Kitaaba Faaruu Ermiyaasii 5 - Kitaaba Woyyuu

Kadhaa Araaraa

1Yaa Rabbi! waan nu irra gaye yaadadhu;

salphinna keenna laali; argi!

2Lafti teenna worra gala'aaf;

manniin keenna worra nyaaphaatiif

dabarfamanii kennaman.

3Worra maatii hin qabnee fi worra abbaa hin qabne taane;

haawwonni teenna ta akka abbaa worraa hin qabnee ta'aniiran.

4Bisaan dhunnuuf gatii kaffalla;

qoraan bobeeffannullee hin bitanna.

5Worri nu ari'an koomee keenna jala jiran;

rakkanneerra; hara baafannaa dhabneerra;

6Buddeena quufu'uuf

Misirii fi Asooritti harka kennanne.

7Abboonni teenna cubbuu hojjatanii lufan;

nu'u adabbii isaanii baadhanne.

8Garboonni nu bulchan;

ka isaan harkaa bilisa nu baasu eennullee hin jiru.

9Sababaa guraadee lafa gammoojji'ii jiruutiif

lubbuu teennaan wodhaansa baanee;

buddeena arganne.

10Gogaan keenna akka sunsumaatitti gurraachate;

beelaanillee gubateera.

11Intallan Tsiyooniin keessatti;

durbii teenna qachoota Yihuuda'aa keessatti salphatan.

12Abboonni murti'ii isaan harkatti fannifaman;

jaarsonnillee hin kabajjamne.

13Dargaggeeyyii hunnaan daakuu daassifatan;

ijoolleen dhiiraa qoraan baatanii gatantaran.

14Jaarsonni balbala qachatti'iitii deemaniiran;

dargaggeeyyiin faaruu ufii dhiisaniiran.

15Gammachuun garaa keessaa nu bade;

sirbi keenna booyatti jijjiirame.

16Ulfinni nu irraa bu'eera;

nu hobbaas; waan cubbuu hojjanneerruuf!

17Sababaa kanaaf garaan keenna dadhabe;

sababaa kanniiniitiif ijji teenna laaluu dadhabde.

18Gaarran Tsiyoonii ta qullaa hafte;

ta jeedallan irratti taphattu taate.

19Waandhana; yaa Rabbi!

ati baraa haga bara baraa bulchita;

teessoon kee dhalootaa gara dhalootaa lufee jiraata.

20Maaf sirima nu irraanfatta?

maaf hennaa dheera'aaf nu dhiifta?

21Yaa Rabbi! gara kee nu deebis!

nullee hin deebinaa;

bara keenna akka bara durii nuu haarawoomsi;

22Yoo sirima ka nu hin gannee;

yoo hagaa olitti ka nuun hin lollee.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help