Kitaaba Iyyaasu'uu 24 - Kitaaba Woyyuu

Dubbii Iyyaasu'uu Ka Dhumaa

1Iyyaasuun gosa banii Israa'elii maraa Seekemitti wolitti qabe; jaarsota Israa'elii, bulchoota isaanii, abboota murti'iitii fi worra hujii raawwachiisan waame; isaanillee dhufanii Rabbiin afoo dhaabatan;

2Iyyaasuun banii maraanuu, «Rabbi Waandhi Israa'elii akkana jedha, ‹Abboonni teessan Abrahaamii fi abbaan Naakoorii Taaraan dur laga Efraaxisii gamatti waaqolee tolfamaa waaqeffata'aa turan;

14Ammallee isin Rabbiin sodaadhaa'a; Rabbiin dhugamaan onnee teessan guutu'uun waaqeffadhaa'a; waaqolee tolfamaa abbootiin teessan laga gama biyya Misirii keessatti waaqeffatan uf irraa fageessaa'a; Rabbiin waaqeffadhaa malee.

15Yoo Rabbiin waaqeffachuun waan hamaa isinitti fakkaatee waaqolee tolfamaa abboonni teessan hennaa laga gama jiran yookaan biyya Amoorotaa ka amma keessa jirtan keessatti yoo ka waaqeffatan ta'ellee Rabbii waaqeffachu'uuf taatan adhuma filadhaa'a; anii fi manni kiyya garuu Rabbiin waaqeffanna» isaaniin jedhe.

16Baniinillee deebisee, «Rabbiin waaqeffachuu dhiifnee waaqolee tolfamaa kaawwan waaqeffachuun nu irraa haa fagaatu.

17Inni nu'uu fi abboota teenna garbummaa biyya Misirii keessaa nu baase, ka nu afo'otti maalalee gugurdaa godhe ka karaa deemne maraa fi orma keessa lufne maraa jiddu'utti nu eege Rabbii keenna.

18Rabbiin orma lafa irra jiru maraa fi worra Amoorotaa ka biyya san keessa jiru maraa afoo keennaa ari'e Rabbii keenna waan ta'eef isa waaqeffanna»

19Iyyaasuun bani'iin, «Inni Rabbi woyyu'uu fi Rabbii hinaafu waan ta'eef Rabbiin waaqeffachuu hin dandeettan; inni yakkaa fi cubbuu keessan isinii hin dhiisu.

20Rabbiin dhiiftanii waaqolee tolfamaa kanniin yoo waaqeffattan, inni yoo hagamillee dur waan mishaa isinii godhe, amma deebi'ee waan hamaa isinitti fidee isin balleessa» isaaniin jedhe.

21Baniin garuu Iyyaasu'uun «Wonti kun sirima hin ta'u, nu Rabbiin waaqeffanna» jedhaniin.

22Iyyaasuunillee bani'iin, «Isin akkuma Rabbiin waaqeffachuu filattan isinuu raga'a» isaaniin jedhe; isaanillee, «Ee nu raga'a» jedhan.

23Innillee «Amma waaqolee tolfamaa isin jidduu jiran uf keessaa baasa'aatii qalbii keessan gara Rabbii Waaqa keessanii deebisaa» isaaniin jedhe.

24Kanaan maayessa baniinillee Iyyaasu'uun, «Rabbii Waaqa keenna hin waaqeffanna hin ajajamnaafille'e» jedhaniin.

25Gaafas Iyyaasuun banii woliin waadaa galee, Seekemitti murti'ii fi seera isaanii kenne;

26Iyyaasuun seera kana maraa kitaaba seeraa irratti barreesse; kanaan maayessa dhagaa guddaa tokko fuudhee muka qilxu'uu ka mana woyyuu Rabbii bira jiru jalatti dhaabe.

27Iyyaasuun banii maraan akkana jedhe, «Dubbii Rabbi nutti hime maraa waan dhagayeeruuf dhagaan kun ragaa nutti ta'a; kanaafuu yoo Waaqa keessan gantan isin irratti ragaa ta'a» isaaniin jedhe.

28Kanaan maayessa Iyyaasuun banii maraa gara lafa isaanii yaase.

Iyyaasuunii Fi Alaazar Du'an

29Achiin maayessa garbichi Rabbii ilmi Nawwe'ee Iyyaasuun woggaan isaa dhibba tokkoo fi kudhan ta'ee du'e;

30Minaaseeraa biyya gaaraa ta Efreemii gaara Ga'aasii ka gara mirgaatiin jirtu daangaa lafa isaatitti awwaalan.

31Bara Iyyaasuun jiraate maraa waan Rabbi worra Iyyaasu'uun maayessa jiran maraa godhe haga beekan bara jaarsotaa maraa keessatti Israa'el Rabbiin hin waaqeffate.

32Lafee Yooseefii ka ijoolleen Israa'elii biyya Misiriitii fidde, lafa Yaaqoob abbaa Seekeemii ka ijoollee Emoorii irraa hoolaa dhibbaan bite ka qonnaa keessatti Seekeemitti awwaalan; qonni sun ijoollee Yooseefiitii kenname.Ser. Uma. 33:19; 50:24-25; Ser. Ba'u. 13:19; Yoh. 4:5; Hu. Er. 7:16

33Ilmi Aaroonii Alaazarillee du'ee, biyya gaaraa ka Efreemii lafa abbaan Finihaasii kenne Gibi'atti awwaalaniin.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help