1Ani deebi'ee hennaa laalu kitaaba maramee qilleensa irra bararu arge;
2Maleekkichi «maal arga'aarta?» jedhee na gaafate; anillee «kitaaba maramaa dheerinni isaa meetira kudhaniitii fi badhinni isaa meetira shanii ka qilleensa irra barara'aaru arga'aara» jedheen.
3Innillee «kitaaba maramaa san keessatti abaarsa biyya marattuu dhufutu irratti barreeffameera; kitaabni maramaan sun gara tokkoon, ‹Hattuun maruu lafa irraa bada ka jedhu yoo ta'u gara biraatiin ammo ‹worri sobaan kakatan maruu hin badan» jedha.
4Rabbi Gooftaan banii maraa «Ani abaarsa kana hin erga; inni gara mana hattootaatii fi gara worra sobaan maqaa kiyyaan kakata'aa dubbatanii maraa seena; abaarsi sun hennaa mana isaanii seene achi turee manniin isaanii maraa hin diiga jedha» naan jedhe.
Mudhata Zakkaariyaas Raattichi Waan Dubartii Keeshee Keessa Jirtuu Arge5Maleekkichi ammallee gara kiyya dhufee «wonti dhufa'aaru maal akka ta'e laali» naan jedhe.
6Anillee «wonti kun maali'i?» jedheen, innillee «wonti kun keeshee cubbuu biyya marattuu ta'a'aaru mudhisu» naan jedhe.
7Keesheen sun qadaaddoo cilee dhaga'aa irraa hojjatame qaba; uduma ani laalu qadaaddoon isaa irraa ol baname; keeshee san keessa dubartii takkatu taa'eera.
8Maleekkichi, «Haga Dubartiin tun fakkeenna dhibu'uuti» naan jedheen maayessa dhiibee keeshee keessa gad deebisee qadaaddoo deebisee cufe.
9Ani hennaa ol jedhee laalu dubartoonni lamaa barara'aa natti dhufan; koolli isaanii akka koola shaallo'oo jaba'a; isaan keeshee san lafaa fuudhanii gara sami'ii ol bararan.
10Anillee maleekkaa na woliin dubbata'aa tureen «Keeshee eessa fida'aaran?» jedhee gaafadhe.
11Innillee, «Gara Sanaa'oorii fidanii mana isaa ijaaru'uuf ta'an; manni ijaaramee yoo dhumateen maayessa keeshee achi kaayan» naan jedhe.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.