1Worri chaappeesse ilma Hakaaliya'aa Nahimiyaa biyya bulchu,
2Sedeqiyaas,
Sarrayaa, Azaariyaas, Ermiyaas,
3Faaskoor, Amaariyaa, Malkiyaa,
4-5Haxuus, Sabaniyaa, Maluuk,
6Kaariim, Meeriimoot, Abdiyyuu,
Daani'eel, Geentoon, Baarook,
7-8Meesulaam, Abiyaa, Miiyaamiin,
Ma'aaziyaa, Beelgaayii fi Shaamaayaa fa'a.
Isaan kunniin gadoota turan.
9Leewwonnillee,
Iyyaasuu ilma Azaariya'aa,
ijoollee Eenhadaadii keessaa Biiniwii,
10Qadimi'eel,
Obboleewwan isaaniillee Sabaaniyaa, Hoodiyaa,
Qolixaas, Feeliyaa, Haannaan,
11Miikkaa, Ra'aab, Hashabiyaa,
12-13Zakuur, Sarraabiyaa, Sabaniyaa, Hoodiyaa, Baanii fi Biniinu'u.
14Bulchoonni bani'ii,
Faaroos, Fahaat, Moo'aab,
Eelaam, Zaatuu'i, Baanii,
15Bunii, Aazgaayi, Beebaayi,
16-17Adooniyaas, Baguwaayi,
Adiin, Axeer, Hisqiyaas,
18Azuur, Hoodiyaa,
Hasuum, Beesaayi, Hariif,
19-20Anaatoot, Noobaayi, Magiphi'aas, Meesulaam,
21-22Eeziir, Mesezebeel, Saadooq, Yaadu'aa, Falaaxiyaa,
23Haannan, Aanayaa, Hosee'i,
Hannaaniyaa, Asuub, Alo'ees,
24-25Falihaa, Soobeeq, Reehuum, Hasabinaa,
26-27Ma'iseeyaa, Akiyaa, Haannaan, Aannaan, Maluuk, Kaariimii fi Ba'aana'a.
Wolii Galtee Taasifame28Baniin hafellee gadoonni, Leewwonni, worri balbala eegan, faarfattoonni tajaajiltoonni mana woyyu'uutii fi worra Yihuudii hin taane ka biyya lafaa keessa jiraatan keessaa worri seera Rabbiitiif uf fooyan maruu, haawwonni manaa isaanii, ijoolleen isaanii ta dhiiraatii fi ta intalaa, worri waa beekanii fi worri waa hin beenne maruu gara obboleewwan isaaniitii fi
29gara worra gugurda'aa siiqan; akka seera Rabbi Muusee garbicha ufiititti kenneen jiraatan, seeraa fi ajaja Rabbii Gooftaa keennaa eeganii raawwatu'uuf kakatan.
30«Ijoollee teenna ta intalaa, worra Yihuudii hin taanee hin kenninu; ijoollee isaanii ta intalaa ijoollee teenna ta dhiiraatitti hin fuunu.
31Guyyaa sambataatiin worri Yihuudii hin taane mi'a daldalaatii fi midhaan adda addaa gurgurachu'uuf yoo dhufan, guyyaa sambataa yookaan guyyaa woyyu'uun, woma tokkollee isaan irraa hin bitannu, daraaraa woggaa torbeesso'ootii fi liqaallee isaanii dhiifna» jedhanii kakatan.
32-33Waan tajaajila mana woyyu'uutiif, waan xoroshoo ilaalchaa, waan ciincaa midhaanii ka hennaa maraa guyyaa Sambataatii fi jalqaba ji'aa dhiyeessuu, waan ciincaa midhaaniitii fi waan ciincaa ciincawuu, waan ayyaanaatiif, waan wontoota woyyooman ka worra Israa'eliitiif dhiifamsa cubbu'uutiif ta'u, waan ciincaa cubbu'uu, waan hujii mana Waaqa keennaatiif, wogga wogga'aan barbaachisu sadihi keessaa tokko fidu'uuf ajaja fudhanne.
34Nu'u, gadoonni, Leewwonninii fi baniin maruu akka hortee manniin abboota keennaatiin hennaa murtaaye keessatti akkuma seera irratti barreeffame ciincaa Rabbii Waaqa keennaaf ciincawu, kennaa ibiddaan ciincawu dhiyeessu'uuf hixaa wolitti buufne.
35Hangafa wogga wogga'aan lafa keenna irraa argannu, sanyii muka adda addaa maraa gara mana Rabbii fidu'uuf,
37Midhaan galfannu keessaa dura, daraaraa muka maraa, woyini'ii fi dhadhaa ejersaa gara gola mana Waaqaa keennaa ka gadoonni jiranii fidu'uuf, Leewwonnillee maasaa qachaa keennaa keessaa waan kurneessoo fudhataniif, waan lafa qonne keessaa arganne gara Leewwotaa fidu'uuf kakanne. Ser. Lak. 18:21
38Hennaa worri Leewwotaa kennaa kudhan keessaa tokko fudhatan, ilmi Aaroonii gadichi worra Leewwotaa bira haa ta'uu; worri Leewwotaallee hennaa kennaa kudhan keessaa tokko argatan waan argatan san keessaa harka kudhanii keessaa tokko gara gola mana Waaqa keennaa gara hulee meeshaan mana Waaqaa jiruu haa fidanii. Ser. Lak. 18:26
39Worri Leewwotaatii fi ijoolleen Israa'elii kennaa midhaanii, kennaa woyini'ii, kennaa dhadhaa ejersaatii fi kennaa waan cubbu'uutiif dhiyeessan gara hulee meeshaan mana woyyu'uu jiruu gara gadootaa, gara worra balbala eeganii, gara hulee worri faarfattootaa jiranii haa seensisanii.
Nu'u sirima mana Rabbii Waaqa keennaa hin dhiifnu.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.