii ta'a;
akkuma idaayyichi idaayyitti'itti gammadu,
Rabbi sitti gammada.
6Yerusaalem! Ani worra dallawa kee eegan;
ka halkanii fi guyyaa hin cadhifne kaayeera;
isin worri Rabbiin kadhattan
hara hin baafatinaa'a.
7Haga inni Yerusaalemiin ijaaruu fi
haga inni isin lafa maraa irratti qachaa beekkamtuu taasisutti
uduu gar gar hin kunne yaadachiisaa'a.
8Rabbi hunnaa fi baallii ufiitiin
«Ammaa achi midhaan kee akka diintonni nyaatan hin godhu;
daadhii woyini'ii kee haarawa ka ati itti dadhabde
ormi akka dhugu hin godhu.
9Midhaan ufumaa gootara'atti galfatan nyaatanii
ana Rabbiin galatoonfatan;
gaalee hurbu'uu daadhii woyini'ii ka ufumaa wolitti qabatan
gumii woyyuu keessatti ufumaa dhugan.
10Karaa balbala dallawaatiin lufaa'a;
namootaaf karaa qopheessaa'a;
karaa badhaa baasaa'a;
dhagaa karaa irraa dhooggaa'a;
malkata ol qaba'aa bani'itti mudhisaa'a.
11Rabbi, «Adunyaa marattuu
fayyisaan kee hin dhufa;
gatiinii fi badhaafni namootaa kennu isa woliin jira;
jedha'aatii intala Tsiyooniititti himaa'a» jedhee labsa.
12Baniin, «Worra woyyoomee fi worra Rabbi hambise»
jedhamanii waamaman;
atillee Yerusaalem «Qachaa barbaadamtuu fi
ta hin gatamne» jedhamtee waamamta.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.