Kitaaba Seena'aa ka 2ffaa 26 - Kitaaba Woyyuu

Ooziyaa Mootii Biyya Yihuuda'aa(Mot. 2ffaa 14:21-22; 15:1-7)

1Baniin biyya Yihuuda'aa maruu Ooziyaa mucaa woggaa kudha jahaa bikka Ameesiyaasii abbaa isaa moosisan.

2Mootichi haga du'ee awwaalameen maayessa Ooziyaan Eelaatiin ijaaree gara biyya Yihuuda'aa deebise.

3Ooziyaan hennaa mooyu nama woggaa kudha jahaati; inni Yerusaalemiin keessa jiraata'aa woggaa shantamii lamaa bulche; haati isaa Yikooliyaan intala Yerusaalemii turte.

4Inni akkuma abbaan isaa Ameesiyaas hojjate Rabbiin afo'otti waan qajeelaa hojjate.

5Zakkaariyaas namni Rabbii akka inni Rabbiin sodaatu isa barsiifnaan inni onnee ufii guutu'uun Rabbiin sondhaan Rabbi waan maraan isa eebbise.

6Ooziyaan worra Filisxeemiitiin lolee dallawa qachaa Geetii, Yebina'aatii fi qachaa Azaaxoonii diigee biyya Azaaxooniitii fi biyya Filisxeemii keessatti deebisee qachoota ijaare.

7Rabbi akka inni worra Filisxeemii, worra Arabaatii fi worra Mi'uunotaa ka Gurba'aaliin keessa jiraatan maraa akka mooyatu taasise.

8Worri Amoonotaa Ooziya'aaf gibira gabbaran; inni waan gurri isaa guddisee dhagayameef haga balbala biyya Misirii seenaniititti dhagayame.

9Ooziyaan seensa balbala dallawaa, seensa dallawa dhooqaatii fi naannaya dallawaa irratti dallawa waa tooyachu'uuf tolu ijaaree kushee Yerusaalemii jabeesse.

10Inni horii baay'ee waan qabuuf lafa onaa, lafa gammoojji'iitii fi lafa badda'aatitti dallawa ijaare; boolla bisaanii baay'ee qote; qonnallee waan jaalatuuf lafa gaaraatii fi lafa michuu worra lafa qotuu fi hojjattoota biqiltuu woyini'ii dhaaban qaba.

11Ooziyaan loltoota lolaaf leenji'anii qophaayan qaba; maqaan baay'inna loltoota isaa namoota mootichaa waa barreessan Ma'iseeya'aa fi Yi'i'eelitu isaan galmeessa; namni ol aantumma'aan isaan tooyatu Hanaaniyaa mana mootumma'aa keessatti hojjattoota woliin hojjatu ture.

12Ka loltoota isaa masakku namoota kuma lamaa fi dhibba jahaa ka gosa isaanii bulchan.

13Bulchoota kanniin jala worra diintota mootichaa irraa dhoogguu danda'an jannoota kuma dhibba sadihiitii fi kuma torbaa fi dhibba shanii turan.

14Ooziyaan loltoota maraafuu wonte'ee fi woraana, sibiila mata'atti godhatan, ka qomaa, ebo'oo fi buundhee, furaanfurrisa fi dhagaa darbataniinillee kenneef.

15Mootichi Ooziyaan namoota Yerusaalemiin keessatti hojii ogumma'aatiin leenji'an gamoo irra taa'anii eeganii fi roga dallawa qachatti'ii irra buundhee, meeshaa dhagaa gugurdaa darbataniin akka hojjatan godhe; waan Rabbi isa gargaareef inni guddisee jabaate; gurri isaa guddisee waan beekkameef hulee marattuu dhagayame.

Ooziyaan Waan Booneef Adabame

16Ooziyaan haga mootummaa ufii jabeeffate boonee Rabbii Waaqa ufii yakkee boonuu ufiitiin kufiinsa ufitti fide; gara mana woyyuu Rabbii seenee hulee hixaana itti aarsan irratti hixaana aarsee Rabbiin gaddisiise.

17Azaariyaan gadichinii fi gadoonni isa woliin jiran ka onnee guutu'uu namoonni saddeettamaa mooticha faana gara mana woyyu'uu seenan.

18Isaanillee mooticha Ooziyaa morma'aa «Ooziyaa'a! worri hixaana aarsu gadoota ijoollee Aaroonii ta muudamte malee ati hixaana aarsuun si hin barbaachisu; yakkiteertaa mana woyyuu keessaa bayi wonti kun Rabbii Waaqa kee biraa ulfinna sii hin ta'u» jedhaniin.

19Ooziyaan hixaana aarsu'uuf qophaayee girgiraa hixaana irratti aarsan qabatee hulee ciincaa irratti dhiyeessan bira dhaabatee akkuma inni aaree dallaneen yoma san dhibeen gogaa kukkutu kallacha isaa irratti mudhate.

20Azaariyaas gadichi guddaanii fi worri gadootaa maruu hennaa isa laalan kallacha isaa irratti dhibee gogaa kukkutu arganii daddafanii mana woyyuu keessaa isa ari'an; Rabbi waan isa rakkiseef dafee achi keessaa baye.

21Mootichi Ooziyaan haga gaafa du'uutitti dhibeen gogaa kukkutu isuma irra ture; waan sababaa dhibee saniitiif mana woyyuu keessaa ari'ameef mana addaa keessa jiraate; Iyyoo'aataam ilmi isaa mana mooti'ii keessa taa'ee banii bulcha'aa ture.

22Wonti mootichi Ooziyaan hojjate jalqaba irraa haga dhumaa Isaayyaas ilmi Amootsii raattichi barreesseera.

23Ooziyaan du'ee nama dhibee gogaa kukkutuun qabameeru jedhanii awwaala abboota isaa bira qonna moototaa biratti awwaalan; wonti awwaala moototaa biratti awwaaluu didaniif waan inni dhibee gogaa kukkutuun qabameeruuf; bikka isaa ilma isaa Iyyoo'aataamtu mooye.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help