1Yaa Rabbi! garaa guutu'uun si galatoonfadhaa;
waan kadhaa kiyya naa dhageetteef maleekkota afo'otti faaruu sii dhiyeessa.
2Gara mana woyyuu keetii sagada'aa;
waan jaalala keetiitii fi waan amanamummaa keetii,
maqaa keetii galata dhiyeessa;
maqaa keetii fi dubbii kee maraa waan caalchiteertuuf.
3Guyyaa si waamadhe deebii naa deebifte,
jabeenna keetiin na jajjabeessite.
4Yaa Rabbi!
hennaa dubbii afaan keetii dhagayan
mootonni adunyaa tanaa maruu si haa galatoonfatanii.
5Waan guddinna ulfinna keetiitii fi,
waan maalalee keetii maraaf si haa faarfatan.
6Rabbi yoo hulee gubba'aa jiraatellee,
waan gad jiru hin arga;
ka uf jajullee fago'otti beeka.
7Yoo rakkoon na marsellee eeddoo naa taatee na jiraachifta;
ati lubbuu tiyya hin eedda;
dheekkamsa diintota tiyyaa irratti harka kee hiixatta;
harka kee ka mirgaatiin na oolchita.
8Rabbi kaayoo na irraa qabu hin raawwata;
Yaa Rabbi! jaalalti tee baraa haga bara baraati;
yabo'oo hujii harka keetiititti hin cadhisin.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.