Raajii Yoonaasii 2 - Kitaaba Woyyuu

Yoonaas Rabbiin Kadhate

1Yoonaas garaa qurxummi'ii keessa taa'ee akkana jedhee Rabbii Waaqa ufii kadhate,

2«Yaa Rabbi! ani rakkoo hamtuu keessa ta'ee si waamadhe;

atillee naa deebifte;

gargaarsa kee argachu'uuf qilee awwaalaa keessaa

gara kee iyye;

atillee naa dhageette.

3Ati galaana xiillaa keessatti na gatte;

naannaya kiyya bisaantu marse

dambaliin kee jabaan na irra yaa'e.

4Ani nama si jalaa bade;

garuu ani deebi'ee mana kee woyyuu arga.

5Bisaan haga mormaa na dhufe;

galaanni sirima na liqimse,

baalli margaa ka galaana keessatti baye mata'atti na marame.

6Ani gaarran jalatti bade;

lafa achi jalaa keessatti silaa

baraa haga bara baraa natti cufamee ture;

ati garuu Rabbi Waaqa kiyya!

qilee bisaanii keessaa na baaftee lubbuu tiyya hambifte.

7Hennaa lubbuun tiyya dadhabde

Rabbiin qaabadhee,

si'i Waaqa kiyya kadhadhe;

kadhaan kiyya mana woyyuu keetitti si bira gaye.

8Worri waaqolee tolfamaa sobaa faanaa deeman maruu

amanamummaa sii qaban dhiisaniiran.

9Fayyinni Rabbiin bira jira;

kanaafuu faaruu galataa woliin ciincaa sii dhiyeessa;

waan woreega sii qabe sii kenna» jedhee kadhate.

10Kanaan maayessa ajaja Rabbiitiin qurxummiin Yoonaasiin lafa gogaa irratti tufe.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help