1Dubbiin Rabbii akkasuma ammallee ka akkana jedhutu
gara kiyya dhufe;
2«Dhaqii banii Yerusaalemiitiin
‹Isin armaan dura gammoojjii womaa keessatti hin margine keessatti
na duukaa deema'aa turtan;
hennaa san akkuma idaayyittiin idaayya'aaf jaalalaa fi
amanamummaa mishaa mudhisan
akkasuma isinillee natti mudhisa'aa akka turtan
hin qaabadha.
3Yaa Israa'el! Ati anaaf akka callaa jalqabaa ka filatamee turte;
ati lafa naaf woyyoomte turte;
kanaaf worra si miidhuu barbaadan maraa irratti
rakkinnaa fi balaa fide›
ka waan kana dubbate
ana Rabbi.»
Cubbuu Abboonni Israa'elii Ta durii hojjatan4Isin baniin gosa Israa'elii;
worri ijoollee Yaaqoobii taatan maruu!
dubbii Rabbi dubbate dhagayaa'a.
5Rabbi akkana jedha,
«Abboonni teessan ta durii
balleessaa maal na irratti arganii
na irraa fagaatan?
isaan waaqolee tolfamaa duwwaa ta'an
waaqeffatu'uun duwwaa uf godhan.
6Ani isaan biyya Misiriitii baase;
lafa gammoojji'ii keessa isaan masakke,
karaa lafa onaa bu'i bayii gogaa dukkanaa,
ka womaa keessa hin jiraannee fi hin deemne keessaa isaan baase;
isaan garuu ‹Waandhi kana maraa nuu godhe meeti?› jedhanii hin gaafanne.
7Ani lafa midhaan mishaa isaanii baaftu, ta isaan gammachiiftuu fi
michu'utti isaan galche;
isaan garuu lafa balleessanii
biyya isaanii kennellee batteessan.
8Gadoonni ‹Rabbi eessa jira?› jedhanii hin gaafanne,
beettonni seeraallee ana hin beenne;
worri banii bulchan natti ka'an;
raattonnillee waaqa tolfamaa ba'aaliitiin raaga dubbatan;
waaqolee tolfamaa duwwaa waaqeffatan›
Komii Rabbi Banii Ufii Komate9«Kanaafuu ani Rabbi isin banii kiyya komii komadhe
ijoollee teessanitti isin himadha.
10Wonti akkanaa kun armaan dura sirima akka ta'ee hin beenne akka hubattan;
mee gara Qophiroosii ta dhiya adu'uutiin jirtuu ta gara bisaaniin marfamtee dhaqaa'a;
gara biyya Qeedaarii ta baya biiftu'uutiin jirtuullee dhaamsa erga'aatii qoradhaa'a.
11Isaan waaqolee tolfamaallee yoo ta'an
baniin waaqolee tolfamaa jijijjiiratu hin jiru;
baniin kiyya garuu ana Waaqa ulfinna isaanitti uwwise ana Waaqa isaanii
waaqolee tolfamaa womaa isaanii hin gooneen na jijjiiratan.»
12Rabbi akkana jedha,
«Samiiwwan! «Isin sababaa kanaaf nayaa'a;
sodaa gudda'aan holladhaa'a.
13Baniin kiyya cubbuu lama hojjateera;
ana Waaqa burqaa jireennaa isaanii ta'e dhiisaniiran;
boolla qaalawa qabdu ta bisaan qabuu hin dandeenne ufiif qotataniiran.
Bu'aa Amantaa Dhabu'uu14«Israa'el garbittii bitamtee miti;
garbittii manatti dhalatteellee miti;
eeganaa diintonni isi'ii wonti akka bineensaa
isii dhadhoolaniif maali'i?
15Diintonni isi'ii akka Leenca darmi'ii itti aadan;
biyya isi'ii gara lafa gammoojji'iititti jijjiiraniiran;
qachoonni isi'ii gubatanii ona namni keessa hin jiraanne ta'aniiran.
16Namoonni Meemfoosiitii fi Xaafnaasii
si salphisanii sitti baldan.
17Israa'el! wonti kun maruu si irra gayeef woma ati ufii gooteen;
ana Waaqa karaa kee marattuu si masakku Rabbiin waan dhiifteef.
18Wonti ati gara biyya Misirii buutee bisaan laga Abbaayii dhuguu barbaaddeef bu'aa maal argatu'uuf?
gara biyya Asoorii buutee wonti bisaan laga Efraaxisii
dhuguu barbaaddeef bu'aa maal waan argattu sitti fakkaateeti?
19Amma hammeenna keetiin adabamta;
waan na ganteef sitti murteeffama;
ati ana Rabbii Waaqa kee irraanfattee
ulfinna naa kennitu dhiisuun kee
yakki kee hagam akka ulfaatuu fi akka hadhaayaa ta'e hubatta;
ka waan kana dubbate ana Waaqa Gooftaa banii maraati.»
