Dubbii Nagayaa Ka Maarqoosii 1 - Kitaaba Woyyuu

Lallaba Yohaannisii Cuupha'aa(Mat. 3:1-12; Luq. 3:1-18; Yoh. 1:19-28)

1Jalqabni Dubbii Nagayaa Ilma Rabbii ka Yesuus Kiristoosii kana.

2Kitaaba raatticha Isaayyaasii keessatti,

«Ani ergamaa kiyya ka karaa sii qopheessu

si afo'otti erga.

3 inni irra deemullee qajeelchaa'a› jedha'aa

laagaa namicha iyyu tokkoo» jedhamee

akkuma barreeffame.

4 kophee isaa gad jedhee hiikuun naan hin malle tokko na duubaan dhufa'aara.

8 ture. Achitti bineensota jidduu ture. Maleekkonni isa tajaajilaniin.Waamamuu Darasoota Duraa(Mat. 4:12-17; Luq. 4:14-15)

14-15 amanaa'a.» jedha'aa Dubbii Nagayaa ka jeennata Rabbii lallaba'aa gara Galiila'aa dhufe.

16Uduu galaana Galiila'aa bira lufa'aaru Simoonii fi obboleessi isaa Indiriyaas siiboo isaanii gara galaanaa hennaa darban arge. Isaan worra qurxummii qaba'aa turan.

17Yesuus, «Na faanaa koottaa worra nama wolitti qabu akka taatan isin taasisaa» isaaniin jedhe.

18Yoosuu siiboo ufii dhiisanii isa faanaa deeman.

19Akkuma diqqoo achi siiqeen ilmaan Zabdewoosii Yaaqoobii fi obboleessa isaa Yohaannisiin yabala irratti uduu isaan siiboo midhaaffatan argee,

20Yoma san isaan waame; isaanillee abbaa isaanii Zabdewoosiin hojjattoota woliin yabala irratti dhiisanii isa faanaa deeman.

Yesuus Ayyaana Hamaa Baase(Luq. 4:31-37)

21 6:2; Luq. 4:16 Gara qachaa Qifirnaahoomii dhaqanii guyyaan Sambataa hennaa gaye Yesuus gara mana sagada Yihuudotaa seenee barsiise.

22Mat. 7:28-29 Inni akka barsiisota seeraa uduu hin taane akka nama baallii qabuutitti waan barsiisa'aa tureef namoonni barumsa isaa maalalfatan.

23Hennaa san mana sagada Yihuudotaa keessatti nama ayyaanni battiin dhayeeru tokkotu ture.

245:7; Mat. 8:29; Yoh. 6:69 Inni, «Yesuusii Naazireetii si woliin maal qabna? Nu balleessu'uuf dhuftee? Eennuun akka taate si beeka, ati Woyyicha Rabbiiti» jedhee iyye.

25Yesuus, «Cadhisi! Isa keessaa bayi» jedhee teedeffate.

269:26 Ayyaanni battiin dhidhiitachiisee laagaa gudda'aan iyyee isa keessaa baye.

27Martinuu, «Kun maali'i? Baalli'iin ayyaannan battii ajaja; isaanillee hin ajajamaniif; barumsi haarofni kun maali'i?» jedha'aa baaseffatanii wol gaggaafatan.

28Gurri isaallee yoosuu biyya Galiila'aa maraa keessatti dhagayame.

Yesuus Dhukkubsattoota Hedduu Fayyise(Mat. 8:14; Luq. 4:38-41)

29Yoma san mana sagada Yihuudotaatii bayee Yaaqoobii fi Yohaannisiin woliin gara mana Simoonii fi Indiriyaasii seene.

30Hu. Er. 28:8 Soddaatiin Simoonii dhibee haxaxxe'eetiin dhibamtee ciiftee turte. Yoosuu waan isi'ii itti himan.

31Itti dhiyaatee harka isi'ii qabee ol kaaseen; haxaxxeen bakkumatti dhiiseen. isiin ol kaatee isaan keessummeessite.

32Hennaa aduun dhiite worra dhibamanii fi worra jinniin keessa jiru maraa gara isaa fidan.

33Namoonni qachaa sanii maruu balbala afo'otti wol gayan.

34Hu. Er. 16:17-18 Worra dhibee adda addaatiin qabaman heddu fayyisee; jinnii hedduullee baase; Jinnoonni Kiristoosiin akka ta'e beekanii waan turaniif akka dubbatan isaan hin hoffolchine.

Yesuus Faateffatee Galiilaa Keessatti Dubbii Nagayaa Barsiise(Luq. 4:42-44)

35 6:46; Mat. 14:23; Luq. 5:16 Yesuus ganama barii dimimmisaan ka'ee bayee gara lafa udume'ee dhaqee achitti faateffate.

36Simoonii fi worri isa woliin jiran isa soqa'aa isa faanaa deeman.

37Hennaa isa argan, «Maruu si soqa'aaran» jedhaniin.

38Inni ammo, «Ka'aa gara ganda dhiyoo jiranii haa deemnuu, Ani achittillee dubbii nagayaa barsiisaa; wonti ani dhufeef kanaa» isaaniin jedhe.

39Mat. 4:23; 9:35 Mana sagada Yihuudotaatitti lallaba'aa, jinniillee baasa'aa biyya Galiila'aa keessa naannaye.

Yesuus Namicha Tokko Fayyise(Mat. 8:1-4; Luq. 5:12-16)

40Namichi dhibee gogaa kukkutuun qabame tokko gara isaa dhufee jilbiiffatee, «Yoo fedha kee ta'e na fayyisuu dandeetta» jedhee kadhateen.

41Yesuusillee garaa laafeefii harka ufii hiixatee qaqqabeenii «Fedhii kiyyaa fayyi» jedheen.

42Akkuma inni dubbateen dhibeen sun isa dhiise; namichillee hin fayye.

43-443:12; 7:36 Achiin maayii Yesuus namichaan «Eennuttillee waa tokko akka hin dubbanne uf eegi. Deemi ammo gadichatti uf mudhisi; isaaniifillee akka ragaa ta'u fayyuu keetiif waan Muuseen ajaje dhiyeessi» jedhee jabeessee isa seeree geegesseen.

45Inni ammo akkuma arge dubbata'aa, oduu biyya maraan gaye. Kanaaf Yesuus achiin maayessa hulee udumee namni hin jirre ture; gara qacha'aa seenuu hin dandeenne. Namoonni bakka adda addaatii gara isaa dhufa'aa turan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help