Israa'el Rabbiin Waaqeffatuu Didde20Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Yaa Israa'el!
Hennaa dheera'aaf naa ajajamu'uu fi
na tajaajiluu dhiifteerta;
ati dhugamaan gaarran irraa fi gaaddisa mukkiinii jalatti
waaqolee tolfamaa biraa waaqeffatu'uun seebarteerta.
21Ani fiixaa filatamaa irraa akka biqiltuu woyini'iititti si dhaabee ture;
ati garuu jijjiiramtee akka biqiltuu woyini'ii ka lafa gammoojji'ii taatee badde.
22Yoo hagamillee handoode'ee fi saamuna'aan dhiqatte
yakki kee ifa ta'ee mudhata.
23Eeganaa ‹ani sirimaa uf hin batteessu;
waaqa tolfamaa ba'aaliitii sirimaa hin sagadu› jettee attamitti sobuu dandeetta?
mee cubbuu dhooqa keessatti hojjachu'uun battoofte laali;
ati akka gaala korma kajeeltee lafa gammoojji'ii keessa
asii fi achi raatofta.
24Harreen diidaa ta lafa gammoojji'ii keessa jiraattu
yoo tola fuudhu'uuf taate maaltu isii qabuu danda'a?
hulee harreen diidaa kormaan jiru
ufumaa suuftee waan dhaxxuuf
kormaan isii soqaa hin deemu.
25Yaa Israa'el! waaqolee tolfamaa biraa woliin seebaru'uuf
olii gad uduu deemtu kophee luka keetii hin fixatin;
kokkeen tee dheebu'uun si hin gogin;
ati garuu ani waaqolee tolfamaa waaqeffatuu waan barbaadee fi
itti bulu'uufillee waan murteeffadheef uf duuba hin deebi'u!› jetteerta.
Israa'el Adabamte26Rabbi akkana jedha, «Akkuma hattuun hennaa qaban saalfattu akkasuma hennaan baniin Israa'elii, mootonni isaanii, bulchoonni isaanii, gadoonni isaaniitii fi raattonni isaaniillee saalfatan hin dhufa.
27Worri mukaan ‹ati abbaa keenna›; dhaga'aan garuu ‹ati haadha teenna ta nu deette› jettan maruu hin salphattan; wonti kun isin irra gayuuf gara kiyya deebi'uu caalaa waan na irraa fagaattaniif; hennaa rakko'oo garuu akka ani isin oolchuuf na waamattan.
28Waaqoleen tolfamaan isin harka keessaniin hojjattan eessa jiran? yoo ka danda'anii hennaa rakkattan mee isaan isin haa oolchanii; Yaa Yihuudaa'a! akkuma qachoonni tee baay'atan waaqoleen tolfamaan keellee baay'ataniiran.»
29Rabbi akkana jedha, «Isin maruu na diddaniirtan; eeganaa wonti naan mormitaniif maali'i?
30Isin sirimaa worra hin qajeelle waan taataniif adabbiin ani isin adabu duwwama; isin akka leenca aaree loluu taatanii raattota teessan guraade'een ajjeeftan.
31Isin worri bara kana jirtan baniin Israa'elii waan ani isinitti himu dhagayaa'a; akka lafa gammoojji'ii yookaan akka lafa dukkanooftee isinitti ta'ee? eeganaa isin ‹nu waan barbaanne goona malee sirimaa gara kee hin deebinu› wonti jettaniif maali'i?
32Durbi faaya ittiin qandhaftuun hin irraanfattii? idaayyittiin uffata idaayya'aa hin irraafattii? baniin kiyya garuu baroota baay'ee laakkayamuu hin dandeenneef na irraanfataniiran.
33Ati jaalalloota tee faana deemu'uuf hagam qaroomte? deemsi jireenna keetii deemsa jireenna dubartoota haala badanii fakkaata.
34Uffanni kee dhiiga worra balleessaa hin qabneetii fi ka hiyyeeyyi'iitiin badeera; ati garuu waan kana maraa gootee ‹ani qulqullu'u, dhugamaan Rabbi naan hin lolu› jetta;
35sababaa ‹ani cubbuu hin hojjanne› jettee waakkatteef ani Rabbi sitti murteessa.
36Ati gara waaqolee ormaa deebitee uf salphifteerta; akkuma armaan dura sababaa biyya Asooriitiif salphatte ammallee sababaa biyya Misiriitiif salphatta.
37Ati salphattee harka kee mataa kee irra kaayattee hulee sanii deemta; ani Rabbi waan ati hedattu maraa waan balleesseef wonti ati isaan irraa argattu tokkollee hin jiru.»
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.